Qonni ooyiruu sanyiif qopheessuurraa hanga oomisha calleessuutti adeemsa keessa darbudha. Gosoonni midhaan garaagaraa waqtii gannaa faca’an kunuunsaafi hordoffii addaa barbaadu. Kun hojiirraa oolaan ooyiruu misoomerraa callaa gaariitu abdatama. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni baay’een bulchiinsa sablammii Oromoo, midhaan misoomsaniif kunuunsa gahaa taasisaa jiraachuu odeeffannerra.
Aanaa Dawaa Caffaatti jiraataa ganda Taraf kan ta’an qonnaan bulaa Aliyyii Mahaammad, ooyiruu qonnaaf qopheessuun sanyii erga facaasan booda hoj-maata qonnaa sirnaawaa ta’e akka hordofan dubbataniiru. Ooyiruun yeroo dheeraafi humni guddaan itti qisaaseffamee midhaan irratti misoomeef kunuunsi yoo hin taasifamne galiin abdatamu kan hinjirre ta’uu kaasaniiru. Kanas hubannoo keessa galchuun kunuunsa midhaaniirratti carraaqqii guddaa taasisuurratti kan argaman ta’uu eeraniiru. Gamasaaniin mishingaa misoomsan xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun mala aadaafi keemikaala farra ilbisootaafi aramaawwan adda addaarraa baraaruun callaa gaarii akka abdatan himaniiru. ‘’Gorsa ogeessa qonnaarraa arganneen qoricha farra aramaaafi ilbisootaa sirnaan hojiirra oolchaa jirra’’ jedhu obbo Aliyyiin. Qonnaan bultoonni fayyadamamummaa damee qonnarraa argatan guddisuuf midhaan misoomsaniif kunuunsa gahaa taasisuu akka qabanis gorsaniiru.
Waajjira qonnaa aanaa Dawaa caffaatti obbo Maarqos Kormee ogeessa kunuunsa midhaaniiti. Barana sadarkaa aanichaatti lafti hektaarri kuma 16 ol gosoota midhaanii 14 oliin haguugamuu himaniiru. Kana keessaa hektaarri kuma sadii ol tuteeffamaan misoomaa jira jedhaniiru. Obbo Maarqos ‘’oomishni faca’e kunneen farreen midhaanii adda addaan akka hin mancoofneef ogeessota ekisteeshinii qonnaafi qonnaan bultootaan eegumsiifi kunuunsi midhaan sakatta’uu mala aadaafi keemikaalaan raawwatamaa jira’’ jedhaniiru. Kunis midhaan misoome farreen midhaanirraa bilisa gochuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf shoora qabaachuu tuqaniiru. Midhaan hektaara kuma lamaa ol bifa ammayyaafi aadaan aramaafi ilbisoota adda addarraa bilisa taasifamuu kaasaniiru. Sadarkaan misoomni midhaanii irra jiru kan bara darbee caalaa abdachiisaa ta’uu eeranii dinagdeen qonnaan bulaa yoo dabalee guddinni biyyaa waan dabaluuf misooma qonnaarratti ciminaan hojjechaa jirra jedhaniiru.
Obbo Ballihuu Abbabaa ogeessa Kunuunsa Midhaanii Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo yoo ta’an, qonni bu’uura dinagdee biyyaa ta’uu hubachuun sadarkaa bulchiinsichaatti xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru. Qonnaan bultoonni ooyiruu qonnaa sanyii midhaaniif qopheessuurraa kaasee erga sanyiin faca’ee booda adeemsa hordofuu qaban irratti hubannoon ogeessota damichaan kennamaa turuu himaniiru. Galii gama qonnaan jiru guddisuuf bara kana gosoota midhaanii garaagaraa bulchiinsichatti faca’eef kunuunsa gaarii taasifamaa jira jedhaniiru.
Akka ogeessi kun jedhanitti sadarkaa bulchiinsichaatti midhaan hektaarri kuma 38 ol aramaa marsaa duraan, hektaarri 7500 marsaa lammaffaan kunuunfameera. Ogeessichi, hojii kunuunsa midhaaniirratti namoonni kuma 100 ol ta’an hirmaachuu himanii midhaan misoome ilbisoota garaagaraarraa baraaruuf sakkatta’insa taasisaniin hektaarri kuma saddeetiif 700 ilbisootaaf saaxilamee turuu dubbataniiru. Kana keessaa mala aadaafi ammayyaan hektaarri kuma torbaa ol ilbisootarraa baraaramuus kaasaniiru. Mala aadaan hojiin ilbisoota midhaaniirraa qolachuuf hojjetame hektaara kuma lamaa ol ta’uu obbo Ballihuun himaniiru. Mala haala ammayyaan qoricha farra ilbisootaa liitira 6000 ol fayyadamuun baraaruu danda’uu isaaniiti kan eeranii ilbisoota mishingaafi boqqolloo mancaasan keessaa raammoon agadaa qurqur ‘Istook booreeri’ jedhamu bal’inaan naannoo isaaniitti kan aragamu ta’uu himaniiru. Ilbisni kun mishingaa keessa waan dhokatuuf qoricha farra ilbisotaan to’achuuf ulfaataadha jedhan ogeessichi. Ta’us mala raammoo kan balleessuuf mala aadaan ittifamaa jiraachuu eeraniiru. Kana malees, aramaaleen biyya alaarraa galteewwan qonnaa garaagaraa waliin gara biyyaatti seenaniin oomishni hektaarri kuma 26 ol weeraramee turuu kaasaniiru. Qindoomina ogeessoota qonnaafi qonnaan bultootaan taasifameen midhaan weerarame aramicharraa bilisa taasifameera jedhaniiru. Waliigalatti kunuunsi marsaa jalqabaa midhaniif taasifamuu qabu goolabamee marsaan lammaffaa xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru. ‘’Jalqabaa hanga xumuratti kunuunsa barbaachisu hojiirra oolchuun oomishaalee adda addaa misoomaa jiran irraa callaa gaarii arganna jennee abdanna’’ jedhaniiru.
Sadarkaa biyyaalessaattis mootummaan ilbisootaafi girriisa simbirroo to’achuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru beelsiseera. Minsteerri qonnaa ilbisootaafi simbirroota girrisaa to’achuuf gahumsa qabaachuu isaati kan ibse. Itoophiyaatti ilbisoonniifi simbirroonni girrisaa oomisharratti miidhaa geessisan to’achuuf ministeerichi hojjechaa akka jirudha kan beeksise. Ministeera qonnaatti hojii gaggeessaa olaanaa kunuunsa biqiltootaa kan ta’an obbo Balaayneeh Nugusee, hojiin eegumsa midhaanii haala qindoomina qabuun hojjatamaa jiraachuufi oomishaafi oomishtummaa midhaanii bara oomishaa 2016/17 facaafame guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Midhaan misoome ilbisootaafi aramaan akka hin miidhamneef sadarkaa biyyaatti eegumsiifi kunuunsi taasifamaa jiraachuu himaniiru. Hojii gaggeessichi keemikaalota farra ilbisootaafi aramaa gahaa ta’e qopheessuufi xiyyaaronniifi maashiniin keemikaala biifan qophaa’uu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni eegumsa oomishaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun ogeeyyii qonnaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuun oomishtummaa guddisuu akka qaban cimsanii hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni hojiin yeroo dheeraatiif itti dadhaban firii gaarii akka argamsiisuuf hudhaalee farra midhaanii ta’an hunda tumsaan dhabamsiisuun irraa eegama. Keessumaayyuu tumsa ilbisoota farra midhaanii balleessuuf taasifamuurratti qophaan hojjechurra gamtaan hojjechuun bu’aa qabeessa isaan taasisuu ni danda’a.
Guddinaa Asaffaatiin