Mariin rakkoolee akka biyyaatti mudatan karaa nagaan hiikuuf bakka olaanaa qaba. Mariin faayidaa dhunfaa yookiin faayidaa walootiif akkasumsas fedhiiwwan garaagaraa milkeessuuf karoorfame, bakka qaamoleen mari’atan yookiin bakka bu’ootni isaanii argamanitti kan adeemsifamudha. Kaayyoon marii nageenyaa, yaadolee faallaa ta’an gara waltajjiitti fiduudhaan irratti mari’achuufi dubbachuu yoo ta’u, gareen mari’attootaa akka barbaachisummaa isaatti qaamolee mariisisan, affeeruu ni danda’u. Haata’uu malee qaamoleen mariisisuuf afferaman yaada dirqisiisaa kamiyyuu kennuu hin danda’an. Qaamoleen mari’atan yaada marii isaan maddisiiisan bu’uura godhachuun kan adeemsifamuudha. Rakkooleen Itoophiyaa keessatti uumaman mariidhaan akka hiikaman yaaliiwwan garaagaraa tasifamaa turanis hangas mara milkaa’uu hin dandeenye. Kun immoo jireenya guyyuu lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.
Jiraataa magaalaa Baahir Daar kan ta’an obbo simmanyaw Zawuduu, saamunaa dhangala’aa oomishuun jireenya isaanii gaggeeffatu. Yeroo ammaa hojiin isaan hojjetan sababa rakkoo nageenyaan dhaabbate jiraachuu himaniiru. Mootummaan rakkoolee nageenyaa muudatan mariin osoo nuuf hiikee gara hojii keenya idile deebi’uu dandeenya jechuunis hawwii isaanii ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa saayinsii siyaasaa, Darajjee Damissaw, mariin namoota lamaafi isaa ol gidduutti dhimma murtaa’e tokko irratti haasaa taasisuu, odeeffannoo waliif qooduufi yaada wal jijjiirudha, jechuun hiika itti kennaniiru. Qajeeltoowwan yookiin bu’uurawwan marii hedduun akka jiranis hayyuun kun himaniiru. Isaan keessaa inni tokko wal kabajudha. Yeroo mariin taasifamuutti ilaalcha wal kabajuufi qaama mari’atu sanaaf xiyyeeffannaa guutuu kennuun barbaachisaa ta’u himaniiru. Bu’aa wal fayyaduu hordofuunis ulaagaa kan biraa ta’u himaniiru. Yeroo mariin taasifamu, karaa faayidaa waloo mirkaneessuufi fedhii waloo kabajamu hordofuun milkaa’ina marichaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Walii galtee wal fayyaduu irra gahuuf wal hubachuun, araaraaf fedhii qabaachuun barbaachisaa ta’us himaniiru. Yaadotaafi ilaalchota garaagaraa, hirmaattoota biraa ka’aaniif qalbeeffachuufi fedhii qabaachuunis barbaachisaa ta’uu caqasaniiru.
Qeeqa ijaarsaa (constructive criticism) hordofuunis milka’ina marichaaf tooftaa biraa ta’uu himaniiru. ‘’Yeroo qooda fudhattoonni gaaffiifi yaada kaasan, namoota dhuunfaa irratti osoo hin taane yaada isaanii irratti xiyyeeffachuun gaariidha’’ kan jedhan hayyuun kun, yaada ijaarsa filannoowwan milkaa’ina marichaaf fayyadan irratti xiyyeeffachuudha malee nama dhuunfaa irratti xiyyeeffachuun sirrii miti jedhaniiru. Inni kan biraan immoo qabxilee ijoo yookiin mata duree marichaaf ta’an irratti xiyyeeffachuun, qaamoleen mariif ta’an dhimmoota murteessoo mariichaaf barbaachisan akka kaasan jajjabeesuun milkaa’ina marichaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Ragaa qubsaa ta’e qabaachuunis qajeeltoowwaan marii keessaa tokko ta’uu himaniiru. Namootni yeroo mariif dhiyaatan ragaa qubsaa yookiin qabatamaa ta’e maricha cimsuu danda’uu qabatanii argamuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru. Rakkoolee jiran furuudhaaf qaamootni dhimmichi ilaallatu hundi fedhii dhugaafi kutannoo cimaa ta’e qabaachuu, wal-dhaggeeffachuufi eejjannoo sirrii ta’e qabachuutu isaaniirra jiraata jedhaniiru. Akka barsiisaan kun jedhaniitti, hirmaachisummaanis rakkoolee jiran furuuf faayidaan isaa olanaadha. ‘’Mariiwwan kanaan duraa eegalaman tokko tokko haala barbaadamuun milkaa’uu dhabuu isaaniif inni ijoon qaama dhimmicha ilaalatu hirmaachisuu dhabuudha’’ jedhaniiru.
Marii Piritooriyaatti taasifame irratti osoo qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan, naannoon Amaaraafi Ertiraan qaama walii galtichaa taasifamaniiru ta’e, yeroo gabaabaa keessatti rakkinicha furuun walii glatichi gutuumaan guutuutti hojiirra ni oola ture, yaada jedhuus akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mariifi walii galtee milka’aa taasisuuf fedhiin hoggantoota siyaasaa, qabatamaan rakkoo furuuf murtoo qaban irratti hundaa’a, kan jedhan hayyuun saayinsii siyaasaa kun, hoggantootni siyaasaafi qaamoleen hidhatan, rakkoolee biyyattii furuudhaaf yaada dhugaa hin taaneefi ejjannoo sirrii hin taane qabatanii dhihaachuun milkaa’ina mariichaaf gufuu ta’a turuus eeraniiru. Wal amanuu dhabuun paartii biyya bulchuufi paartiilee morkattoota gidduu jirus marii bu’a qabeessa taasisuuf rakkoo guddaa ta’u himaniiru. Fedhii sirrii hin taaneefi eejjannoon gaarii hin taane, mariin eegalame akka galma hin geenye gufuu guddaa ta’u hubachiisaniiru. Rakkoolee nageenyaa yeroo dheeraaf turan hiikuuf fedhii qabaachuu qofa osoo hin taane, bu’uurarraa nageenya waaraa diriirsuu, nageenyaafi tasgabbii lammiilee mirkaneessuuf dirqama mootummaa waan ta’eef, mootummaan yaada uummataa dhaggeeffatee, fedhiifi faayidaa uummataa dursee, gaaffii uummataaf xiyyeeffannoo kennee deebiiwwan madaalawaa ta’an kennuun gahee irraa eegamu ta’uu hayyuun kun dubbataniiru.
‘’Yeroo mariidhaaf teenyu eenyuutu sirridha, osoo hin taane, maaltu sirriidha kan jedhu irratti xiyyeeffachuu qabna’’ kan jedhan hayyuun kun nagaafi tasgabbii fiduudhaaf, uummata dheebuu nageenyaa qabu, haara galfachiisuudhaaf hojjechuudha malee wal himachuun furmaata hin ta’uu jedhaniiru. Kanaafuu mootummaafi qaamoleen hidhatanii socho’an walitti dhiyaatanii, ifaafi ifatti mari’achuun rakkoo isaanii hiikuu qabu jedhaniiru. Biyya keenya keessatti iftoominnifi mariin haqa qabeessa akka hin jirre kan himan hayyuun saayinsii siyaasa kun, bakka iftoomnni, mariin haqa qabeessaafi wal amantaan hin jirreetti mariin gaggeeffamu milkaa’uu akka hin dandeenye hubachisaniiru.
Alamuu Balaayiin