Rakkoo Nageenyaa Naannoo Amaaraatti Uumame Waaraan Furuuf, Hundi Gaheesaa Akka Bahu Kaawunsiliin Nageenyaa Gaafate

Rakkoon nageenya naannoo Amaaraatti mudate, namoomaafi qabeenyarratti miidhaa dhaqqabsisaa jira.  Dinagdee naannichas daran miidhaa jira.  Walitti bu’insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa,  fayyaa, barnoota,  turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Haata’uu malee mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata akka argatuuf  hojiilee garaagaraa hojjechuu irratti argama.  Rakkichi furmaata akka argatuufis  mariin uummata bal’aa hirmaachise  iddoole adda addaatti adeemsifamaa turera, adeemsifamaa jiras.  Qaamoleen hidhatanii qabsa’aanis, gara uummata isaanitti deebi’anii  qabsoo karaa  nagaa akka taasisan mootummaan yeroo garaagaraatti waamicha nageenya taasisa jira.  Kana bira darbees, naannoo Amaaraatti nageenyi akka bu’u,  mootummaa  naannichas ta’e fedaraalaa  qaamoleen hidhatanii socho’an gara nageeynaatti akka dhufan waliin mari’achuuf qophii ta’uu yeroo garaagaraatti  ibsaa turaniiru.

Kanaanis dhukaasa waaraan dhaabuuf  kaawunsiliin nageenyaa mariif haala mijeesan miseensota 15 qabu konfiransii nageenyaa magaalaa Baahir Daaritti Waxabajjii  17 bara 2016 hanga 18 bara 2016 gaggeeffame irratti filamaniiru.  Gaheen kaawunsilii yookiin mana maree nageenyas mootummaafi humnotni hidhatan  walitti dhihaatanii rakkoo isaanii mariin akka hiikan  haala mijeessu akka ta’e walitti qabaan kaawunsilii nageenyaa obbo Yaayyah Yiraad himaniiru.  Kaawunsilichi mari’ataas, marisisaas miti, gaheen isaa inni guddaan qaamoleen lamaan gara mariitti akka dhufaniifi  rakkoo isaanii karaa mariin akka hiikan haala mijeessuudha jedhaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho’an gaaffii uummata Amaaraa bara dheeraaf ture deebisisuu kan isaan danda’an waraanaan osoo hin taane walii galteefi mariin ta’uu walitti qabaan kun hubachisaniiru.

Itti gaafatamaan hariiroo uummataa kaawunsilii nageenyaa, Iyaachaw Tashaala,  naannoo Amaaraatti qabsoon hidhatoonni taasisaa jiran, karaa gaaffiin uummataa deebi’uu qabuun akka hin taane himaniiru.  Gaaffileen hundi karaa nagaafi mariin ta’uu akka qabudha itti gaafatamaan kun kan addeessan.

Hidhattonni kun gaaffii daangaafi eenyummaa, gaaffii haqummaa, mirga jiraachuu dhalattoota naannoo Amaaraa naannoo biraa jiraatan dabalate gaaffiilee bu’uura  uummatni naannoo Amaaraa waggaa dheeraaf gaafataa ture deebii argachuu dhabuu isaaniitiin gara bosonaatti akka isaan seensise obbo Iyaachaw ibsaniiru.

Qaamoleen waraanaa,  akka daldalatti yookiin kanneen akka galitti lakka’aanis  gama mootummaatinis ta’e kanneen maqaa hidhattootaatiin saaman  jiraachuu dubbataniiru. Gaaffileen hidhattoonni kaasa kun gaaffii waloo mootummaa naannichaafi hidhatoota erga ta’e rakkoon isaanii mariin akka hiikan taasisuuf  kaawunsiliin nageenyaa haala mijeesaa jira jedhaniiru.  Kanaafuu gaaffii waloof marii walootu barbaachisa jedhaniiru obbo Iyaachaw.

‘’Kaawunsiliin nageenyaa marisisaa osoo hin taane haala  mijeessadha,  kanaafuu gaaffiin iftoominaafi walabummaan ka’uu kan qabu osoo marisiisaa taanedha’’  jedhaniiru. Gama kanaan qaamni kamiyyuu shakkii keessa galuu dhiisee, rakkoon  nageenya  naannichatti jiru furmaata akka argatu deggarsa isaaniif akka taasisu gaafataniiru.

Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa  saayinsii siyaasaa kan ta’an Salamoon Dasaalany, uummatni naannoo Amaaraa  gaaffii  daangaafi eenyummaa, heeraafi kanneen biroo irratti gaaffii yeroo dheeraaf harkifamaa dhufee qabaachuu eeranii, gaaffileen uummatni naannichaa kaasuu furmaataa dhabuu isaaniitiin hidhattootni miira abdii kutachuutiin gara qabsoo hidhannoon deggarame seenuu himaniiru.  Haata’u malee waraanni jiruufi jireenya ilma namaa kan balleessu waan ta’eef rakkoolee jiran mariin hiikuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Gama kanaan mootummaan rakkoolee jiran mariin akka hiikaman kutannoo agarsisuun isaa kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Mariin alattis furmaatni biraan akka hin jirre hubachisaniiru. Kaawunsiliin nageenyaa naannichatti hundeffames  qaama kamiyyurraa bilisa ta’e mootummaafi qaamolee hidhatan  gara mariitti akka dhufan haala mijeessuu qaba jedhaniiru.  Fudhatamummaa akka qabaatu gartuu kamiyyurraa bilisa ta’uu qaba jedhaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho’anis  darara uummata isaaniirra gahuu hambisuuf rakkoo uumaame mariin hiikuuf fedha agarsisuu qabu jedhaniiru.  Mootummaanis garaa bal’atee gaaffii uummatni kaasuufi qaamoleen hidhatani socho’an kaasan fudhachuun furmaata itti  kennuu qaba jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannichatti uumame waaraan furuuf mariifi waliigalteen dhimma filannoo hin qabne ta’uu afa yaa’iin mana maree naannoo Amaaraa aadde Faantuu Tasfaayee yaa’ii idilee mana maree naannichaa 6ffaa bara hojii 3ffaa irratti haasaa taasisaniin hubachisaniiru. Humnootni hidhatanii socho’an waamicha kaawunsiliin nageenyaa taasisu fudhachuun gara maritti akka dhufan miseensotni mana maree naannichaa gahee isaanii bahachuu akka qaban amaana jedhaniiru. “Rakkoon qawween hiikame jiraate hin beeku, gara fulduraafis hin jiraatu, kanaafuu waliigalteefi mariin  nuuf filannoo osoo hin taane dirqamadha” jedhaniiru.  Nageenya waareessuun mootummaa qofaaf kan dhiifamuu miti kan jedhan aadde Faantuun,  kanaanis uummatni naannichaa hudaafi mootummaan kutannoon wal tumsutu irra jiraata jedhaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuu dhabuun dhaloota eegaree irratti godaannisa kan uumuudhas jedhaniiru.

Kaanaafuu kaawunsilii nageenyaa hundeeffame deggaruun waliigalteefi mariin akka taasifamu hunduu gahee isaa bahachuu qaba ergaa jedhu dabarsaniiru.   Gaaffiin eenyummaafi daangaa uummatni naannoo Amaaraa kaasu  waaraan akka furamu hojjetamaa jirachuu bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa  obbo Araggaa Kabbadaan yaa’ii idilee mana maree kana irratt haasaa taasisaniin eeraniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo