Rakkoon nageenyaa naan-
noo Amaaraatti muudate miidhaa,
namoomaa, diinagdeefi hawaas-
ummaa cimaa dhaqqabsisaa jira.
Naannichatti waraanaa Kaabaa
waliin taasifame irrattis qabeenyaafi
namoomaa irratti miidhaan guddaa
irra gahuun isaatis ni yaadatama.
Miidhaa waraanaa kaabaa irratti
dhaqqabe irraa osoo hin bayyanatiin
gara waraanaa biraatti galuun isaa
immoo, naannicha diingdeedhaan
caalaatti akka miidhamuu taasiseera.
Sochii lammiilee guyyuu irrattis dhi-
ibbaa uume jiraachuu jiraattootni
naannicha AMECO’n dubbise dub-
bataniiru.
Jiraataan magaalaa Dabra Maar-
qoos dargaggoo Girmaa Addunyaa,
sababa rakkoo nageenyaan naannoo
Oromiyaa irraa buqqaa’e magaalaa
Dabra Maarqoos keessatti hojii dal-
dalaa eegaluus haalli jiru ulfaataa
ta’u dubbateera. sababa rakkoo na-
geenyaan daandileen yeroo hedduu
waan cuufamaniif hojjechuu akka
hin dandeenya ibseera. “Qaamonni
hidhatan nageenyaaf akka qopha’an;
mootummaanis, rakkoo jiru itti gaaf-
atamummaa fudhate mariifi araaraan
osoo nuuf hiike gaariidha’’ jechuun
hawwii qabu kaaseera. Jiraataan
bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa
Jillee Dhummugaa ganda Luugoo
Burqaa Bunaa, obbo Aliyyii Ahimad,
sababa nageenyi dhabamuutiin rak-
koo adda addaatiif saaxilamu hima-
niiru.Keessattu daandiin naannawa
sana ji’a tokko oliif cufamuu isaa-
tiin jireenyi qaala’uu dubbataniiru.
Uummatni akka uummataatti rak-
koo tokkoyyuu hin qabu, haata’u
malee qaamolee uummata walitti
buusuuf hojjetan ammas taanaan rak-
koo uumaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaan rakkoo uumame kana
akka furuufi daandiin ji’a oliif cu-
fame akka banamuuf jiraataan kun
gaafataniiru.
Rakkoon nageenyaa naanno
Amaaraatti uumame, dhaabbilee
hiyyuummaa xiqqeessuuf gahee
guddaa qaban kanneen akka dhaab-
bilee barnootaa, fayyaafi qonnaa
irratti miidhaan cimaa dhaqqabuu
naannichi yeroo garaagaraatti ibsa
baaseen beeksiseera. Dhaabbilee
kunneen akka fakkeenyatti kaasne
malee, dhaabbilee misoomaa naan-
nichatti argaman hunda irratti dhiib-
baa uumuu kaaseera.
Naannoo Amaaraatti dhaabbii-
leen barnoota 298 ta’an irratti mi-
idhaan gahu, sadarkaa itti aantuu
bulchaa olaanaa naannichatti itti
gaafatamtuun biiroo barnootaa naan-
noo Amaaraa, Mulunash Dasee (Dr.)
himaniiru. Naannichatti bara bar-
nootaa 2016tti barattoota miliyoona
6.2 barsiisuuf karoorfame, hanga
ammaatti barattootni miliyoona 2.6