Haadha Siinqee

Siinqeen Sirna Gadaa keessatti adeemsa aadaa mirga dubartoota ittiin tiksuuf mala hunda’edha. Mallattoon Seerri Siinqee kun ittiin beekamu immoo ulee qal’oofi sorooroo muka harooressaa irraa tolchuun dubartiin heerumte qabattudha. Siinqeen mallattoo birmadummaa uumamaan bilisa ta’uuti. Kanaafuu adeemsa kana keessatti haati intala ishee yeroo heerumsiiftu, siinqee kennitif. Yeroo siinqeen itti kenname irraa kaatees haadha siinqee taati.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga ishees ni tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu. Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaafi amantii adda addaa waan raawwataniif siinqeen waraana dubartiitis ni jedhama. Mallattoon kun wayyudha; waan irra safeeffatantu jira. Fakkeenyaaf Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan.

Yeroo qabatanis akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman. Haati Siinqee kan wal lole ni araarsiti, kan wal komate walittitti dhiyeessuun jaalala gidduutti uumti, kan miidhaan irra gahe akka beenyaa miidhama isaa argatu ni taasiftis. Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirri yoo ishiin eeyyama kenniteefi dabarsite malee qaxxaamuree bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an. Dhiittaa mirgaa dubartii irra gahu hambisuuf ni tajaajila. Keessumattuu gadi qabaa/reebicha abbaa warraa dubartootarra gahu yoo jiraatee irraa baraaruuf ni gargaara. Sarbamni mirgaa dhiirootaan dubartii irra yoo gahe akka seera siinqeetti dubartoonnii haadha siinqee ta’an gurmuu uummataniin walii birmachuun dhiira yakka dalage kana seeratti dhiheessu.

Ka’umsaaf waa’ee Siinqee erga kana jennee, aadaan kun kutaalee naannoo Oromiyaa adda addaatti sadarkaan wal haa caalu malee adeemsa aadaatiin faayidaarra oolaa tureera. Barreeffama kanaan adeemsi aadaa kun naannoo Amaaraa bulchiibsa sab-lammii Oromoottis faayidaaf akka oolaa tureefi oolaa jiru iyyaafannee waan odeeffanne isin dubbisiifna.

Bulchiinsa sab-lammii Oromoo biratti Siinqeen Qootii jedhamuudhaanis akka beekamu ragaaleen bulchiinsa sab-lammichaa irraa arganne ni agarsiisu. Aadde Baayisee Taakkalan Qajeelcha aadaafi Turizmii bulchiinsa sab-lammii Oromootti ogeettii aadaafi dursituu garee aadaati. Aadaa Oromoota naanna’ichaa keessaa adeemsi Haadha Siinqee jedhamuun beekamu isa tokko ta’uufi Siinqeen naanna’ichatti mallattoo araaraafi nageenyaa ta’uu nutti himaniiru.

“Haadholiin siinqee nama dhuunfaa irraa kaasee yommuu walitti bu’iinsaaleeniifi waldhabbiileen muudatan Siinqeefi marga jiidhaa qabatanii araarsuufi nageenya buusuun beekamu” jedhaniiru. Siinqeefi margi jiidhaan eebba, safuufi kabaja akka ibsus nutti hinaniiru. Adeemsi aadaa kun adeemsa yeroo keessa haalli itti dagatamaafi laaffachaa itti dhufe jiraachuu kaasanii, akka bulchiinsa sab-lammii Oromootti haala kabajijjiiruuf hojiilee waggoottan dhiyootiin as gama aadaatiin irratti hojjetamaniin dagaagaa akka jiru dubbatan.

Safuu naanna’ichaatiin haadholiin Siinqee hawaasicha biratti dhagahamummaafi kabaja addaa akka qabanis caqasaniiru. Hawaasicha keessatti nageenya buusuufis shoora olaanaa akka qabanis hubachiisaniiru. Akka naanna’ichaatti aanaalee adda addaa bulchiinsa sab-lammichaatti haadholiin Siinqee gocha araaraafi nageenya buusuu, dhaloota karaa gaarii qabachiisuu hojjetan akka jiran kaasaniiru. Keessattuu aanaalee kan akka Jiillee Dhummuugaafi Dawwee Harawaatti gama kanaan hojiifi haalli fooyya’aan akka jiru nutti himaniiru.

Gama birootiin aadicha dagaagsuufi guddisuun haalaan itti fayyadamuuf hanqinni xiyyeeffannoo itti kennuun irratti hojjechuu waan jiruuf, hawaasichiifi qaamonni mootummaa dhimmichi ilaallatu maddii isaanii dhaabbatanii akka irratti hojjechuu qaban eeraniiru. Siinqeen faayidaalee akkamiif oolaa? Lola dhaabuu Siinqeen Wayyuu meeshaa araaraati. Akka seera siinqeetti lolli jabaan maatiifi maatii ykn, gosaafi gosa giduutti yoo umame hadholiin siinqee, siinqee isaanii qabatanii lolli akka dhaabbatu ni taasisu. Akka aadaa Oromootti Waraana hamaa illee yoo ta’e, seera kana bira hin darbu. Dubartiin siinqee qabattee jiduu seennaan ni dhaabata. Raayyaa waraanaa eebbisuu akka aadaa seeraa siinqeetti waraanni hin leellifamu. Ta’uus garuu birmadummaan biyyaa yeroo sarbameefi diinni yoo waraana uummata irratti labse, raayya waraanaa diinaa birmadummaa biyyaa eegsisuufi daangaa darbee lola biyya irratti labse eebbisanii gara lolaatti ni bobbaasu.

Uumaa araarfachuu Kan wal lolee qofa araarsuu osoo hin taanee bara hongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaa biyyatti dhufe , walumaagalatti yeroo rakkoon jabaan uumame, gurmuun bahanii haadholiin siinqee malkaafi tulluutti bahanii Uumaa kadhatanii araara gaafatu. Deeggarsa argachuu sababa adda addaatiin, warri deege, akka hin beelofne, akka hin daarre, horiin jalaa dhumee, sanyii baafatu dhabee lafti bara akka hin baanes siinqeen fala qabdi. Warri rakkina akkanaa irra ga’e, haati warraa siinqee qabattee, warra dureessa ta’e dhaqxee, rakkina himannaan argatteeti galti.

Dubartiin siinqee qabatte, gargaarsa gaafattee namni dhoowwate, ni abaaramaa, hin milkaa’u jedhu. Hawaasnis nama akkanaa ofitti qabuu dide ni qoollifata. Kanaafuu namni ishiin gargaarsa gaafatte kennuun dirqama isaati. Aseennaa dhaquu dubri osoo hin heerumin mana turte, heerumtee bultii argachuuf mirga qabdi. Seerri siinqee dubri haadha warraa taatee akka siinqee argattu tuma. Durbi kana murteeffatte dhiira itti heerumuu barbaaddu filattee, siinqee murattee qophooftee tasa qe’ee warra sanaa dhaqxi. Qe’ee warra sanaa yoo geessu siinqee qabatte dallaa irraan qaarisiiftee darbattee, seentee utubaa qabatti. Dubra aseennaa dhaqxe, erga ishiin siinqee darbattee seentee utubaa qabatte, manaa hin baasan. Namni ishiin filattee itti dhaqxes haadha warraa godhata jechuudha. Cubbuu baasuu hawaasa keessatti gochi safuu ta’e, wanti cubbuu qabu yommuu raawwatame dubartoonni gurmaa’an seera siinqeetiin cubbuu nama irraa baasu.

Fakkeenyaaf, dhiiraafi dubartii firummaa qaban gidduutti saal-quunnamtiin yoo raawwatame, akkanatti qulqulleessu. Maatii horanii jaalalaan waliin jiraachuun kan milkaa’an warra tokko/abbaa warraafi haadha warraa/ waamanii, soddaa warra sanaa baasanii, mana nama cubbuu sana raawwatee, baaxii uranii, dhiiraafi dubartii cubbuu sana dalagan uffata irraa baasanii, gogaa loonii jiidhaan itti haguuganii, uraa baaxii manaa irratti tolfameen hulluuqanii akka seenanii karaa balbalaatiin ba’an dirqisiisu. Kanumaan qulqullaa’anii namatti makamu. Barreeffamicha ittiin gabbisuuf barruuwwan adda addaa irraa odeeffannoo arganne fayyadamneerra.

Milkeessaa Dheeressaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo