Cabiinsa Barnootaa Suphuuf Bu’uurarraa Hojjetamaa Jira
Akka biyyaatti cabinsi damee barnootaa irratti mudachuun yaadannoo yeroo dhihooti. Kunis rakkoo qulqullina barnootaa eegsisuu dhabuurraan kan madde ta’uutu sababeeffama. Waggoota dhihoo asitti firiin qorumsa seensa yuunivarsiitii barattootaan dhufaa jiru kanaaf agarsiistuu tokkodha. Rakkoo gama kanaan mudate furuuf qorannoo geggeeffameen hojii qulqullina baranootaa irratti bu’uurarraa kaasee haala barbaadameen hojjechuun dhimma filannoof hin dhihaanne ta’uusaa agarsiisa. Haata’u malee yeroo ammaa rakkicha bu’uura irraa hiikuuf sadarkaa gadii irraa jalqabee carraaqqiin taasifamaa jiru laayyoo miti. Barattoonni kutaa gadii barachaa jiran barattoota qorumsa naannoofi biyyaalessaa baroota darban fudhatanii harca’aniifi qabxii gaarii galmeessan irraa muuxannoo qoodachuun akkaataa ittiin qabxii gaarii galmeessuu danda’an irratti gamanumaan of qopheessaa jiru.
Sabboontuu Fiqaaduu barattuu kutaa 8 ffaa Mana Barumsaa Sadaasaa Sadarkaa Tokkoffaa Magaalaa Kamiseeti. Deggersaafi hordoffii barsiisotaafi maatiishee galtee taasifattee barnoota haala gaariin hordofaa turuufi jiraachuu himteetti. Akkasheen jettutti, gosoota barnootaa hundaaf yeroo qoqqoddee karooraan qayyabatti. Kanas qabatamaa taasisuun daree barattu keessatti qabxii gaarii galmeessuun baroota darbanittis ta’u barana sadarkaa tokkoffaa bahuu kaastetti. Sabboontuun, meeshaalee barnootaa karaa maatiisheen argattuun cinatti manni dubbisaafi kutaan yaalii mana barnootichaa yeroo hunda banaa waan ta’eef sirnaan itti gargaaramuu dubbatteetti.
”Manni barnootaa keenya kitaaba barataa sirna barnootaa haaraan maxxanfame yeroon raabsuun qabiyyeewwan haaraa ta’an haala ittiin hubachuu dandeenyu irratti yeroo idileen alatti barnoota dabalataa akka argannuuf nu gargaaraa tureera” jetteetti. Kanaafuu yeroo ammaa gamasheen qabiyyeewwan sirna barnootaa haaraatti haalaan madaquu kaasteetti. Deggarsa maatiisheefi barsiisotaa dabalatee carraaqqii mataasheen jabaattee dubbistee qorumsa naannoofi biyyaalessaa fuuldura fudhachuuf deemtu qabxii olaanaa galmeessuuf karoora qabaachuu himteetti. Ittigaafatamaan Mana Barumsaa Sadaasaa Sadarkaa tokkoffaa Kamisee obbo Taarikuu Tasammaa, qabxii barataa fooyyessuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf carraaqaa jiraachuu himaniiru. Barattoota simachuun duratti haaldureewwan adeemsa baruufi barsiisuuf barbaachisan xumuruu yaadataniiru.
Kitaaba barataaf yeroon raabsuu, karoora barnootaa waggaa qopheessuu, akkasuma qaama sana raawwachiisuuf ramaddii kennuun walqabatee hojiin bal’aa hojjetamuu kaasaniiru. Imaammata barnootaa dhiheenya hojiirra oole hordofee rakkoo dhufuu malu hambisuuf raawwataaf leenjiin gahaa kennamuu obbo Taarikuun kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti bara kana manni Barumsaa Sadaasaa sadarkaa tokkoffaa barattoota kuma sadiifi 400 oliif qorumsa seemsteera tokkoffaa kenneera. As keessaa barattoonni dhibbentaa 35 ta’an qabxii 75 ol galmeessuu himaniiru. Raawwiin gama kanaan argame ‘istaandardii’ olidha jedhaniiru. Barattoonni dhibbi lamaafi sagaltamni dhibbentaa shantamaa gadi fiduu eeraniiru. Kunneen yeroo ittaanutti qabxiisaanii akka fooyyessaniif gama mana barumsichaan tooftaa addaan barnoota kan kennaniif ta’uu ittigaafatamichi himaniiru. Kan bara darbeen walbira yoo qabamu qabxiin barattootaa fooyyee qabaachuu isaati itti gaafatamichi kan eran.
“Manni barumsaa keenya barnoota hundaan gahuufi gahumsa barattootaa guddisuuf carraaqqii guddaa taasisaa jira” jedhaniiru. Barattoota dursaa idilee, kan idileen baratan, kan galgalaafi fedhii addaa qaban simatee kan barsiisu ta’uusaas eeraniiru. Barattoonni qormaata naannoofi biyyaalessaa fudhatan guyyaa guutuu akka barataniif haalli mijaa’uu dubbataniiru.Harcaatii barattootaa fooyyessuuf maatii barataa waliin irra deddeebiin irratti mari’achaa jiraachuu hubachiisaniiru. Ittigaafatamaan Qajeelcha Barnootaa bulchiinsa sablammii Oromoo, obbo Indiris Ahimad Dhaloota addunyaa irratti beekumsaan dorgomaa ta’eefi addunyaa guyyaa guyyaan beekumsa teknoloojiin jijjiiramu keessatti of madaqsuu danda’u horachuuf misooma barnootaa irratti hojii guddaa hojjechuu barbaada jedhaniiru.
Cabinsa damee barnootaa akka biyyaatti mudate furuuf kallattii ittiin keessaa bahuun danda’amu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru. Sirna barnootaa haaraa hojiira oole milkeessuuf sadarkaa qajeelchaatti hawaasatti gadi buhuun hojii hubannoo uumameen hirmaannaan barattootaa dabalaa akka jiru dubbataniiru. “Barattota gahoomsuu kan danda’u barsiisaa gahoomedha” kan jedhan ittigaafatamichi dandeettii barsiisotaa kana guddisuuf leenjiin leenjistootaa kennamaa akka ture ibsaniiru. Barana sadarkaa bulchiinsichaatti raawwiin qorumsa seemisteera tokkoffaa kutaa 1-8 ffaatti dhibbentaa 96 ta’uu himanii, kan kutaa 9-12 ammoo dhibbentaa 93 ta’uu eeraniiru. Kanas gamaaggama hojii ji’a jaha taasisaniin mirkaneeffachuu dubbataniiru.
Akkasaan jedhanitti, sirna barnootaa haaraa hojiirra ooleen qabxiin barattootaa fooyya’aa jira. Sirnichi barataan waan barachuu qabu baree akka darbuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Sirnichaan barattoonni gosoota barnootaa jaalala biyyaafi ogummaa ittiin horachuu danda’an kan ittiin argatan akka ta’e hubachiisaniiru. Fuulduraaf qabxii barattoonni seemisteera tokkoffaan galmeessan galtee taasifachuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu himaniiru. Qorumsa naannoofi biyyaalessaaf gamanumaan barattoota qopheessaa jiraachuu obbo Indiris hubachiisaniiru.