Nageenyi bu’uura jiruufi jireenya dhala namaa hundaati. Nageenyi hin jiru taanaan waan biraa yaaduu miti, carraan lubbuun jiraachuullee dhibuu ni danda’a.Jiruufi jireenya hawaasaa keessatti wanti qixa nageenyaa, bu’uura ta’e tokko illee hin jiru yoo jenne, kan nama wal gaafachiisu miti. Yoo nageenyi boora’e warreen nageenya booressan yookiin qaamota duubaan ta’aanii rakkoo qindeessaniifi shira xaxan caalaa kan miidhamu lammiilee nagaadha. Biyya keenya keessatti rakkoo nageenyaa waggoottan darban mudate hordofee lubbuu lammiilee nagaa hedduu darbeera. Qabeenya biyyattii irrattis miidhaa cimaa dhaqqabsiiseera. Keessumaa rakkoon nageenya naannoo Amaaraatti mudate, sochii hawaasummaa, misoomaafi bulchiinsa gaarii uummata naannichaa irratti dhiibbaa olaanaa uumeera. Naannichi tasgabaa’uu dhabuun isaa, dhaabbileen kanneen akka barnootaa, fayyaafi diinagdeen akka duubatti hafuu taasisaa jira.
Keessattuu waraanichi godaannisni barnoota irratti dhaqqabsiise daran hamaatadha.
Manni maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 9ffaa bara hojii 4ffaa marsaa 6ffaa gaggeesseen, haala nageenya amma jiruufi kallattii gara fuulduraa irratti gadii fageenyaan mari’ateera. Yaa’iicharratti haasaa baninsa kan taasisan, afa yaa’iin mana maree naannoo Amaaraa aadde Faantuu Tasfaayee, haalli nageenya naannicha yeroo ammaa fooyya’aa jiraachuu himanii, nageenyi fooyya’aa argame kun, itti fufinsa akka qabaatu gochuuf, mootummaan boqonnaa malee kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuufi biyya badhaate ijaaruu keessatti hirmaannaafi kutannoon lammiilee hundaa gahee bakka bu’ummaa hin qabne qabaachuu hubachiisaniiru. Nageenya fooyya’aafi guddina diinagdee hanga ammaa argameef, tattaaffii lammiileen itti gaafatamummaa isaanii bahachuuf taasisaniif beekamtii kennuun akka barbaachisu dubbataniiru. “Haata’u malee fedhii misoomuu uummata keenya waliin wal bira qabne yeroo ilaallu, gara fuulduratti hojii bal’aafi qindoomina kan gaafatu waan ta’eef, nageenya aadaa godhachuuf, mootummaa, abbootiin amantaa, dhaabbileen siivikiifi hawaasni keenya hundi akkuma itti gaafatamummaafi ergama qabnuun, dhunfaafi gareedhaan qindoomuun tattaaffii taasisuun fedhii uummata keenya mirkaneessuun nurra eegama” jedhaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaan gahe hogganummaa isaa bahachuuf qophaa’aa ta’uufi kutannoo qabaachuu isaa afa yaa’iittiin mirkaneessaniiru. Mootummaan gaaffii nageenyaafi misoomuu uummataa deebisuuf karooraan qabate hojjechaa jiraachuus hubachisaniiru.
Gabaasa raawwii ji’a ja’aa mana marichaaf kan dhiyeessan bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, haalli nageenya fooyya’aa dhufuun isaa karoorawwan misoomaafi bulchiinsa gaarii milkeessuuf waggaa darberra bara kana haalli mijataa uumamu gabaasichaan agarsiisaniiru. Kanaanis hojiileen misoomaa gurguddoo naannichatti hojjetamuu kaasaniiru. Karoorawwan ji’oottan ja’aan darban keessatti qabaman kan hin milkoofne jiraachuu kan eeran bulchaan olaanaa naannicha, haalli nageenya naannichaa guutummaan guutuutti gara nageenya duraan turetti, kan hin deebine ta’ uun isaa gama hojiilee raawwachuufi raawwachisuutiin kutannoon seektara irraa seektaraatti jiruufi garaagarummaan dandeettiivjiraachuu akkasumas rakkooleen galteefi dhiyeessi waliin walqabatan jiraachuu gabaasichaan mirkaneessaniiru. Keessumaa damee barnootaa irratti dhiibbaan sababa nageenyaan dhaqqabe hammaataa ta’uu obbo Araggaan gabaasichaan eeraniiru. Miseensootni mana marees gabaasa raawwii bulchaan olaanaa dhiyeessan bu’uura godhachuun, gaaffiiwwan adda addaa kaasaniiru. Keessumaa duulli olaantumaa seeraa kabachiisuu eegalame cimee akka itti fufu gaafataniiru. Rakkoon nageenyaa naannichatti mudate uummata naannicha irratti rakkoo diinagdeefi hawaasumma guddaa dhaqqabsiisu kan kaasan miseensotni mana marichaa, mootummaan naannicha filannoowwan hunda fayyadame naannicha sodaa nageenya irraa bilisa gochuuf hojjechuu akka qabus gaafataniiru. Gaaffilee mana marichaa irraa ka’aniif deebiifi ibsa kan kennan bulchaan olaanaa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaa, aarsaa qaamoleen callisaa naannichaafi federaalaa kaffalameen nageenyi fooyya’aan dhufuu dubbataniiru. Gama tokkoon hojii olaantummaa seera eegalame cimsuun gama biraan immoo walii galteefi mariidhaan nageenya naannichaa amansiisaa gochuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu hubachisaniiru. Hirmaannaa siyaasaa cimaa uummata giddu galeeffate hojjechuun nageenya mirkaneessuun akka barbaachisu dubbataniiru. Uummatni qaamolee callisaa waliin qindoomuun nageenya naannawaa isaa akka eeggatu kan yaadachisan bulchaan olaanaa naannichaa, nageenya argame waaressuufi hojiin olaantummaa seera kabachiisuu eegalame kan itti fufuu ta’uu himaniiru. Nageenya naannichaa yeroo gabaabaa keessatti kana caalaa fooyyessuuf, hojiilee hedduu hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Gama kanaan deggarsi mootummaan federaalaa taasise olaanaa ta’uu ibsaniiru. Naannichis humna qaamolee callisaa cimsuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru. Manni maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee isaa 9ffaa bara hojii 4ffaa marsaa 6ffaa kallattiiwwan gara fulduraatti hojjetamu qaban kaa’uun xumureera. Manni marichaa nageenya waaressuufi damee barnootaa sababa walitti bu’insaan miidhame deggaruufi ijoollee barnoota irraa fagaatanii turan gara barnootaatti fiduun hojii yeroo itti aanutti xiyyeeffannaan hojjetamu ta’uu yaadachiiseera.