Naannoo Amaaraatti qaamoleen hidhatanii socho’an gama hundaan miidhaa adda addaa dhaqqabsiisaa jiru. Naannichatti sababa nageenya dhabuutiin, namoomaafi qabeenyarratti miidhaan olaanaa dhaqqabaa jira. Walitti bu’insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa, fayyaa, barnoota, turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera.
Mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata akka argatuuf hojiilee garaagaraa hojjechuu irratti argama. Rakkichi furmaata akka argatuufis mariin uummata bal’aa hirmaachise iddoolee adda addaatti adeemsifamaa turera, adeemsifamaa jiras. Qaamoleen hidhatanii qabsa’aanis, gara uummata isaanitti deebi’anii qabsoo karaa nagaa akka taasisan mootummaan yeroo garaagaraatti waamicha nageenya taasisa jira. Kana bira darbees, naannoo Amaaraatti nageenyi akka bu’u, mootummaa naannichas ta’e fedaraalaa qaamoleen hidhatanii socho’an gara nageeynaatti akka dhufan waliin mari’achuuf qophii ta’uu yeroo garaagaraatti ibsaa turaniiru. Walumaagalatti qaamoleen gama lamaanin jiran rakkoo uummatarra gahaa jiru hubannoo keessa galchanii gara tokkootti dhufuun marii taasisuun irraa eegama.
Biyyi keenya aadaafi dudhaa rakkoo nageenyaa ofiin furuu ni qabdi. Fakkeenyaaf rakkoo nageenyaa hambisuuf akkasumas dhukaasa waaraan dhaabuuf kaawunsiliin nageenyaa hundeeffamee hojiitti seneera. kaawunsilichi miseensota 15 magaalaa Baahir Daaritti Waxabajjii 17 bara 2016 hanga 18 bara 2016 gaggeeffame irratti akka filaman taasiseera.
Haata’u malee kaayyoon kaawunsilichi galmaan gahuu danda’u yoo hirmaannaan hawaasichaa jiraatedha. Keessumaayyuu mootummaanis ta’e qaamoleen hidhatanii socho’an hundaan dura nageenya argamsiisuuf gahee olaanaa waan qabaniif hundi keenya milkaa’ina kaawunsilii nageenyaatiif tumsa hataasifnu kan jedhu eejjannoo keenya.