Misooma Qamadii Bonaa Aanichaarraa Muuxannoo Qoodatamu Qabu

 

Waggoota shantamaa oliif biyyattiin qamadii alaa galchaa turuun ni beekama. Akka biyyaatti baroottan sadan darbaniin asitti oomishni qamadii bonaa oomishamaa jiru seenaa kanaan dura biyyattiin ittiin beekamtu ni jijjiira jedhamee waan abdatamu fakkaata. Biyyattiin waggoota lamaa hanga sadii keessatti fedhii qamadii oomisha biyya keessaan guuttachuuf kan biyya alaatii galchaa turte guutummaan dhaabuuf karoorsitee hojjechuu irratti argamti. Kanaanis kutaalee biyyattii adda addaa keessatti jalqabbiin jiru egereef abdachiisaadha.

Bu’uuruma kanaan jallisii qamadii bonaan walqabatee muuxannoo aanaa Dawaa Caffaa jiru odeeffanneerra.  Aanichatti qonnaan bultoota dabalatee dargaggoonni hoj-maleeyyii misooma jallisii qamadii bonaa irratti bifa qindoomina qabuun gurmaa’anii misoomsaa jiru. Hasan Muhee aanaa Dawaa Caffaa ganda Gobayyaatti walitti qabaa dargaggoota hojii jallisii misooma qamadii bonaa irratti gurmaa’aniiti. Akka dargaggoon kun jedhutti, gandichatti dargaggoonni hoj-maleeyyii soddomni walitti gurmaa’uun lafa hektaara 15 jallisiin qamadii misoomsuu irratti argamu. Hojii jallisii jalqabuun duratti hojmaatasaan walqabatee leenjii ogeessota qonnarraa argachuu dubbateera. Kanaanis muuxannoo guddaa qooddachuun hiriyyoota isaa soddoma ta’an waliin lafa hektaara 15 yeroo bonaa kana qamadii jallisiin misoomsu irratti kan argaman ta’uu kaaseera. Dargaggoonni qamadii jallisiin misoomsaa jiran kun garee sadiitti kan qoodaman ta’uu dubbateera. Bara darbe gareen tokko qofti callaa qamadii kuntaala 70 ol kan galche ta’uu himeera. Bara kana bu’a qabeessummaa keenya daraan guddisuuf kan nu gargaaru sanyiin filatamaafi xaa’oon yeroo barbaachisaa ta’etti nuuf dhihaateera jedha Hasan. Gama waajjira qonnaa aanichaa irraa motoroota bishaanii dabalatee ujummoo laastikaa meetira 250 ol deggersaan argachuu himeera. Akka inni jedhutti ujummoon kun bishaan motororraa fuudhee gara ooyiruu qonnaatti kan geessudha. Muuxannoo qonnaa duraan aanicha keessa ture yoo dubbatu ”qonnaan bulaan aanaa keenyaa kanaan dura rooba gannaa qofa eeggatee gosoota midhaan biroo oomishaa ture; waggoottan sadan darban kanatti warraaqsa misooma jallisii qamadii bonaa akka biyyaatti eegale hordofee hiriyyoota koo waliin gurmoofnee waqtii bonaa qamadii jallisiin misoomsuuf murteessine” jedha. Hasan hojii misooma jallisii qamadii bonaa halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu eereera. Qamadiin misoome haalli dhaabbi isaa sadarkaa gaariirra jiraachuu kan himu dargaggoon kun, bara kan hektaara tokko irraa qamadii kuntaala 35 ol galchuuf abdii qabaachuu dubbateera.

 

Itti aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Dawaa Caffaa obbo Jamaal Sa’id misooma qonnaa waqtii gannaa hojjetamu qofaan jijjiirama barbaadamu fiduun waan hin danda’amneef kana hubachuun mootummaan imaammataafi tarsiimoo  baasuun inisheetiivii misooma jallisii bonaa akka biyyaatti hojiirra oolchuu isaa dubbataniiru. Kanuma bu’uureffachuun sadarkaa aanaa isaaniitti hojii warraaqsaa Jallisii qamadii bonaatti seenuu dubbatu. Haalli qilleensaafi teessuma lafaa aanichaa mijaawaa ta’uu kaasanii, laggeen akka Borkanaa, Batoofi Dirma aanicha keessatti waan argamaniif sadarkaa godinaatti jallisii bonaaf aanichi haala mijaawaa qabaachuu dubbataniiru. ”Qamadiin qilleensa qabbanaa’aa barbaada; aanaan keenyaa ammoo uumamaan ulaagaa kana kan guuttattedha jedhaniiru. Aanichi lafa jallisii bonaan misoomuu danda’u hektaara kuma jahaaf 957 ol qabaachuudha kan dubbatan. Haalli teessuma lafaafi qilleensa aanichaa jallisii qamadii bonaaf kennataa ta’us baroota dheeraaf faayidaa barbaachisaa ta’eef oolaa kan hin turre ta’uu kaasaniiru. Obbo Jamaal Imaammata diriirfame hordofee carraa jirutti dhimma bahuun qabeenya bishaanii qisaasama tokko malee hojiirra oolchuun aanicha wiirtuu misooma qonnaa taasisuuf karoora qindaa’e karoorfatanii imala hojii eegaluu isaaniiti kan himani. Akkasaan jedhanitti aanichatti misoomni qamadii jallisii bonaa bara 2014 eegale.

Hojiin kun qonnaan bultoota aanichaaf haaraa ta’uu isaan walqabatee gara misooma jallisii qamadii bonaatti seenuun duratti qonnaan bultoonni dhimmicharratti hubannoo akka qabaataniif Wiirtuu Leenjii Qonnaan Bultootaatti bifaa qindaa’aa ta’ een hirmaattota misoomichaaf leenjiin bal’aa kennamee turuu isaa yaadataniiru. ”Leenjiin duratti bona oomishuun faayidaan barbaachisaa ni argama ilaalcha jedhu qonnaan bultoota keenya bira hin turre” kan jedhan obbo Jamaal, hojii hubannoo uumuu hojjetameen ilaalcha dogoggoraa sana sirreessuun kan danda’ame ta’uu dubbataniiru. Misoomni jallisii qamadii bonaa yeroo jalqabaaf gandoota aanichaa sagal keessatti eegaluu himanii, gandoota kanneen keessatti jallisii bonaan qamadiin misoome sirnaan marguu isaa hordofee qonnaan bultoonni gandoota biroo kaka’umsa horachuu ibsaniiru. Aanichatti bara 2014 lafa hektaara kuma afur jallisii qamadii bonaan misoomsine jedhu obbo Jamaal. Hojmaata jallisii bonaa sirnaan hojiirraa oolchuun lafa hektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaalli 30 ol galuu isaa akka milkaa’inatti kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, milkaa’inni kun akka dhufuuf kan isaan gargaare jallisii qamadii bonaan walqabatee naannoofi federaalarraa muuxannoo qooddachuusaaniiti. Oomishni jallisii qamadii bonaa waggaadhaa gara waggaatti dabalaafi babal’achaa dhufuu isaa kan himan obbo Jamaal, yeroo ammaa xiyyeeffannaa mootummaa argachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf tooftaa filatamaa ta’uu kaasaniiru.

Aanichatti bifa qindaa’aa ta’een dargaggoota hoj-maleeyyii ta’an walitti fiduun misooma jallisii qamadii bonaa irratti gurmeessuu dubbataniiru. Gama kanaan hojiin hojjetame aanolee biroof galtee muuxannoo guddaa ta’uu danda’a jedhu obbo Jamaal. Sanyii filatamaan wal qabatee hanqinni akka hinmudanneef Yuuniyeenii Borkannaa waliin qindoominaan hojjechaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Rakkoo gama xaa’oon mudatu hir’isuuf bara darbe ‘Urea’ qofa kuntaala kuma 14 qonnaan bultootaaf raabsuu kaasaniiru. Gama meeshaalee teknoloojii qonnaa ammayyaawaanis walqabatee deggersaafi bittaan dhiheessaa turuu addeessaniiru. Obbo Jamaal bara kana dameen qorannoo qonnaa ujummoo laastika bishaanii dargaggoota bifa gurmiin qamadii jallisii bonaa misoomsaa jiraniif deggersaan kennuusaa dubbataniiru. Akkasumas motorri bishaanii 18 qonnaan bultootaaf bilisaan raabsamuu kaasaniiru. Sadarkaa aanichaatti hojii qonnaa ariifachiisuuf kan tajaajilan tiraaktaroonni qonnaa jaha jiraachuu dubbataniiru. Ammas qonnaan bultoonni walitti dhufuun maallaqa qusatanii tiraaktera sadii bittaan galchuuf qophii dursaa xumuraa jiraachuu addeessaniiru. Bara 2017 kanatti jallisii qamadii bonaan lafa hektaara kuma sadiif 620 uwwisuuf karoosanii, hektaara 226 sanyii qamadiin haguuguu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti qonnan bultoonni 700 ol hojicharratti hirmaataniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo