Miidhaan saalaa, dubartoota irratti raawwatamu damdaneessa ta’uus, keessattuu yeroo waraanaa, kutaalee hawaasaa kanneen irratti, miidhaan saalaa raawwatamu hammaataa ta’uu ragaaleen ni agarsiisu. Itoophiyaa keessattis sababa rakkoolee nageenyaafi walitti bu’insaan miidhaan lammiilee hedduu irratti dhaqqabus, dubartootniifi daa’imman caalaatti rakkichaaf saaxilamoo ta’u ni himama. Keessattuu walitti bu’insi naannoo Amaaraatti waggaa tokkoofi ji’a ji’aa ol lakkoofsiiseen jireenyi lammiilee hedduu jeeqameera.
Haadholiifi daa’imman hedduu irratti miidhaa qaamaafi xiinsammuu guddaa dhaqqabsiiseera. Miidhaan dubartootaafi daa’imman irratti yeroo waraanaa yookiin walitti bu’insaan raawwatamu kaayyoon isaa inni guddaan, dubartoota miidhuun akka tooftaa waraanaatti fudhachuu, dubartootaafi daa’imman irratti miidhaa dhaqqabsiisuun hawaasa naannawa sana cabsuu, uummatni abdii akka kutatu taasisuu, akka booqu isaa gadi qabatu gochuu, salphisuu, xiinsammuu hamaaf saaxiluu, akkasumas, dubartoota miidhuu jechuun akka hawaasa naannawa sana miidhuutti waan fudhatamuuf dubartootaafi daa’imman irratti ta’e jedhanii qaamoleen waraanicha irratti hirmaatan miidhaa dhaqqabsiisu. Shira siyaasaa milkeessuuf jecha lammiilee nagaa dararuu, dubartoota gudeeduu, daa’imman haala sukkaneessaa ajjeesuun saboota naannawa waraanni adeemsifamaa jiru jiraatan xiqqeessuufi haaloo bahuuf hojii hojjetamuu akka ta’e ifadha. Fakkeenyaaf yeroo waraanaa kaabaa wayyaaneen uummata Amaaraa cabsuu jecha dubartoota hedduu irratti miidhaa saalaa raawwataniiru.
Daa’imman heddu irrattis miidhaa dhaqqabsiisaniiru. Kun ta’e jedhamee hawaasa naannawa tokko salphisuufi haaloo bahuuf hojii karoorfamee hojjetamudha. Miseensa mana maree naannoo Amaaraa kan ta’an aadde Haalimaa Yimaam, dubartootniifi daa’imman yeroo waraanaa, kutaalee hawaasa kamiyyu caalaa miidhamoo ta’uu dubbattu. Fakkeenyaaf, Sababa rakkoo nageenyaatiin dubartootni ulfaa mana yaalaa deemanii hordoffii da’umsa duraafi booda taasisu rakkachuu, fayyaa ofiifi daa’imman isaanii hordofu dhabuu, yeroo ciniinsuun isaan qabu mana yaalaa deemanii dahuu dhabuuniifi rakkoo fayyaa hamaaf saaxilamuu akka danda’a dubbataniiru. Kanneen sababa dahumsaan lubbuu isaanii dhaban illee hedduun akka jiran himaniiru. Naannichatti bara baajatichaan dubartootni 148 dahumsa waliin walqabate lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u daa’imman kuma tokko keessa 12 du’anii dhalachuu isaanii, bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa gabaasaa raawwii ji’a ja’aa mana mareef dhiyeesaniin hubachuun danda’ameera. Qaamolee dubartootaafi daa’imman irratti miidhaa dhaqqabsisan 116 irratti, qaamolee haqaa waliin qindoomuun, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu himaniiru.
Akka waliigalaa sadarkaa biyyaatti dahumsa waliin walqabatee haadholiin 620 ta’an lubbuu isaanii dhabuu immoo gabaasni inistiititutii fayyaa Itoophiyaa ni agarsiisa. Daa’imman 330 ta’an immoo sababa beelaan lubbuun darbuu instiitutichi gabaasichaan mirkaneesseera. Dubartootniifi daa’imman yeroo rakkoon uumamu figanii jalaa bahu kan hin dandeenye waan ta’aniif, rakkoo hedduuf ni saaxilamu jedhaniiru. Kanaan alattis daa’imman talaallii dhukkuboota garaagaraaf kennamu jalqabanii turan sababa rakkoo nageenyaan akka addaan kutan aadde Haalimaan dubbataniiru. Haadholii dhaabbilee fayyaatti dahuun irra jiraatu keessa dhibbantaan 44 ta’an haala balaaf saaxilamuu danda’uun mana manaa isaaniitti akka dahaan taasifamuufi naannichatti daa’imman dhibbanta 14 ta’aan talaallii dhukkuboota garaagaraaf kennamu jalqabanii turan sababa rakkoo nageenyaan addaan kutu odeeffannoo biroo fayyaa naannichaa wabeeffachuun Gaazexaan hirkoo maxansa ishee kanaan duraan dubbistoota ishee biraan gahuun ishee kan yaadatamudha. Rakkoo dubartootaafi daa’mman irratti sababa waraanaan dhaqqabu hambisuuf wal dhabdeewwan mariifi walii galteen furmaataa akka argatan gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’u aadde Halimaan ibsaniiru.
Miidhamuun dubartootaafi daa’imman qaamni na galcha jedhu, nageenya fiduuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Mootummaanis seera bahe raawwachiisuufi olaantummaa seera kabachiisuun itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu himaniiru. Afa yaa’iin mana maree bulchiinsa sablammii Oromoo aadde Faaxumaa Mollaa gamasaaniin, walitti bu’insi akka biyyaatti uumame kun dubartootaafi daa’imma hedduu miidhaa jiraachuu himaniiru. Daa’imman miiliyoonaan lakka’aman barnootaan ala akka ta’an taasisuun dhaloota hegeree irratti dhiibbaa xiinsammuu guddaa uumaa jiraachuu hubachiisaniiru. Sababa waraana kaabaa waliin tureen ambulaansonniifi meeshaaleen yaala hedduun waan barbadaa’an haadholiin manatti akka dahaa turaniifi kanneen du’an illee jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasanii rakkoo hamaataa waraanni dubartootaa irratti dhaqqabsisuu dubbataniiru. Kanaafuu nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef qaamni hundu nageenyaaf tumsa taasiisu akka qabu dubbataniiru. Mootummaan qofaa isaa nageenya fiduu waan hin dandeenyeef uummatnis cinaa dhaabbachuun nageenya isaa kabachiisuuf tumsa barbaachisu taasisu akka qabu gaafataniiru.