Guddinni biyya tokkoo aman-
siisaafi itti fufinsa akka qabaatu
gochuu keessatti humni elektirikaa
gahee olaanaa qooddata. Ragaan
arganne akka agarsiisutti, hundeef-
famni dhaabbata tajaajila humna
elektirikaa Itoophiyaa waggoota 50
ol lakkoofsiseera. Akka biyyaales-
satti tattaaffii gama dhaabbatichaan
hanga ammaati taasifameen kutaa-
leen hawaasaa dhibbantaa 45 ol
fayyadamtoota elektirikii ta’uutu
himama. Gariin hafan tajaajila ele-
ktirikii ala madda anniisaa boo-
datti hafaatti fayyadamuun jireenya
guyyuu gaggeeffachaa jiru.
Kunis jireenya hawaasa naanna-
wa baadiyyaafi magaalota xixiqqaa
keessa jiraatan irra dhiibbaa guddaa
dhaqqabsiiseera. Kanaan walqa-
batees, hawaasni komii isaa yeroo
dhiheeffatu ni mul’ata. Keessattuu,
naannoolee baadiyyaatti sarara ib-
saa haaraa diriirsuufi suphaa yer-
oon gaggeessuu dhabuun, komiiw-
wan akka ijootti hawaasni bal’aan
hadheeffatee kaasaa tureef, kaasaa
jirudha.
Bara darbe tajaajila humna ibsaa
Itoophiyaatti daayrektarri bulchiin-
sa gaariifi jijjiiramaa yaada tajaajila
oduu Itoophiyaaf kenneen tajaa-
jilichi A.L.I bara 2017tti lammiilee
baadiyyaatti jiraatan harka caalaaf
tajaajila humna ibsaa dhiheessuuf
ciminaan kan hojjetamu ta’uusaa
ibsee ture. Akkasuma, waggoota
lamaan dhufanitti maammiltoota
miiliyoona 3.6 dabalataan fayy-
adamtoota tajaajila humna ibsaa
taasisuuf kan hojjetamu ta’uu ib-
sichaan hubachiiseera. Bu’uuruma
kanaan, karooricha milkeessuuf
baadiyyaaleefi magaalota biyyattii
keessatti waliin gahinsa tajaajila
humna elektirikaa irratti raawwiin
jiru quubsaa ta’uu baatu abdachi-
isaadha.
Aanalee bulchiinsi sablam-
mii Oromoo qabu keessaa aanaan
Baatee ishee tokkodha. Aanichatti
gandoota baadiyyaa digdamii jaha
ta’antu keessatti argama. Bara
darbe gandoota aanichaa keessaa
gadoonni lama qofti tajaajila hum-
na elektirikaa argachaa jiraachuu
gabaasuun keenya ni yaadatama.
Aanichatti rakkoolee waliin gahin-
sa humna elektirikaarratti mul’atan
qaama dhimmisaa ilaaluun hubata-
mee bara baajataa kanatti gandoota
aanichaa afuriif baajanni birrii mi-
iliyoona 41 qabamee ijaarsi jalqa-
bameera. Haala qabatamaa amma
jiruun gariin tajaajilaaf kan ga’an
yoo ta’u, kaan ammoo xumuramaa
jiraachuu ragaan arganne ni agar-
siisa. Bara kana jiraattonni ganda
Fallaanaafi Mahaammad tajaajila
ibsaa argachuu eegalaniiru.
Obbo Hamzaa Ahmad jiraataa
aanaa Baatee ganda Fallaanaa yoo
ta’an, tajaajila ibsaa argachuuf
gaaffii waggoota dheeraaf kaasaa
turan waan ta’eef amma tajaajila
kana argachuutti gammachuu gud-
daa qabaachuu himaniiru. Kanaan
dura tajaajilota ibsaan walqabata-
nii jiran argachuuf deemsa mii-