Mootummaafi paartii siyaasaa gidduutti garaagarummaa guddaatu jira. Gaheen hojii isaanis gargaridha. Mootummaan karaa dimookiraatawaa ta’een kan uummataan filamudha. Paartiin filannoon filatamee mootummaa ta’e immoo itti gaafatamummaan isaa kan uummataati. Paartiin garuu namoota yaada walfakkaataa qabaniin kan hundeeffamudha. Itti gaafatamummaan isaas miseensota isaaf qofadha.
Mana Maree Federeeshiniitti itti gaafatamaa dhimmoota kominikeeshinii obboTarrafaa Badhaadhaa, namootni yookiin gareewwan yaada walfakkaataa qabaniifi qabsoo karaa nagaa taasisuuf murteessan, fedhii isaaniin walitti dhufanii paartii akka naannoottis ta’e akka biyyaatti hundeessuu ni danda’u jedhaniiru. Paartiin isaan hundeessan sun, sagantaafi imaammata guddinaafi misooma biyyaaf ta’u qabaate akkasumas lammiilee biyyattii karaa haqa qabeessaafi walqixaan kan tajaajilu yoo ta’e, sirna filannoo uummataan filatamee, fudhatama argate paartii irraa gara mootummaatti ni ce’a jedhaniiru.
Kanaafuu imaammatni paartiin tokko qopheesse hojiirra ooluu kan danda’u erga uummataan filatameen boodaafi fudhatama argateen boodadha jedhu. Akka ibsa itti gaafatamaa kanatti Paartiin tokko karaa dimookiraatawaa ta’een dorgomee erga filatameen booda, imaammata akka paartiitti qabate sun gara imaammata mootummaatti jijjiirama waan ta’eef, ka’umsi mootummaa paartiidha.
Obbo Tarrafaan, sagantaa walfakkaataa qabaachuu, tarsiimoo walfakkaataa qabaachuu, imaammata walfakkaataa bocuun tokkummaa paartiileen morkattoota qabanidha jedhaniiru. Paartiin morkataa tokko dorgomee ilaalchaafi yaada isaa gabaaf dhiyeessee yoo yaadni isaa uummataan fudhatame carraa mootummaa ta’uu argata kan jedhan obbo Tarrafaan, erga mootummaa ta’uun filatames, kan isa deggaranis ta’e kan isa morman sabaafi sablammoota biyyattii ija wal qixaan keessumeessuufi bifa haqa qabeessa ta’een tajaajila kennuun, dirqama isaa akka ta’e ibsaniiru.
Imaammataafi tarsiimoo paartiin tokko baase paarticha sana qofa kan fayyadu yoo ta’u, tarsiimoofi imaammata mootummaan baase garuu uummata biyyattii hunda kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. Haata’uu malee wal makuun aangoo paartii biyya bulchuufi mootummaa gidduu akka jiru irra deddeebiin ni ibsama. Mootummaafi paartii yookiin qaamolee mootummaa keessatti qaamni raawwachiisaafi qaamni seera baasu garaagarummaa gahee hojii akka qaban seeraan daangeffamee akka jiru abukaatoofi gorsaan seeraa obbo Wandimmuu Ibsaan dubbataniiru.
Biyyoota aadaa dimookiraasii gabbataafi sirna bulchiinsa mootummaa gaarii qaban keessatti, hojii wal makaa mootummaafi paartii yeroo filannootti mul’atuun alatti, mootummaafi paartiin hojii isaanii gargar bahanii haala ittiin hojjetantu jira jedhaniiru.
Itti gaafatamaa dhimma dhaabaa Siyaasaa ‘EZEMA’ obbo Waasihuun Tasfaayee, biyyoota sirna dimookiraasii shaakalaa jiran keessatti, paartiileen gara aangootti yoo dhufan faayidaafi aangoo isaaniif dursa kennanii waan hojjetaniif hojii mootummaafi paartii wal makanii haala ittiin hojjetantu jira jedhaniiru. Haala amma jiruun paartiifi mootummaa adda baasuun rakkisaa ta’uu eeraniiru. Qaamni mootummaa ta’e paartiidha, qaamni paartii ta’es mootummaadha, qaamni biyya bulchuufi paartiin, qabeenya mootummaa waloon fayyadamu jechuun eeraniiru. Hojmaatni akkanaa kun akka sirratuuf paartiileen morkattootaa hedduun qabsa’aa turanis, jijjiiramni dhufe garuu kan hin jirre ta’uu himaniiru. Itti fayyadama baajataa waliin wal qabatee, leenjiin sadarkaa paartiitiin kennaman qabeenya mootummaatiin akka ta’e ragaa qabatamaa arganne bu’uura gochuun dhaabbanni Abba-gaar dhimmicha akka qulqulleessu iyyata galchineerra jedhaniiru.
‘’Miseensotni paartii biyya bulchu, durgoon mootummaarraa kaffalameef leenjii fudhachaa turuuu mirkaneessineerra’’ kan jedhan obbo Waasihuun, hoggantootni paartii biyya bulchu qaamolee raawwachiisaa gidduu seenuun, qabeenyi mootummaa kanneen akka konkolaataafi manni akkasumas qabeenyi mootummaa kan biroon hojii paartiif akka oolan ni taasisu jedhaniiru. Kanaanis qabeenyi mootummaa waggaa waggaadhaan birrii miiliyoonaan lakkaa’amuu karaa hin malleen baasii akka ta’uu obbo Waasihuun himaniiru. Abukaatoofi gorsaan seeraa obbo Wandimmuu Ibsaa, paartiin biyya bulchuuf filatame tokko mirga lama qabaachuu dubbataniiru. Mirgi inni tokkoffaan akka mootummaatti hojjeta kan jedhan yoo ta’u, akka mootummaatti yeroo hojjetu immoo qabeenya mootummaa hunda fayyadamee guddinaafi misooma biyyaaf hojjechuuf mirga qaba jedhaniiru. Gama biraatiin, qabeenya duraan horate dabalatee, dhimma paartii isaa cimsuu danda’an irratti hojjechuu ni danda’a yaada jedhu kaasaniiru.
Paartiin mootummaa ta’ee biyya bulchu qabeenya mootummaa fayyadamuu isaa kan agarsiisu ragaan hin jiru jedhaniiru. Paartileen morkattootaa garuu qabeenya mootummaa fayyadamuu kan isaan danda’an yeroo filannoo qofa akka ta’e himaniiru. ‘’Paartileen morkattoota biyya keenyaa, paartii aangoo barbaadu malee paartii nagaa uummataa, guddina uummataafi olaantummaa seeraa kan barbaadan miti jechuunis qeeqaniiru. Gaaffilee gahee paartiifi mootummaa wal maku waliin walqabatan ka’an irratti ibsa kan kennan obbo Tarrafaan, gaheen hojii paartiifi mootummaa wal makuu akka hin dandeenye seeraan daangeffamee jira jedhaniiru.
Haata’uu malee yeroo tokko tokko hojii mootummaan hojjetuu hojii paartii fakkeessanii ilaaluun jiraachuu kan himan itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii mana maree federeeshinii kun, hojiin mootummaafi paartii wal makuu isaaniitiif ragaan qabatamaa akka hin jirre addeessaniiru. Haata’uu malee kana waliin walqabatee himannaan darbee darbee akka dhagahamu hubannoo qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.
Qabatamaan garuu hojii paartiifi mootummaa walmakuu kan agarsiisu ragaan kan hin jirre ta’uu himaniiru. Mootummaan dhimma nageenyaafi misoomaa irratti yeroo uummata walitti qabuun marisiisu hojii paartii taasisanii ilaaluun ni mul’ata jechuun himaniiru. Ta’uus dhimma nageenyaafi misoomaa irratti hojjechuun dirqama hojii idilee mootummaa ta’uu qaamni hundu hubachuu qaba jedhaniiru. Ilaalcha wal makaa akkanaa irraa bahuun barbaachiisa ta’uus hubachiisaniiru.
Itti fayyadama baajataa waliin walqabatee, paartiin maallaqa deggartootaafi miseensota isaarraa argatuun, paarticha kan bulchu yoo ta’u, mootummaan immoo akka mootummaatti lammii biyya sanaaf bifa liqaatiinis ta’e bifa gargaarsaan maallaqa argame uummanni akka itti fayyadaman gochuuf dirqama qaba jedhaniiru.
Kanaafuu maddi maallaqaafi akkaataan itti fayyadama isaa gargar ta’uu obbo Tarrafaan himaniiru. Qabatamaadhaan baajata mootummaatiin hojiin paartii hojjetame hanga ammaatti hamiirraa kan darbe kan hin jirre ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu ‘’hojiin mootummaafi paartiilee wal makeera’’ kan jedhu yaada sirrachuu qabudha kan jedhan obbo Tarrafaa, qabatamaan wal makuu isaa maal ta’uu agarsiisa? qabatamaan ragaa maaltu jira? eessatti wal make? kan jedhu deebii argachuu qaba jedhaniiru.
Hojiin mootummaafi paartii wal makuu isaa qaamni mirkaneessu jiraannaan, qaama seera kana cabse irratti tarkaanfii fudhachuu kan dandeessisu seeraan tumame waan jiruuf, seeraan gaafachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Gaaffii mootummaan miseensota isaa maallaqa mootummaan leenjisaa jira jedhuun ka’u himannaa bu’uura seeraa hin qabnedha jedhaniiru. Sababni isaas paartiin kamiyyu miseensa isaa leenjisuu, hubannoo siyaasa isaanii cimsuuf kennuun mirgaafi dirqama akka qabu hubachiisaniiru. Kanaafuu himannaan bu’uura seeraa hin qabne wal shakkii paartiilee gidduutti uumuu irra kan darbe faayidaa hin qabu jedhaniiru.
Haata’u malee wal makuun hojii mootummaafi paartii rakkooleen hedduu biyyattii keessa akka uumaman taasiseera jechuun obbo Waasihuun himaniiru. Isaan keessaa muraasni, wal dorgommiin qixa ta’e akka hin jiraanne taasisuu, paartiileen morkattoota maallaqa isaaniin biiroo kireeffatan akka hin hojjeenne gufuu ta’uu, dirreen sirna dimokiraasii akka hin babal’anne taasisuu, paartileen morkattoota akka laafaa deeman taasisuu, malaanmaltummaan akka babal’atu, walitti bu’insi garagaraan akka uumamuu, dinagdeen biyyatti akka laamsha’u, gareen tokko olaantummaa akka qabaatuufi gareen kaan akka gad-antummaatti akka ilaalamu taasiseera jedhaniiru.
Gareen muraasni qabeenya olaanaa akka horatan, lammiileen biyyattii immoo hiyyummaa keessa akka galan taasisuu eeraniiru. Rakkoo kana keessaa bahuufis kutannoo siyaasaa kan barbaachisuu ta’uu himaniiru. Rakkoon kun yoo furmaata argachuu baate, biyyaafi uummata akka hin fayyadne hubachuun, mootummaan kutannoo siyaasaa qabaate sirreesuun isarra jiraata jedhaniiru. Mootummaan filannoon aangoo qabatu, gahee paartiifi mootummaa adda baasuu kan danda’uu seera itti bulmaata baasuu qaba jedhaniiru. Seerootni ittiin bulmaata muraasni jiranis gahaa waan hin taaneef kanarratti sirriitti hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Hayyootaafi qaamolee siyaasarraa bilisa ta’an hirmaachisuun, dhimmicha irratti akka hojjetan taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Hawaasni paartiifi mootummaa adda baasee akka hubatuu hojii hubannoo uumuu hojjetamuu qabas jedhaniiru. Qaamni aangoo qabate jirus olaantummaa seeraa kabachiisuufi banaalee seerota jiran illee sireessuun murteessaa ta’uu obbo Waasihuun hubachiisaniiru.