Tibbana taphattoonni buleeyyiin Afrikaa keessatti maqaa gaarii qaban ‘African legends’ jedhaman Itoophiyaa daawwataniiru. Taphattoonni Buleeyyii Itoophiyaa Daawwachuun Biyyattiif Maal Gumaache Taphattoonni kunneen Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa gara Itoophiyaatti kan dhufan turan. Taphattoonni kunneen kilaboota Awurooppaa keessatti warra gumaacha guddaa qabanidha. Ministeera aadaafi ispoortii Itoophiyaa, obbo Qajeelaa Mardaasaa, taphattoonni kunneen erga Itoophiyaa seenanii sirnoota garaagaraa raawwachuun biyyattiin gama kanaan dippiloomaasii ispoortii haaraa akka uummattuuf kan gargaare ta’uu dubbataniiru.
Akka obbo Qajeelaan jedhanitti, kaayyoon sagantaa kanaa namoota bebbeekamoo, taphattoota kubbaa miilaafi warreen biroo gara biyya kanaa fidanii invastimantii keessatti akka hirmaatan gochuudha. ”Taphattoonni kunneen warra qabeenya qabanidha. Kanaaf ispoortiifi aadaarratti, tuurizimii keessatti invasti akka godhan yaadameeti. Namoota bebbeekamoo waan ta’aniif biyya kanas akka sirriitti baran gochuun kaayyoo ijoo sagantaa kanaati” jedhaniiru. Dippiloomaasii aadaafi ispoortii, diinagdee biyya kanaa cimsuu keessatti qooda guddaa qabaachuu ibsaniiru. Affeerraan taphattoota kanaaf taasifame jaarmiyaa Shanan Afrikaa jedhamuun ta’ullee biyyattiin carraa kana gargaaramuun irraa fayyadamuu danda’uu ishee dubbataniiru.
Biyyattiin Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf gaaffii dhiheessuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad himaniiru. Itoophiyaan gama atileetiksii fiigichaan addunyaarratti dorgomtuu cimtuu taatus gama kubbaa miilaan milkooftuu akka hin turre ka’eera. Haata’u malee biyyattiin Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf akka yaada qabdu kan ibsan yoo ta’u, taphattoonni buleeyyiin muuxannoo qaban biyyattii daawwachuun karoora kana milkeessuu keessattis gumaacha guddaa qaba jedhamee abdatama. Taphattoonni Kubbaa Miilaa duraanii Naayijeeriyaa, Daani’eel Amookaachaafi Niwanko Kaanuun Ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun filamanii gaaffiin Itoophiyaa fudhatama akka argatuuf tattaaffiiwwan eegalamuu kaasaniiru.
Dorgommii sadarkaa Ardiitti gaggeeffamu gara Itiyoophiyaa fiduuf Pireezidaantii waancaa konfedereshinii Afrikaa (CAF) fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariiin gaggeeffamuus dubbataniiru. Taphattoonni duraanii gara Itiyoophiyaa dhufuun carraa gaarii ta’uu eeranii, damee kubbaa miilaanis dargaggoota kakaasuuf akka ta’e hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin