Adwaa: Injifannoo Uummattoota Gurraachaa
Biyyootni gurguddoo Awurooppaa akka lakkoofsa farnjootaa bara 1885 magaalaa guddoo biyya Jarman Barliin keessatti waliigaltee tokko walii mallatteessanii turan. Waliigaltichi konfiransii Barliin kan jedhamu yoo ta’u, kaayyoon waliigaltichaas Ardii Afrikaa karaa nagaan qooddachuuf ture. Kanaanis biyyootni Awuroppaa hiree isaanii argatan hundi, gara Ardittitti seenuun weerara akka taasisan ta’e. Akkaataa waliigaltichaanis Xaaliyaan, Itoophiyaa akka qabattu yookin akka sirna gita bittaa ishee jala galchitu carraan baheefii ture. Kanaanis weerartootni xaaliyaanii bara 1888 daangaa biyyatti sarbuun weerara raawwachuu seenaan ni agarsiisa.
Yuunivarsiitii Wallootti barsiisaafi qorataa seenaafi bulchiinsa hambaa kan ta’an Alamaayeehu Irqiihun (Dr) Xaaliyaan yeroo adda addaatti waliigaltee Barliin bu’uura godhachuun yaalii weerara taasistus, ”Waraana Adwaa kanaaf sababa kan ture garuu waliigaltee Waacaalee kan bara 1889 taasifamedha” jedhu. Waliigaltee Itoophiyaafi Xaaliyaan gidduutti malleetteffame walfaallessuu isaatiin, waraanaaf sababa ta’u kan himan barsiisaa Alamaayeehu (Dr) Waliigalteen Waacaalee keewwata 17ffaarra wanti taa’e, Afaan Amaariffaan ‘Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu barbaaddu karaa Xaaliyaan gochuu dandeessi’ yoo jedhu, kan Afaan Xaaliyaaniin jiru garuu ‘Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu barbaaddu karaa Xaaliyaaniin qofa gochuu qabdi’ kan jedhu ture jedhaniiru.
Mootiin Miniliikis, keewwatni afaan Xaaliyaaniin barreeffame sun, sirrii waan hin taaneef hin fudhannu jedhanii, waliigalticha guutummaan guutuutti fudhatama dhabsiisuu himaniiru. Sana boodas Xaaliyaan loltoota bobbaasuu akka dandeessu waan shakkaniif mootiin Miniliik waraanaaf qophaa’uu eegalan jedhu. Xaaliyaan loltoota ishee ammayyaa ta’an leenjistee, meeshaa waaraan ammayyaa hidhachiiste, Itoophiyaa sirna bittaa jalaa galchuuf weerara raawwatte jechuun barsiisaafi qorataan kun dubbattu.
Barsiisaafi qorataan seenaafi bulchiinsa hambaa Yuunivarsiitii Walloo Alamaayeehu Irqihun (Dr) Icciitii injifannoo Adwaaf sababootni hedduun jiraachuus, inni ijoon garuu sirna hoggansa bilchaataa mootiin minilikii hordofa tureenidha jedhaniiru. Yeroo waraanaa Adwaa Xaaliyaan meeshaalee waraanaa ammayyaa ta’an madfii 52 fi loltoota kuma 20 ol qabatte weerara taasistus, mootiin Miniliik sirna hoggansa cimaa kennaa turaniin ,Xaaliyaan injifachuun danda’amu himaniiru. Mootichi duula hunda hammataa labsuun, ”namni humna qabu humna isaatiin na haagargaaru, kan humna hin qabne immoo rabbii kadhachuutiin na haa gargaaruu” jechuun, saba, amantaafi eenyummaan osoo adda hin baasiin, uummatni hundu waraanicha irratti akka hirmaatu taasisaniiru jechuun dubbataniiru.
Uummattoonni Itoophiyaas kallattii arfan irraan hoggantoota waraanaa naannoo isaaniin hogganamuun waamicha taasifameef dhaga’uun, daangaafi birmadummaa biyya isaanii kabachiisuu, gara Kaabaatti duulu himaniiru. Kanaafuu tooftaan mootiin Miniliik, gama uummata tokko taasisuuniifi xinsammuu uummataa kabajuun, namni hundi fedhii qabuun akka duulu yeroo waamicha taasisan, namootni hedduun miira jaalala biyyaan daangaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fardeen 20,000 dabalatee loltoonni 100,000 hanga 120,000 sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa irraa babba’an waraana Adwaa irratti hirmaachuun injifannoo boonsaa kana argamsiisaniiru. Uummata biyyattii qindeessuun kaayyoo tokkoof akka dhaabbatu taasisu keessatti gahee hoggansi mootii Minilikii olaanaa ta’uu dubbataniiru. Bakka raadiyoon wal qunnamtii hin jirreetti hoggansi, hogganaa waliin, loltootnis loltootaafi hogganaa isaani waliin ijaafi mallattoo duwwaan akka waliigalan taasisuun bobbiin hoggansa mootichi taasisan waraanicha injifachuuf tooftaa biraa ta’u dubbataniiru.
Kanaafuu uummata biyyattii qindeessuun kaayyoo tokkoof akka dhaabbatu taasisu keessatti gahee hoggansi mootii Miniliik olaanaa ta’uu dubbataniiru. Meeshaa waraanaa gurguddaafi humna namaa gahaan yoo jiraates, bakka hoggansi cimaan hin jirretti waraanaa injifachuun rakkisaa ta’uu kan kaasan barsiisaa kun, injifannoo adwaarratti mootiin miniliik gumaacha bakka bu’ummaa hin qabne taasisu dubbataniiru. Dabalataanis qaamoleen hawaasa gaheen hojii isaaniif kenname sirnaan bahachuu isaaniitiin injifannoon adwaa argamu danda’u himaniiru.
Haala teessuma lafaatti wallaalluu, jaalala biyyaa uummatni Itoophiyaa qabu, kutannoofi amanamummaa uummatichi mootii isaaniif qabu, gootummaafi tokkummaan waraanni Adwaa olaantummaa Itoophiyaanotaan akka goolabamu taasiseera jedhaniiru. Waraanicharratti hirmaannaan dubartootaas olaanaa ta’u himaniiru. Galaa qopheessuufi namoota madaa’an kununsuu keessatti gaheen isaan bahatan olaanaa ture. Keessattuu Xaayituun loltoota kuma 6 qabatanii adda waraanaatti duulu dubbataniiru. Weerartootni Xaaliyaanii bishaan akka hin arganne bakka burqaa bishaanitti loltootni Itoophiyaa akka itti marsan gochuun, dheebuu bishaaniin akka rakkatan gochuun Xaaliyaanotni dawoo Maqalee akka gadhiisan gaheen xaayituun taphatte guddaa ta’uu dubbataniiru. Walumaagalaatti injifannoon Adwaa keessatti sabaafi sablammootni biyyattii hundi hirmaachuu seenaan ni agarsiisa.
Jeneraalota waraanaa Adwaarratti maqaan isaanii ka’uu keessa muraasni, Baalchaa Abbaa Nafsoo, Raas Mokonnin Waldamikaa’el, Gabayyoo Gurmuu, Walloo irraa immoo Ras Mikaa’eliifi Alulaa abbaa Naggaa maqalee irraa akkasumas mootiin Taklahayimanot Gojjam irraa loltoota hedduu qabachuun waraanicharratti gootummaa seenaan hin daganne raawwachuu barsiisaafi qorataan Yuunivarsiitii Walloo yaadachisaniiru. Mootiin waag, Waagshum Gaangul mootii Albertoonii booji’uun seenaa guddaa raawwachuus himaniiru.
Guyyaan yaadannoo Adwaa 129 irratti Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee, Adwaan Afrikaanotaafi ummattoota gurraacha hundaaf fakkeenya kan ta’ee fi ogummaa siyaasaa dubartootaa kan agarsiisedha jedhaniiru.Injifannoon Adwaa Afriikaanotaa fi ummattoota gurraacha hundaaf abdii fi injifannoo kan gonfachiise kabaja namoomaa gita bittoonni balleessuuf turan deebisee kan gonfachiise ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaantiin waldaa sabboontota gootota Itiyoophiyaa durii Lij Daani’eel Jootee gama isaaniin, abbootiifi haadholiin keenya rakkoosaanii keessoo wayita sana ture cinaatti dhiisuun tokkummaan dhaabachuun humna weerartuu alaa mo’achuun seenaa barreessaniiru jedhaniiru . Dhaloonni har’aa tokkummaan hojjechuu injifannoo Adwaarraa baratee hojiiwwan misoomaafi ijaarsa nageenyaa irratti tumsuuniifi galmaan gahuun injifannoo mataasaa galmeessisuu qaba jechuun ibsaniiru.