Filannoo waliigalaa 7ffaa hordofee  mootummaa  haaraan torban xumura ji’a Fulbaanaa  Wiixata  hundeeffamee jira. Akka heera biyyattiitti paartiin badhaadhinaa sagalee caalmaa filannoo waliigalaa argachuun Mootummaa Ida’amuu hundeesseera. Mootummaan haaraan kun yeroo biyyattiin rakkoo keessoofi naannawaatiin qoramaa jirutti, cichoominaan dhabatee,  itti gaafatamummaafi imaanaa biyyaa guddaa kan fudhatedha.

Itoophiyaan biyya seenaa ijaarsa mootummaa dheeraa qaban keessaa adda dureedha. Biyya bilisummaa isheefi eenyummaa ishee eegdee as geessedha. Biyya sabaafi sablamoota hedduu qabaachuun, sabdaneettiifi afdaneettii taatedha. Biyya qabeenya uumamaafi namtolcheen badhaateefi uummata bal’aa qabdu dha.

Bakki argama Itoophiyaa Gaanfa Afrikaa ta’uun biyyootni olaantummaa siyaasafi diinagdee gonfachuuf bakka xiyyefannoo itti kennanidha.  Itoophiyaan bakka madda Laga  Abbayyaafi dhiheenya Galaana Diimaafi Indiyaaa kan qabdu  waan taateef siyaasaa Gaanfa Afrikaaf handhuuradha. Sababoota kanaan biyyi keenyaa carraa guddachuu qabaattus  qormaata dhibbaa biyyoota aalaafi qaamoolee garaa garaa  qabdi.

Uummatniifi Mootummaan Itoophiyaa gamtoomuun yaalii gita bittootaa Adwaatti injifachuun addunyaa kan raajeffachiise dha. Biyyattiin tokkummaa uummataa qabduun Adwaa duraanis ta’e booda weeraroota hedduu irrattii baname injifachaa as geessetti.

Qaroomina Aksuum, Laalibalaa, Gondar, Jagool harariifi kanneen biroo UNESCOtti galmeessisuun haawwata turizimii adunyaa ta’u dandeessetti. Aadaafi dudhaa waliin jiraanyaa tolfachuun seenaa ijaarsa mootummaafi bulchiinsa ammayaawaa kan qabdudha.

Hidha laga Abbayyaa ijaaruun gootummaafi injifannoo adda waraanaan qabdu misoomaanis agarsiftee jirti. Walumaagalattii maddii injifannoo biyyattii tokkumma uummata biyyattii irratti kan bu’uurefatedha. Icciitii kana akkumma nuti beeknu diinootni biyyattiis haalaan baraniiru. Kanarraa kan ka’e biyyootnifi qaamoleen gara garaa dadhabinaafi kufaatii Itoophiyaatiin feedhii keenyaa raawwachisna jedhanii kanneen yaadan xiyyeeffannoo isaanii haala danda’ameen tokkummaa uummata biyyaattii dadhabsisuudha.

Baroota muraasa darban keessa Itoophiyaan rakkoo keessoon qoramaa turteettti. Rakkooleen kunneen walshakkiifi walgaarreffannaa uummataa uumuun tokkummaa uummata biyyattiif danqaa kan ta’aniidha. Walitti-dhufeenyaa uummataafi mootummaas kan laaffisuudha. Imala biyyaattiin fuulduratti qabdu kan duuba deebisudha. Rakkoon kun dhibbaa biyyoota alaafi qaamolee adda addaan kan deeggarame ta’us banaaleen keessoo keenyaa haala mijataa isaaniif uumee jira. Cabinsi siyaasaafi seenessi anatu caalaafi ofittummaan biyyattii keessatti dagaagee jira.

Biyya siyaasafi diinagdee tokko qabdu keessatti naannoon kun kankootiifi kan kee miti waliin jechuun lammiilee nagaa hedduu miidhaa garaagaraaf saaxilee jira. Walumaagalatti, banaaleen keessoo keenyaa qaamootni alaa dhimma biyya keenyaa iraatti harkaa akka gashataniif haala mijataa uumeera.

Mootummaan haaraa biyyattii karoora gurguddoo ifoomse jira. Misoomanis ta’e dhageettii biyyattiin qabdu olguddisuuf karoorri mootummaan haaraa qabate fulduratti kan tarkanfachisuudha. Hojiirra oollaan karoorri mootummaa haaraa, biyyattiif seenaa haaraa kan saaquudha. Karooraaleen kunneen hirmaannaafi kutannoo uummata bal’aa biyyattii kan barbaadudha;Kun tokummaa uummata biyyattii  barbaada. Walitti-dhufeenyi uummataafi mootummaa, wal-amantaafi biyyaaf dursa keennuu gaafata. Rakkoo keessoo keenyaa sirnaan furuu ni mala. Mootummaan haaraa Itoophiyaa seenaa haaraa biyyattii saaquuf tokkummaa keessoo hundeen ijaaruu dursa kennu qaba. Kun biyyootaafi qaamolee biyyattii dadhabsiisuu barbaadan hunda adaba kan itti godhudha. Itoophiyaan waloomaan ni ijaaramti; tokkummaan ni injifatti! Seenaan hundee injifannoo biyyattii tokkummaadha.

Oduu

AMECO Hirkoo