Malaanmaltummaan Gufuu Guddina Biyyaa Ta’uu Itti Fufeera

Malaammaltummaan irra caalmaan yakka aangoo dahoo gochuun, imaanaa uummataa dagachuu, safuufi duudhaa uummataas cabsuun faayidaa ittiin hin dadhabiniifi qaxxaamuraan duromuuf gocha raawwatamudha.  Malaanmaltummaan faayidaa garee yookiin dhunfaatiif jecha sirnoota,  seeroota,  hojmaataafi qajeelfamoota caabsuudha. Gochi kun ijaarsa sirna dimokiraasii, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu barmaata aadmaleedha. Malaanmaltummaan iddoon osoo hin daangeessin bakka kamittuu raawwatamuu kan danda’u gocha seeraan alaati.  Malaammaltummaan maallaqa saamuu yookaan matta’a fudhachuu qofaa miti, qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gaafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa isaa fayyadame hojii hin mallee yoo hojjete, malaanmaltummaadha jedhame ni fudhatama.

Keessumaa waraannifi tasgabbii dhabuun, malaanmaltummaaf haala mijataa kan uumu ta’u ragaaleen garaagaraa ni agarsisu. Naannoo Amaaraattis rakkoon nageenyaa uumame hojimaatni badaafi malaanmaltummaan akka babal’atu daandii saaqeera.  Malaanmaltummaan haala barbaadamuun akka hin hojjetamne gufuu guddaa ta’uus jiraattootni dubbisne himaniiru.  Shamarree Yaalamwarq  Habtaamuu carraa hojii biyya alaa argattee, waan ishee barbaachisu guutachuuf biiroo Immigreeshiniifi tajaajila lammummaatti argamtee dabaree eegaa akka jirtu nutti himteetti.  Paaspoortii baafachuuf bellamni kennameef gara guyyoota torbaa ol deddeebitus hanga ammaatti xumuruu akka hin dandeenye dubbatteetti. Namootni ishee booda galma’aan garuu sababa hin beekamneen yeroo isaan saffisaan xumuranii fudhatan ijaan arguu ishee eerteetti. Kennaan tajaajila naannawa sanatti hawaasaaf kennamu rakkoo guddaa kan qabu ta’us waan taajjabdeerraa ka’uun dubbatteeti.

Komishinii farra malaanmaltummaa naannoo Amaaraatti daayireektara ijaarsa naamusaa, qorannoofi qo’annoo ittisa malaanmaltummaa, obbo Gabayyahu Xiruusaw, malaanmaltummaan namootni, qabeenya hojiifi dafqa isaaniin argachuu hin dandeenye, yookiin faayidaa hojii idilee isaaniitiin argachuu hin dandeenye argachuuf itti gaafatamummaa isaanii gara duubatti dhiisuun, karaa qaxxaamuraan raawwatniidha jedhaniiru.  Malaanmaltummaan naannichatti sadarkaa inni irra jiru beekuuf qorannoo akka gaafatu kan himan daayireektarichi,  haata’u malee kennaa tajaajilaa irratti akka naannootti rakkoon guddaa akka jiru agarsistuun jiraachuu eeraniiru.

‘’Lammiileen tajaajila argachuu qaban bakka hundaatti bilisaan argachaa jiru jenne yoo ilaalle, dhugaarraa kan fagaatedha’’ jechuun haala jiru kaasaniiru. Keessumaa naannichatti rakkoon nageenyaa muudate, lammiileen kennaa tajaajila haqa qabeessa ta’e akka hin argannee taasisaa jiraachuufi malaanmaltummaafis haala mijataa kan uumuu ta’u himaniiru.  ‘’Muxannoon addunyaa akka agarsisuutti waaraanni saaxilamummaa malaanmaltummaa daran akka dabalu taasisa’’ kan jedhan daayireektarichi, haala qabatamaa naannicha keessa amma jiruun, yakki malaanmaltummaa daran akka hidda godhatu, weerarri lafaa akka baba’latu, gibira mootummaaf kaffalamuu maluu dhooksuu, waraana bu’uura gochuun bu’aa hin malle argachuuf tattaaffachuu, waraana waliin walqabatee olola hin taane tamsaasuun hawaasni jireenya tasgaba’aa akka hin jiraanne taasisuufi saamichi jiraachuu himaniiru. Rakkoon nageenyaa naannichatti uumame,  rakkoo  kennaa tajaajila sirreessuufi malaanmaltummaa ittisuuf tattaaffii taasifamurratti gufuu guddaa ta’uu obbo Gabayyahu hubachisaniiru.   Malaanmaltummaafi hojmaatni badaan,  guddina dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa kan miidhu waan ta’eef malaammaltummaafi hojmaata badaa bu’uura irraa dhabamsisuuf, dhaabbilee ijaarsa safuuf naamusa gaarii dagaagsan jabeessuufi dhaloota egeree hojmaata badaa balaaleeffatu uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Malaanmaltummaan qabeenyi harka namoota muraasatti akka galuu, namootni hedduun immoo qabeenya isaanii akka dhaban taasisuun dinagdee irratti miidhaa guddaa dhaqqabsisuu akka danda’u kan himan, obbo Gabayyahu, garaagarummaan jireenya lammiilee gidduu jiruus akka daran bal’atu taasisaa jechuun himaniiru. Dhiibbaan dinagdee yeroo dabalaa dhufu immoo dhiibbaan siyaasaa akka dabaluu taasisuuniifi hariiroon hawaasummaas akka garaagarummaa qabaatu taasisuun, kufaatii biyya tokkoof sababa ta’uu akka malu akeekkachisaniiru.

Soonaan waliin jireenya uummataa akka laafuu kan taasisuu ta’us hubachisaniiru. Walumaagalatti dhabamuun nageenyaa, uummata nagaa barbaaduuf qormaata guddaa ta’aa dhufuufi namoota osoo hin hojjetiin duroomuuf qabeenya uummataa saamaniif immoo carraa guddaa kan uumuuf ta’uu himaniiru. Dhiibbaa hamaa malaammaltummaan biyyaafi lammiileerraan ga’u qolachuufis qabsoo farra malaammaltummaa bu’uura uummataa qabu milkeessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Malaanmaltummaa ittisuuf komishiniin farra malaanmaltummaa, dhaabbilee haqaafi dhaabbiileen naannacha keessa jiran biroo waliin qindomuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Uummatni naannichaas qaamolee osoo hin hojjetiin dafqa namaatiin qabeenya kuusachuu barbaadan, sodaa tokko malee saaxiluun gahee isaaniirraa eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.

Dhaabbileen barnootaas cabinsa naamusa nu muudate suphuun, lammii faayidaa biyyaafi itti fayyadama uummata isaaf yaadu uumuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Dhaabbileen amantaas malaanmaltummaa hojjechuun waaqa biratti cubbuu akka ta’eefi safuu hawaasichaa kan cabsu akka ta’e barsiisuu qabu jedhaniiru. ‘’Hawaasni malaanmaltummaa irratti darbee darbee eeruu kennus, gahaadha jechuu hin danda’amu’’ kan jedhan obbo Gabayyahu,  qaamni malaanmaltummaan yeroo raawwatamu argu kamiyyuu eeruu sodaa malee  kennuun,  miidhaa qabeenya uummataafi mootummaa irraan gahu hambisuu qabu jedhaniiru.

Malaanmaltummaan guddina biyyaa kan qucarsuufi misooma biyyaas kan gufachisuu waan ta’eef qaamni hundu balaaleffatu qaba jechuun ergaa isaanii dhaamaniiru. Naannichatti hojii malaanmaltummaa irratti hojjetameen qabeenya hedduu qisaasa’ummaarra baraanuun danda’amus daayrektarichi himaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo