Addunyaan keenya har’a
keessa jiraannu bifa har’a qa-
battee jirtu kana uummachuuf
taateewwan jaarraa hedduun
lakkaawwaman akka itti fud-
hate wal nama hin gaafachi-
isu. Kana jechuun battalumaan
boca ishee har’aa hin gonfanne
jechuudha. Ijaarsi daandii,
gamoo, baballinni teekno-
oloojii akkasumas ogummaan
dhalli namaa uumeef qabu
hundi adeemsa keessa kan uu-
mamedha. Maal kana qofaree,
kalaqni afaaniifi qubeewwan
ittin barreeffaman addunyaa
keenya har’a irra heddum-
maatanii jiranis ogummaa
kalaqa dhala namaa dhawata
dhawataan babalatedha.
Kabajamtootaafi jaal-
latamtoota dubbistoota barruu
keenyaa, ogummaa kalaqaa ha-
waasa bulchiinsa sab-lammii
Oromoo kan ta’e haala sirna
kataba qubee barreeffamaa
Ajam irratti waan qindeef-
fanne qabna yeroo dubbisaa
gaarii! Hawaasni bulchiinsa
sab-lammii Oromoo hawaasa
aadaafi dudhaa, hedduu qabu,
jiruuf jireenya isaa keessatti
sirnoota hiikaafi bu’aa danuu
qaban lakkaawamanii hin
dhumneefi ogummaawwan
kalaqa hawaasichaa mullisu-
un cinatti maddeen galii tur-
izimii ta’uun faayidaa hedduu
fiduu kan danda’an masgiidota
seena qabeessa hedduutu jira.
Ogummaan ijaarsa isaan jaar-
raa hedduun dura qabanis kan
dinqisiifamuufi yoomiyyuu hin
dagatamnedha. Ogummaa ha-
waasa kana caalaatti ol baasee
kan mullisu dhimmi biraan am-
moo akkaataa kalaqa itti fayya-
dama sirna barreeffamaa Ajam
isa adda dureedha.
Sirni barreeffamaa Ajam
jedhamu jaarraawwan hedduu
dura hawaasni bulchiinsa sab-
lammii Oromoo haala gaariin
itti fayyadamaa ture yoo tahu
yeroo ammaa akka duraatti
itti dhimma bahuu haa dhaban
malee keessumaa ammoo ha-
waasa baadiyyaa biratti ittiin
barreessuufi dubbisuu irratti
argamu. Qubeen bareeffama
Ajam, akkaataan barreeffama
qubee isaa Afaan Arabaan kan
wal fakkaatu yoo tahu, yeroo
dubbifamu garuu Afaan Oro-