Rakkoolee yeroo ammaa akka biyya keenyaatti muul’atan keessaa tokko hoji-dhabdummadha. Yeroo baay’ee biyya keenya kesssatti dargaggoonni hojii malee yeroo ta’antu mul’ata. Dargaggoonni barnoota sadarkaa garagaraa xumuruun hojii dhabanii taa’aa jiru. Rakkoo kana furuuf sadarkaalee biyyaatti mootummaan xiyyeeffannoo kennee carraa hojii uumaa jira.
Bulchiinsaa Magaalaa Kamiseettis waajjirri carraa hojii uumuu rakkoolee hojii dhabdummaa furuuf dargaggoota gurmeessee carraa hojii hojii dhabdootaaf uumaa jira. Aadde Sa’aadaa Mahaammad jiraattuu Magaalaa Kamisee Ganda Amaraachii, hojii uummachuun mana nyaataa banattee hojjechaa jirti. Keessumaa dargaggoonni fedhii, beekumsaafi dandeettii qaban hojii mootummaa yookiin dhaabbata tokko irraa eeggachuu qofa osoo hin taane, yaada isaanii gara hojii qabatamaatti jijjiiruun ofiifis ta’e namoota biroof carraa hojii uumuu akka qaban dubbataniiru. kaka’umsi guddaan fedhii hojii qabaachuufi ofitti amanamummaa ta’uu ibsanii, “Yoo jabaannee hojjenne madda galii argachuu, of danda’uufi maatii keenya deeggaruu ni dandeenya,” jechuun yaada ishee addeessiteetti.
Tattaaffii dhuunfaa isheen rakkoolee ishee mudatan suuta suutaan keessa darbuun hojii uummachuu ibsite. Erga hojii kana eegaltee as galii ishee guddifachuu, wantoota bu’uura jireenyaa ta’an hunda guuttachuu danda’uu ibsan. Hojii ofii uummachuun bu’aa nama dhuunfaa qofaan kan daangeffamu osoo hin taane, hawaasa keessatti carraa hojii dabalataa uumuuf, tajaajila babal’isuufi sochii diinagdee naannoo cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaaf carraa hojii dhabdummaa dargaggootaa xiqqeessuuf tattaaffiin dhuunfaa qofti gahaa waan hin taaneef, deeggarsi mootummaa, ogeessotaafi hawaasaa murteessaa ta’uu himan.
Jiraataan Magaalaa Kamisee Ganda 04 Obbo Ahimad Raashiid, carraa hojii argataniin hojii horsiisa lukkuu irratti bobba’uun hojjecha jiran. hojii kana irratti bobba’ee hojjechuuf kan naa kakaase keessaa inni guddaan fedhii hojii qabaachuu wanta hawaasni naannoo isaanii barbaadu guutuu, carraa hojii argatanitti sirnaan fayyadamuun jireenya isaanii jijjiiruufi dargaggoota biroof fakkeenya gaarii ta’uudha jedhan.carraa hojii kana argachuu isaanii dura hojii dhabuun, jireenya fooyya’aa barbaacha godaansa seeraan alaa gara biyya alaa deemuun rakkoolee hedduu isaan mudachuu himan. Haata’u malee, yeroo ammaa kana carraa hojii biyya ofii argataniin hojii ofii isaanii irratti bobba’uun jireenya isaanii keessatti jijjiirama guddaa argamsiisuu ibsaniiruu.carraan hojii argachuun nama tokkoof galii qofa osoo hin taane, abdii, ofitti amanamummaafi jireenya fooyya’aa ijaaruuf bu’uura ta’uu dubbatan.
Keessumaa namoota yeroo dheeraaf hojii dhabdummaa keessa turaniif, carraan hojii uumamun abdii haaraa horachiisuun, of danda’anii jiraachuu, galii argachuufi jireenya isaanii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf gahee olaanaa qaba jedhan.Dargaggoonni dandeettii, beekumsaafi humna qabanitti sirnaan itti fayyadamuun hojii ofii uumanii hojjechuuf akka qaban himan.“Dura ofii amansiisnee ni hojjenna jenne yoo murteessine, hojii kamiyyuu tuffachuu dhiisnee dandeettiifi humna qabnuun yoo hojjenne jireenya keenya jijjiiruu qofa osoo hin taane, dinagdeefi biyya keenyas jijjiiruu dandeenya,” jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu Magaalaa Kamisee Obbo Habtamuu Lataa, dargaggoonni humna hojii, yaada haaraafi dandeetti kalaqa qaban misooma hawaasaa saffisiisuufi guddina diinagdee keessatti gahee olaanaa qabu. Kana bu’uura godhachuun, bara kana namoota hojii dhabeeyyii ta’aniif carraa hojii uumuufi dargaggoota gara hojii oomishaafi galii maddisiisutti hirmaachisuuf hojiiwwan adda addaa ciminaan hojjetamaa jiraachuu himan. Keessumaa, dargaggoota ogummaafi dandeettii qabaniin hojii ofii isaanii uumachuun intarpiraayizii hundeessuun of danda’anii jiraachuu bira darbanii namoota biroofis carraa hojii uumuu akka danda’an xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Dargaggoota hojii dhabeeyyii ta’aniif leenjii ogummaa kennuu,gorsaafi deeggarsa mana hojii,mallaqaafi Kanneen biroo itti fufiinsa qabu akka argatan taasisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjecha jiraachuus himan. Obbo Habtamuun akka ibsanitti,Kaayyoon ijoon hojiiwwan carraa hojii uumuu irratti hojjetamaa jiran, hojii dhabdummaa hir’isuufi namoota hojii barbaadan carraa hojii haaraa uumuu qofa osoo hin taane, jireenya hawaasaa fooyyeessuufi dargaggoota gara hojiin of danda’uufi galii maddisiisuutti ceesisuudha jedhan.
Karoora bara 2018 keessatti namoota hojii dhabeeyyii ta’aniif carraa hojii uumuuf namoota kuma digdamii tokkofi 780f karoorfameen hojiiwwan hojjetamaniin namoota kuma digdamaafi 285f carraan hojii uumamuu danda’uu ibsaniiru. Bara 2019tti immoo Carraawwan hojii uumamaa jiranniin dameewwan qonna baadiyyaa, qonna magaalaa, tajaajilaa, ijaarsaa, qacarriifi dameewwan hojii biroo hedduu kan hammatan ta’uun ibsuun namoota hojii dhabeeyyii kuma digdamii jahafi 108f carraa hojii uumuuf karoorfamee gara hojiitti galamaa jiraachuu kaasaniiru.
Magaalaan Kamisee hojii dhabdootaaf carraalee hojii jiran keessaa qonna magaalaan dargaggootaa gurmeessuun carraa hojii uumuuf hojjechaa jira. Baroottan darban horsiisa lukkuu dhaabbata Ito-chiken waliin walii galuun achirraa cuucii guyyaa tokkoo fiduun dargaggootaaf hojii uumuun bu’aa qabeessa ta’an , bara kanas irratti hojjechaa jira. Dargaggootni hojii dhabdummaa irra ba’uu kanneen biroof carraa hojii uumuufi ofi gara sadarkaa investeraatti guddachuus himan.
Carraalee hojii uumamuu danda’aniifi filannoo carraa hojii jiran irratti qorannoo taasifameen horsiisa horii aannanii, mana shiraaraa, mana nyaataa, tajaajilafi ijaarsaan bara kana dargaggoota magaalichaaf hojii uumuuf hojjechaa jiraachuus yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Geexee Gizaawutiin


