Pireezidaant Ibraahim Ra’iisii
kaaba biyyattiitti hidhoota bishaa-
nii annisaa maddisiisan lama
yeroo eebbisiisanitti michuun
isaanii pireezidaantiin Azarbeey-
jaan Ilhaam Aliyeev argamanii
turan. Kanaan boodatti pireezi-
daant Ra’iisii imala isaanii gara
magaalaa Tabrizitti ture kan taasi-
san. Yeroo kanatti garuu helikoo-
patarri isaan feetee turte kuftee
caccabuu isheetiin bakka yaadan
sana gahuu hin dandeenye. Lub-
buun isaaniis dabarte. Ministira
dhimma alaa biyyattii fi namoon-
ni 8 biroon helikooptaricha keessa
turan hundi balaa kanaan lubbuu
isaanii dhabaniiru.
Du’aatii isaanii hordofee mi-
choonni Iraan gadda itti dhaga-
hame yeroo ibsan masaanuun
ishee immoo callisuu filataniiru.
Ministeerri Muummee Hin-
dii Naarediraa Moodii, Piree-
zidaantiin Raashiyaa Vilaadmir
Puutiin, pireezidaantiin Turkii
Rasip Tayyib Erdogaan, Pireezi-
daantiin Chaayinaa Shijinpiingiifi
kanneen biroos gadda cimaa itti
dhagahame ibsaniiru. Ministeerri
Muummee Itoophiyaa dooktar
Abiyyi Ahmadis dursitoota bi-
yyaa gadda du’aatii Pireezi-
daatichaan itti dhagahame ibsan