Waraana Sudaan, Miiliyoonota Beelaaf Saaxile

Walitti bu’insi mootummaa Sudaaniifi garee fincilaa Raappid Sapporti Forsi (RSF) gidduutti ji’a Eblaa bara 2015tti uumamee tureen lammilee baay’ee beelaaf saaxileera. Walitti bu’insa kanaan lammileen biyyatti miiliyoona sagal ta’an qe’ee isaanirraa buqqaa’aniiru. Waraana kanaan lammiin biyyattii miidhaan  irra hin geenye hin jiru jedhameera.

Ogeessi wabii midhaan nyaataa Sudaan keessatti hojjetu Timoo Gaasbeek ‘’ji’a Fulbaanaa dhufuutti lammiileen Sudaan dhibbantaa 70 ta’an beela cimaaf ni saaxilaman jedhee nan sodaadha’’ jedheera. Sababa beela cimaa kanaan namoonni miiliyoona lamaafi kuma 500 caalaa lubbuu isaanii dhabuu akka danda’an ogeessichi yaaddoo qabu ibseera. Kuusaan midhaanii lammilee kanaaf ta’u akka hin jirrees ibseera. Amgaad Al-Farid dhaabbata mirga namoomaarratti kan hojjetu yoo ta’u  ‘’waraanichi diinagdee biyyattii waan laamshesseef namoonnis maallaqa dhabaniiru ‘’ jedheera.

Gareen fincilaa Raappid Sapporti Forsi Sudaanitti  kutaa qonnaa olaanaan itti gaggeeffamu Geziiraa to’achuu isaa kan himame yoo ta’u oomishni midhaanii kutaa kanarraa argamu fedhii wabii midhaan nyaataa lammiilee baay’ee kan guutu akka ta’ees himameera.  Dr Faarid akka jedhaniitti qaala’insi jireenyaa olaanaa ta’uu isaatiin midhaan alarraa galchuun baay’ee hir’ateera.

Jiraataan magaalaa Omdurmaan af-gaaffii BBC waliin taasiseen akka jedheetti iddoo magaalatti garee fincilaa kanaan to’atameetti gatiin dhibbantaa 400 dabaleera. ‘’Haati warraa koo Omdurmaanirraa deebiteeti,akka isheen natty himteetti jiraattonni magaalatti guyyatti si’a tokko inumaayyuu  gonkumaayyu osoo hin nyaatiin ni oolu’’ jedheera.   Mistar Baalaal namoonni Kaartum, Daarfur, Kordofaaniitti jiraatan sababa hanqina nyaataatiin lubbuu isaanii dhabaa akka jiran himaniiru.

Waraani walinii Sudaanitti uumame kan hin dhaabbanne yoo ta’e wantoonni hundi to’annaan ala akka ta’aniifi balaan tilmaamaan ol ta’e uumamuu akka danda’u namoonni hedduun yaada isaanii kaasaniiru. Maddi: BBCdha.

Buruuk Tashoomaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo