Hojii Tokkummaa Uummataa Cimsuuf Hojjetameen Bu’aan Argamuu Afa-Yaa’iin Bulchiinsa Sablammii Oromoo Dubbatan

Hariiroo uummataa cimsuun guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti gahee guddaa taphata.  Hariiroo uummattootaa cimsuun; obbolummaadhaan akka waliin jiraatan taasisuun nageenya biyyaafis bakka olaanaa qaba. Bakka rakkooleen garaagaraa mudatanittis walii birmatanii, walgargaaranii, waltumsanii akka hiikan taasisuuf  faayidaa olaanaa qaba.  Bakka hariiroon cimaa uummataa gidduu jirutti diinni seenuu hin danda’u. Carraa rakkoon nageenyaa uumamuu danda’us hambisuurratti shoora olaanaa qaba.

Bulchiinsi sablammii Oromoo walta’insa uummataa aanota ollaa waliin daangeessu cimsuuf hojjechaa jiraachuu afa yaa’iin bulchiinsa sablammiichaa aadde Faaxumaa Mollaan himaniiru. Humnootni finxaalleyyii gama lamaan jiran akka uummatni walitti hin dhihaanne;  akka wal hin gargaarre taasisuuf hojii hedduu hojjechaa turanis, hojii wal-ta’iinsa uummataa aanoleen ollaa hojjetaniin yeroo ammaa hariiroon uummataa sadarkaa gaarii irra jira jedhaniiru.

Aanolee Naannoo Affaar waliin daangeessan waliin yeroo garaagaraatti marii uummataa taasisuun walitti dhufeenyi hawaasa lamaan gidduu jiru daran akka cimu taasifamuu himaniiru.  Godina Kibba walloo waliniis hanga ammaatti rakkoon tokkoyyuu uumame kan hin beekneefi uummatni yeroo gaddaafi gammachuu wal gargaare bifa obbolummaan kan waliin jiraatudha jedhaniiru. Hariiroo uummattota ollaa waliin jiru cimsuuf waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuun, hojiin hubannoo uumuufi obbolummaa cimsuu hojjetamaa jiraachuu aadde Faaxumaan himaniiru.

Gaggeessaan sadarkaan jiru bilisaafi qulqulluu ta’ee hariiroon uummataa akka cimu hojjechuu akka qabus himaniiru.  Finxaalleyyii gama lamaan jiran kan uummata walitti buusan adda baasuu irratti uummatni tokkummaan dhaabbatee; wal tumsee hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis uummatni bulchiinsa sablammii Oromoofi godinotni ollaa  tumsaan hojjetaniin qaamoleen walitti bu’insa hawaasa giddutti uumaa turaniifi nageenya boreessaa turan karaa nagaan gara hawaasichaatti makamuu kaasaniiru.  Uummani akka uummataatti rakkoo kan hin qabne,  hariiroo obbolummaa bara dheeraaf ture kan qabu ta’uu kan kaasan adde Faaxumaan ‘’qaamoleen rakkoo kana fidan faayidaa dhunfaa argachuu barbaadaniifi finxaalleeyyii saba keessatti dhokataniidha’’  jedhaniiru. Hawaasni qaamolee kanneen irratti qabsaa’uun gara hariiroo tokkummaafi obbolummaa duraan tureetti deebi’uu qaba jedhaniiru. Hojii hariiroo uummataa cimsuu hojjetameenis bu’aan hedduu argamuu akka danda’eedha aadde Faaxumaan kan hubachiisan. Nageenyi tasgaba’aan jiraachuu, qaamoleen bosona turan karaa nagaan qabsaa’uuf maatii isaaniitti makamuu,  qonnaan bulaan gara oomisha isaatti akka deebi’u taasifamuu, barataan gara barnoota isaatti akka deebi’u taasifamuun bu’aa hariiroo uummataa hojjetameen dhufaniidha jedhaniiru.

Uummatni Godina Shawaa Kaabaa gara bulchiinsa sablammii Oromootti seenee hojii isaa haala ittiin hojjechuu danda’u, inni bulchinsa sablammii Oromoos gara Shawaa Kaabaa deemuun daldalee akka galu haalii fooyya’aan uumamaa jiraachuu eeraniiru. “Hariiroon uummataafi mootummaa gidduu jiru cimsuufis,  gaaffii uummatni kaasuu gara mootummaatti dhiheessuun,  furmaataa akka argatan taasisaa jirra” jedhanii,  ‘’rakkoolee gama bulchinsa gaarii, misoomaa, nageenyaafi gama hawaasummaatiin jiran akka furaman,  qaama dhimmi ilaallatuu waliin mariin ni taasifamaa, kallattiis ni keenya , yaada murtoos ni dabarsina “jedhaniiru.

Hanga ammaattis rakkoolee hedduu gama bulchinsa gaarii, misoomaafi hawaasummaan  kan furamaa jiran jiraachuu eeranii,  fulduraafis xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu  ta’a jedhaniiru. Bulchiinsa sablammichaatti ajjecha bulchaa olaanaa duraani obbo Ahimad Alii hordofe, caasaa kaabinee bifa haaraan gurmaa’uu kaasanii kaabinee bifa haaraan gurmaa’ee kana uummata waliin walitti fiduudhaafis hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Kaabineen  haaraa gurmaa’ee kun, gaaffii bulchinsa gaariifi misoomaa uummatni kaasuu furuuf kutannoon akka hojjetan amantaa qaban ibsaniiru.

Uummatnis hojiin bulchiinsa gaariifi misoomaa akka hojjetaman gaggeessaa isaa deeggaruufi cinaa dhaabbachuu akka qabu gaafataniiru.  Aadde Faaxumaan waltajjiwwan adda addaa uumuun uummatni gaggeessaa isaa walii akka dhaabbatu, gaggeessaanis gaaffii uummatni kaasu akka hiikuu hojii hubannoo uumuu ni hojjena jedhaniiru.

Bulchaan olaanaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Ahmad Alii  gama isaaniin, seenaa uummatoota ollaa cimsuun biyya gara fuula duraatti ceesifna jedhaniiru. Kan tarkaanfii itti aanutti ceesisuu danda’u tokkummaafi obbolummaa ta’uu ibsaniiru. ‘’Feedhii dhuunfaafi wal qoqqodinsaa dhiisnee, gamtaa, nagaafi misooma waliin facaafna jedhaniiru. Ummattoonni obbolaa walitti bu’insaafi dhiibbaa keessa jiraachuu akka hin qabne, duudhaaleen gamtaa akka eeggaman, afaan adda baastuu osoo hin taane, meeshaa wal qunnamtii ta’uu akka qabu himaniiru.

Kantiibaan buchiinsa magaalaa Axaayyee obboTamasgan Tasfaa,  uummatni godina Shawaa Kaabaafi uummatni  bulchiinsa sablammii Oromoo uummata obbolaa lamaan kan adda bahuu hin dandeenyedha jedhaniiru.  Yeroo dhihoo asitti garuu humnota nageenya hin barbaanneen,  uummatni obbolaa lamaan kun akka walirraa fagaatu hojiin hojjetame salphaa miti jedhaniiru.  Kanaanis naannawichi qormaata keessa turu dubbataniiru.

Uummata giddutti rakkoon akka hin jirre obbo Tamasgees akkuma adde Faaxumaa mirkaneessaniiru. Qaamolee faayidaa siyaasaa barbaadan muraasaatu uummata gidduu seenee rakkoo uumaa jira jedhaniiru. Rakkoo kana furuun hariiroo uummataa daran cimsuuf hoggansi  gama lamaan  jiru kutannoo hojjetaa jiraachuu himaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo