Waamichi Nageenyaa Fudhatama Argachaa Dhufeera; Aanaa Faarxaa Keessatti Hidhattoonni Nageenya Filataniiru
Naannoo Amaaraa keessatti dhiyeenya kana hidhattoonni hedduun filannoo nageenyaa fudhachaa jiru. Tibbana Godina Goondar Kibbaa Aanaa Faarxaa keessatti hidhattoonni bosona keessa socho’aa turan filannoo nageenyaa fudhatan.
Itti Aanaan Hoogganaa Waajjira Nageenyaafi Callisaa Aanaa Faarxaa Ajajaa Shantamaa Maaruu Admaas hojii qunnamtii ummataa cimsuunifi waamicha nageenyaa hidhate kanaaf dhihaachuun mariisisuudhaan hidhattoonni filannoo nageenyaa akka fudhatan gochuun danda’ameera jedhaniiru.
Tibbana guyyoota lama keessatti hidhattoonni 32 filannoo nageenyaa fudhachuu isaaniis ibsanii jiru. Fuulduraas hidhattoonni bosona keessatti argaman filannoo nageenyaa akka fudhatan xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Hidhattoonni filannoo nageenyaa fudhatan diina seenaa uummata Amaaraa ta’e waliin hojjechuudhaan lammata uummata hin miidhu jedhanii filannoo nageenyaa fudhachuu isaaniis dubbataniiru.
Hawaasnis nageenya mirkaneessuuf gahee isaa bahaa akka jiru ibsan.


