Miidiyaaleen  Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisurratti Waloon Dhaabbachuu Qabu

Miidiyaan meshaa sab-qunnamtii ammayawaati. Miidiyaan qaqqabamummaa uummata hedduu qaba. Yeroo ammaa miidiyaa idilee dabalatee miidiyaan hawaasummaa hedduun faayidaarra olaa jiru. Biyya tokko keessatti miidiyaan gosa adda addaa ibsamu danda’u. Hedumminaan kan beekaman gosa sadii dha. Miidiyaa kan mootummaa, kan daldalaafi kan hawaasaadha. Miidiyaaleen paartiifi amantaanis eeyyamni kennameef kan hojechaa jiran ni jiru.

Akkumma kaayyoo hundeffama isaaniifi fedhii namootaa yookaan garee abbaantummaa miidiyaalee qaban xiyyeffannoon qabiyyee isaanii garaa garaa ta’u ni danda’aa. Miidiyaaleen hundi garuu dhimma fedhiifi faayidaa biyyaa irratti waloon dhaabbachuu barbaachisa. Fedhiifi faayidaan biyyaleessaa kaayyoofi galma midiyaalee hundaa biyya tokkoti. Biyyoota guddataniifi walabummaa yaadaa qaban  keessatti midiyaaleen faayidaa biyya isaaniif tokkodha. Miidiyaaleen faayidaa biyyaaf dhaabbatan dhaloota faayidaa biyyaaf dhaabbatu uumuu danda’u. Uummata biyyaaf waloon dhaabbatu, biyya tokkumman ishee eegame ceesisu danda’a.

Itoophiyaan miidiyaalee hedduu qabaattus faayidaa biyyaaf waloon dhaabbachurratti haanqinaaleen jiran hedduudha. Inni jalqabaa, oggeessotni miidiyaa hundi dhimma faayidaa biyyaalessaa irratti hubannoo walfakkaataa hin qaban. Inni biraan immoo, sabummaan siyaasa biyyattii raasaa jiru, miidiyaa keessattis waan calaqa’uuf oggeessotni miidiyaa faayidaa biyyaaleessaafi saba isaan tajaajilaa jiran giddutti ilaalchi jiru boora’aadha. Kanneen naannoo isaanii akka biyya tokkotti ilaalanis ni jiru. Baroota darban keessatti miidiyaaleen Itoophiyaa keessatii argaman hedduun dhimoota garaa garummaa uummataa bal’isan hojjetaniiru. Seenessa sobaas facaasaniiru. Ummataafi uummata gidduutti walshakkiin akka uumamu taasisaniiru. Kunis olee bulee rakkoo walxaxaa biyyattii irratti dhufeef gaheen isaa guddaadha.

Ammas rakkoo biyyattii mudate keessaa bahuuf gaheen miidiyaaleen qaban jabaa dha. Miidiyaaleen hundi faayidaa biyyaalessaaf waloon dhaabbachuu barbaachisa. Miidiyaan kan jiraachuu danda’u biyyi nagaan yoo jiraate qofadha.Tokkummaafi nageenyi keessoo biyyattii eegsisun dhimma booruf hin jedhamnedha. Biyyi keessoon nagaafi tokkummaa qabdu biyyoota biroo irratti kabajaafi dhageetti ni qabaatti. Biyyoota guddatan keessatti miidiyaan faayidaa biyyaalessaaf hin dhaabbanne akka gantummaatti ilaalama. Miidiyaaleen akkasi uummata birattis jibbamoo waan ta’aniif hordofaa hin argatan. Akka Itoophiyaattis ummatni bal’aan qabiyyee miidiyaaleen dhiheessan ija qaraan ilaalu barbaachisa. Faayidaa biyyaaleessa eegsisuun gahee lammilee hundaati. Miidiyaalee faayidaa biyyaleessaaf hojjetan jajjabeessuufi kanneen kanaan faallaa dhaabbatan to’achuu yoo xiqqaate hordoofu dhisuun gahee lamileeti. Itoophiyaan yommiyyuu caalaa miidiyaalee faayidaa biyyaalessaafi fedhii uummataaf hojjetan ishee barbaachisa. Miidiyaaleen gahee isaanii kana bahachuun ittigaafatamummaa seenaa qabu.

Oduu

AMECO Hirkoo