Mariin Biyyaalessaa Waliigaltee Biyyaalessaa Fiduufi Nageenya Biyyattii Waaressuuf Sirnaan Itti Fayyadamuu Barbaachisa

Itoophiyaan sirna mootummaa yeroo dheeraa qabaattus,hanga ammatti sirni dimookiraasi bu’uuraan ijaaru hin dandeenye. Sirna mootoota keessattis ta’e sirna Dargiin booda angoon siyaasa uummata biyyattiif hin keennamne. Jaarmiyaaleen siyaasaa faayidaafi fedhii matasaaniif jecha uummata biyyattii rakkoo adda addaf saxilee jira. Biyyattiin yeroo dheeraaf maraamartoo rakkoo siyaasaafi walwaraansa keessa turteeti. Kunis carraa guddachu qabnus, hiyyummaa keessa akka turru nu taasisa.Yeroo adda addatti lammilee biyyatti hedduuf du’aafi buqqaatif saaxileera. Biyyattiin hirkatummaa dinagdeefi siyaasa keessaa akka hin  baane taasiseera. Sirni mootummaa fudhatamummaa biyyaaleessaa qabu hin ijaaramne.

Kun hundi sadarkaa biyyaaleessatti rakkolee siyaasaa qabnu afaan qawwee cufnee mariifi marabbaan hikuun waan hin baratamneef kan dhufeedha. Aadaan rakkolee qabnu mariin hikkachuu hin dagaagne; olaantummaan yaadaas hin mirkanoofne. Seenaa biyyattii keessatti sabaafi sablamootni Itoophiyaa waliin jiraachuun, waliin hojechuun aadaafi dudhaa wal kabaju qabnu hedduudha. Akka rakkoo siyaasaa qabnu ummata gidduttis osoo jiraate biyyattiin hanga yoonaa carraa digumsa ishee mudata turee. Jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun angoo ofii dhunfachuuf uummata gidduutti wal shakkiifi wal waraansi akka umamu carraaqanis uummatni biyyattii aadaafi dudhaa boonsaa qabun tokkummaan waliin jiraachaa jira.

Itoophiyaan rakkolee yeroo dheeraaf lammileen biyyattii kaasan mariin hikuuf yeroo jalqabaaf carraa marii biyyaalessaa taasisu argateetti. Carraa kana sirnaan fayyadamuun waliigaltee biyyaalessaa fiduufi nageenya biyyattii waaressuuf gahee inni qabu guddaadha. Hundeefamni komishiniin marii biyyaalessaa maraamartoo rakkoo siyaasaaf nu saxilaa turaniif hundeen ilaalu dandeesisa. Mariin biyyaaleesaa erga hundeefame asitti naannoolee hedduu keessatti mariin bal’aa taasifameera. Adeemsa ajandaa sassaabuu komishinnichi taasiseen ajandaaleen sabaafi sabalamootni akka biyyaatti qaban maal akka ta’es baramuu danda’ameera. Hojiin ajandaa sassaabuu naannoolee gara xummuraatti deemaa jira. Kana booda kan eegamu sadarkaa biyyaaleessatti marii biyyaaleesaa taasisu dha.

Carra marii biyyaleessaa argame kana rakkoo biyyatiin qabdu sirnaan furuuf abdiin eegamaa jira. Marii biyyaaleessaa milkeessuuf jaarmiyaaleen siyaasaafi uummatni hundi bakka bu’aasaatin hirmaachisuu barbaada. Marii kana keessatti hammatamummaan bakka guddaa kan itti kennamuu qabudha. Komishiniin marii biyyaalessaa uummata keessa deeme marii taasisuufi bakka bu’oota ummataa fudhachuuf rakkoleen nageenyaa bakka adda adda jiran danqaa itti ta’aniiru. Jaarmiyaaleen siyaasa komishinichaa ija shakkiin ilaalaniifi hirmaachuuf akka fedha hin qanbne kan ibsaniis ni jiru. Qaamoleen gaaffi siyaasaa qabna jechuun qabsoo hidhannoo taasisuf boosona jiranis marii biyyaleessaa irratti hirmaachuuf feedhi agarsiisaa hin jiran. Sababa kanaan eergama marii biyyaaleessaa milkeessuuf dursa wal waraansi biyyatti keessa deemaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhan hedduudha.

Waraana keessa taane marii biyyaaleessaa taasisuf hirmaachisummaa waan dhabuf fudhatamummaa biyyaaleessa dhabuu danda’a kanneen jedhanis hedduudha. Rakkoon kun naannoolee gurguddoo biyyattii ta’an naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti jiraachunsaa yaaddoo guddaa ta’ee jira. Rakkoolee kana furuufi marii biyyaaleessaa milkeessuuf gaheen mootummaa guddaadha. Jaarmiyaaleen siyaasaa mufii qabanis carraa kana hubatanii sirnaan fayyadamuu barbaachisa. Lammileen hundi carraa argamee sirnaan fayyadamuun gama hundaan dhibbaa taasisuun irraa eegama. Hojii komishiniin mariin biyyaaleessaa jalqabe milkeessuun dhimmoota gurguddoo biyyattii irratti waligaltee biyyaaleessaa umuu yoo danda’ame biyyattiif seenaa haaraa ni saaqa. Maraamartoo walitti bu’insaafi dararama lammilee baraaruu danda’a. Rakkoolee qabnu afaan qawween osoo hin taane mariif marabbaan akka hikkachuu dandeenyu nu taasisa. Kunis nageenya biyyattii waareessuun guddina hunda galeessa ni fida. Hundaa ol siyaasni madda walwaraansa akka hin taane ijaarsa sirna mootummaa fudhatamummaa biyyaaleessaa qabu ni fida. Kunis rakkoole biyyaatti jaarraa hedduuf turee furmaata ni fida kan jedhu ibsa eejjannoo keenya har’ati.

Oduu

AMECO Hirkoo