Dhimmi gibiraafi misoomaa waan wal biraa hafu miti. Galiin gibiraa guddina dam-daneessaa biyya tokkoof murteessaadha. Maddoota galii mootummaa keessaa inni guddaan galii gibira lammiilee irraa walitti qabamudha. Mootummaanis, galii kana walitti qabuun hojii bu’uuraalee misoomaa adda addaaf oolcha. Qajeelchi Galiiwwanii Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo gama galii walitti qabuun bara baraan jijjiirama argamsiisaa jira. Bulchiinsichatti bara darbe galiin gibiraa walitti qabame Birrii Miiliyoona 658 ol ture. Galin achirraa argame hojiilee bu’uuraalee misoomaa adda addaa uwwisuuf ooluusaa ragaan qajeelchicha irra argame ni mirkaneessa.
Bara kanas kaffaltoonni gibiraa bulchiinsichaa dubbisne tokko tokko gibira sirnaan kaffalaa jiraachuu odeeffanneerra. Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Ammaad Abdallaa, daldalaan jiruusaanii gaggeeffachaa jiraachuu himaniiru. ‘’Galii argatan irratti hundaa’uun kaka’umsaan gibira kaffaluun dirqama ofii beekudha” jedhaniiru. Gamasaaniin galii argatan irraa bu’uura qajeelfamni labsii gibiraa jedhuun waan itti murtaa’e yeroon ofirraa kaffaluu dubbataniiru. Kaffaltii kana sirnaan raawwachuutti gammachuu guddaa qabaachuu kaasaniiru. Daandiin, manneen barnootaa, manneen yaalaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa biroo kan ijaare galii kaffaltoota gibiraa irraa argame ta’uusaati jiraatichi kan himan. Fuuldurattis amanamummaa guddaan gibira yeroon kaffaluuf kutannoo qabaachuu eeraniiru.
Itti gaafatamtuun Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sablammii Oromoo aadde Amiinat Huseen “bara baajataa 2017tti galii idileefi tajaajila magaalotaa irraa birrii biiliyoona tokkoofi miiliyoona 37 fi kuma 400 ol sassaabuuf karoorfanneerra” jedhaniiru. Hanga gabaasni kun qindaa’etti, Birrii Miiliyoona 364 fi kuma 731 ol walitti qabuu danda’uu himaniiru. Akkasaan jedhanitti, raawwiin karoorichaa dhibbantaa 35 ol milkaa’eera. Aadde Amiinat bulchiinsichatti, lakkoofsi kaffaltoota gibiraa sadarkaa A hanga C’tti jiran waliigalan Kuma kudhaniifi 960 ta’udha kan himan. “Kaffaltoota gibiraa dirqamasaanii beekuun yeroon gibira kanfalaniif beekamtii kennuun jajjabeessaa turre” kan jedhan aadde Amiinat, kunis kanneen kanfaluurratti gara boodatti harkifatan dadammaqsuuf faayidaa qabaachuu himaniiru. Kaffaltoota gibiraa ”hammi gibiraa nutti baay’ate” jedhanii komii dhiheeffataniif koreen komiisaanii irraa fuudhuun ilaalu jiraachuu ibsaniiru.
Furmaanni korichaan kennameef quubsa ta’uu yoo baate kaffaltoonni hanga federaalaatti deemanii komii dhiheeffachuuf mirga qabaachuu addeessaniiru. Ta’us Aadde Amiinat gama kanaan komiin isaan biratti ka’u hagasmara kan hinjirre ta’uu ibsaniiru. Kan dogoggoraan itti murame yoo jiraates karaa seera qabeessummaa qabuun sirreessaa kan deeman ta’uu himaniiru. Akkasaan jedhanitti, sadarkaa bulchiinsichaatti haalli nageenyaa jiru fooyyee waan qabuuf kunis gibira sirnaan funaanuuf haala mijataa uumeera. Ittigaafatamtuun kun galiin yoo hin jiraanne misoomni biyyaa kan hin jirre ta’uu kaasaniiru. “Galiin gibiraafi taaksii irraa sassaabamu misooma hawaas-dinagdee biyyaa ariifachiisuuf gargaara” kan jedhan itti gaafatamtuun kun misoomaafi guddina biyyaa tokkoo kan ariifachiisus ta’e duubatti harkisu qabeenya mootummaan qabu ta’uusaa kaasaniiru. ‘’Mootummaan qabeenya gahaa of harkaa hin qabne gaaffii misoomaa hawaasni gaafatu deebisuu hin danda’u’’ kan jedhan ittigaafatamtuun kun, galii mootummaa dabaluuf kaffaltoonni gibiraa dirqama qaban bahachuun barbaachisaa ta’uu mirkaneessaniiru. Hawaasni gibira amanamummaafi yeroon akka kaffaluuf hojiin dadammaqsuu, seera gibiraafi taaksii kabachiisuu gamasaaniin hojjetamuu ibsaniiru.
Obbo Gammadaa Guutaan Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sablammii Oromootti, Qindeessaa Adeemsa Hojii Barumsa Gibiraafi Qunnamtiiti. “Gibirri hojii hojjennuuf bu’aa argannu irraa ka’uun dhibbantaa muraasa qajeelfama irratti hundaa’uun galii mootummaaf kaffalludha” jedhaniiru. Kan bara darbee caalaatti galii walitti qabuuf hubannoon kaffaltoota gibiraa dhimma gibiraarratti kennamuu himaniiru. Bulchiinsichatti baay’inni kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ 398 ta’uu himuun, isaan keessaa namoonni 296 kaffaltii gibiraa raawwachuu dubbataniiru.
”Akkasuma kan sadarkaa ‘B’ kaffaltoota 325 yommuu ta’an namoonni 324 kaffalaniiru” jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, kaffaltoonni sadarkaa ‘C’ jala jiran hunduu kaffaltii raawwachuu danda’uusaaniiti. Daldalaan galii dhoksuun gibira waliin dhahuuf yaaluuniifi sirni daldalaa ammayyawaa ta’e dhabamuun sababoota galii gibiraafi taaksii irratti gufuu ta’an ta’uu eeraniiru. “Dhimma mirgaa qofa osoo hin taane dirqama raawwachuu qabnuu dagachuun barbaachisaa miti. Mirgi keenya kabajamuu kan danda’u dursa dirqama nurra jiru yoo baanedha. Seera gibiraafi taaksii kabachiisuuf hunduu qaama gibiraafi taaksii dhoksuufi waliin dhahu saaxiluu qabna” jedhaniiru. Aadaan gibira kaffaluu kan hin daballe yoo ta’e, fedhiin misoomaa dabaluun qofti faayidaa kan hin qabne ta’uu addeessaniiru. Obbo Gammadaan, qaamni galii argatu tokko galiisaa giddugaleeffatee waan mootummaaf akka galfataatti kennamee deebi’ee hojii misoomaaf oolu yeroon gumaachuu aadeeffachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin