Filannoo pirezdaantummaa Ameerikaa Onkololeessa 27/2017 taasifameen Doonaald Tiraamp qabxii pirezdaantii biyyattii isaan taasisuu danda’u argachuu danda’aniiru. Doonaald Tiraamp gara Waayit Hawsitti deebi’uun imaammata alaa Ameerikaa irra deebi’anii jijjiruuf kan qophaa’an yoo ta’u, waraanaafi rakkolee kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mul’atu jijiiruuf waadaa galaniiru.
Duula filannoo taasisanirratti Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru “guyyaa tokkotti” xumuruu akka danda’an irra deddeebi’anii dubbataniiru. Akkamitti akka ta’e yeroo gaafataman waliigaltee taasisuun to’achuuf yaada dhiyeessuurraan kan hafe addatti hin ibsine. Barreeffamni qorannoo hoggantoota nageenya biyyaalessaa duraanii Tiraamp lama, Caamsaa keessa barreessan akka jedhutti, Ameerikaan dhiyeessii meeshaa waraanaa Yukireeniif qabdu itti fufuu qabdi, garuu deeggarsa kana Kiiyev Raashiyaa waliin marii nagaa akka seentu haal-duree akka ta’u ibseera.
Raashiyaa sossobuuf, biyyoonni Dhihaa Yukireen ‘NATO’ keessa akka hin seenne tursiisuuf waadaa galu. Tiraamp waraana xumuruufi miidhaa qabeenya Ameerikaa irra gahu hambisuun hojii isaanii dursaa akka ta’e yeroo hedduu ibsaniiru. Waraqaaleen gorsitoota duraanii yaada Tiraamp hangam akka bakka bu’an ifa miti. Tiraampi akkuma kan Yukireen, Baha Giddu Galeessaattillee “nagaa” buusuf waadaa galaniiru. Lola Israa’el fi Hamaas Gaazaa fi waraana Israa’el fi Hizboolaah Libaanos keessatti akka xumuran akeekuu malee akkamitti akka ta’e hin dubbanne. Iraan wayita Tiraamp waliigaltee seena qabeessa hariiroo dippilomaasii Israa’elii fi biyyoota Arabaa fi Musliimaa hedduu gidduu jiru idileessuuf “Waliigaltee Abrahaam” jechuun hojjataa turetti caalaatti adda baafamtee turte.
Ameerikaan imaammata alaa ishee keessatti hariiroo tarsiimowaa akkasumas nageenyaafi daldala addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qabu Chaayinaa waliin qabdi.Tiraamp yeroo aangoo irra turan Chaayinaan “dorgomtuu tarsiimoo” jechuun waamuun Chaayinaan gara Ameerikaatti galchitu tokko tokko irra taaksii kaa’aniiru. Kunis Beejiing galtee gara Ameerikaa galchitu irrati qaraxa dabalataa akka kanfaltu taasisa.
Pirezidaantichi Chaayinaa to’achuuf jecha mala bulchiinsi BaayidIn biyyoota naannoo biroo waliin tumsa nageenyaa cimaa Ameerikaa ijaaruu irraa fagaachuu waan malu fakkaata. Ameerikaan Taayiwaan ofiin of bulchaa jirtuuf waraanaan gargaaruf jette jirti, Chaayinaan akka bulchiinsa addaan baatee yeroo booda to’annoo Beejiing jala jirtutti ilaalti.Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu hordofee, Pirezidaanti Shiin maraataa fi balaafamaa ta’uu isaanii waan beekaniif, humna waraanaa fayyadamuun uggura Chaayinaan Taayiwaan irratti hin raawwanne ittisuu akka hin qabne dubbataniiru, akkasumas meeshaalee Chaayinaan galfaman irratti taarifa dabalataa akka kaa’an dubbataniiru.
Eejjannoo Tiraamp gama Afriikaaf qaban muraasa isaa yeroo ilaallu, Tiraamp yeroo pireezdaantummaarraa fagaatanii turan, Raashiyaan qooda Afriikaarratti qabdu dabaltee turte. Hirmaannaa Raashiyaan taasisaa turte kun Ameerikaan akka dammaqtu taasiseera. Tiraamp yeroo duraan aangorra turan biyyoota Afriikaa kanneen akka Naayjeriyaa, shoorarkessitoota akka qabsa’aniif gargaarsa taasisaa turaniiru. Eejjannoon Tiraamp keessumaayyuu godaantoota seeraan alaarratti qaban Afriikaanoota baay’ee ta’an yaaddoo keessa galcheera. Fakkeenyaaf ‘Newsite Taifo’ Keeniyaa akka gabaaseetti, godaantonni kuma 160 biyya Afriikaa Bahaa kanarraa godaanan Ameerikaatti qoqqoodinsi nurratti dhaqqabuu ni danda’a jedhuun sodaa asumaan qaban ibsaa jiru.
Madda: BBC
Buruuk Tashoomaatiin