Garaagarummaa Yaadaa Mariin Furuu

Rakkoo nageenyaa naannoolee garaagaraatti muudate, miidhaa namoomaa guddaa dhaqqabsiseera, dhaqqabsiisaa jiras.  Qabeenyi biyyattii hedduus akka barbadaa’uu sababa ta’eera. Keessattuu, rakkoolee nageenya naannoolee Amaaraafi Oromiyaatti mudatan sochii hunda galeessa uummata irratti gufuu guddaa ta’aa dhufeera. Lammiileen qe’ee isaanii irraa akka buqqa’aan taasiseera.  Qabeenya baroota hedduuf horatan jalaa barbadaa’eera.  Sababa rakkoo nageenyaatiin qaala’insa jireenyaa guyyaarraa gara guyyaatti dabalaa jiruus jireenya lammiilee daran hammaataa taasiseera.

Seeraan alummaan akka malee akka babal’atu taasiseera. Keessattuu rakkoo nageenya naannoo Amaaraatti mudateen, miidhaan lammiileefi dingdee naannichaa irraatti dhaqqabsisaa jiru olaanaadha. Jiraataa magaalaa Baahir Daar kan ta’an obbo Addisuu Tasfaahuun, rakkoon nageenyaa naannicha keessatti uumame, jireenya isaanii guyyuu gaggeessuuf rakkoo guddaa akka isaanitti uume dubbataniiru. “Gatiin waantoota bu’uuraa guyyuutti fayyadamnu guyyaa guyyaadhaan haala olaanaan dabalaa jiru, faallaa kanaan immoo sochiin hojiif taasifamu xiqqaachaa dhufeera” jechuun rakkoo hammaataa keessa jiraachuu dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Dabaarqiitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta’an Balaayinah Warquu,  rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate kun, sochii hawaasummaa uummata naannichaa, misoomaafi bulchiinsa gaarii naannicharratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsisaa jira jedhaniiru. Haalli nageenyaa naannicha keessa jiru, tasgabbaa’uu dhabuun isaa, naannichi barnootaan, fayyaafi diinagdeedhaan akka duubatti hafuu taasisuu kaasaniiru.

Keessumaa, dhaabbilee barnootaa irratti rakkoon nageenyaa dhiibbaan inni geessise olaanaadha kan jedhan barsisaan kun,  daa’imman abdii  biyyaa ta’an kanneen miliyoonaan lakka’aman  barnoota malee akka hafan taasiseera jedhaniiru. Kanaanis naannichi humna namaa barateen dorgomaa akka hin taane akka taasisu danda’u sodaa qaban kaasaniiru. Rakkoo nageenya mudate akka carraa gaariitti fayyadamuun, kanneen saamichaafi hanna irratti bobba’anis uummata nagaa dararaa jiraachuu eeraniiru. Rakkoo nageenyaa sababa gochuun oomishni bakka tokko irraa gara bakka biraatti akka hin seenne gochuun qaala’insi jireenyaa akka olka’u taasisuun uummatni akka rakkatu taasisera. Kun immoo lammiileen jireenya gadaanaa jiraatan rakkoo hamaa keessa akka jiraatan taasiseera jedhaniiru.

Akka barsiisaa Balaayinah jedhanitti, rakkoon nageenyaa waggoottan muraasa darban, naannoolee garaagaraatti mudate jireenya lammiilee hedduu hammesseera. ‘’Obboleessi tokko obboleessa isaa biraa waliin akka walitti bu’u; akka wal ajjeesuufi akka wal waraanu haalli itti ta’e kan nama gaddisisuudha, kunis dhiibbaa guddaa biyyattii irratti kan dhaqqabsisuudha’’ jedhaniiru. Buqqaa’uu lammiilee, sodaa nageenya keessatti jiraachuu, hojii dhabaa ta’uu, beelaaf saaxilamuu, kufaatii dinagdeefi qaala’insa jireenyaa, rakkoolee sababa waraanichaan dhufan akka ta’an dubbataniiru.

‘’Lammiileen akka barbaadan bahanii galuun yeroo ammaa qannoo ta’eera’’ kan  jedhan barsiisaan kun, qaamolee hojii seeraan alaa hojjetaniif,  walitti bu’insi naannicha keessatti uumame carraa gaarii uumeeraaf jedhaniiru. “Hattootniifi hidhattootni seeraan alaa namoota ugguruun maallaqqa hedduu yeroo isaan  gaafatan dhagaha jirra, kun immoo gocha qaama kanaa ta’uu hubatamu qaba” jedhaniiru. Walumaagalatti rakkoon nageenyaa mudate kun lammiileen darara guddaa keessa akka galaniifi akka abdii kutatan taasisuu himaniiru.

Keessumaayyuu rakkoolee naannoo Amaaraa keessatti uumaman furuufi naannichas gara nageenya isaa duraan tureetti deebisuuf,  mariin siyaasaa hunda hirmaachisaa ta’e adeemsisuun dhimma filannoof dhiyaatu miti jechuun barsiisaan Balaayinah hubachisaniiru. Rakkooleen hedduu fala siyaasaa kan isaan barbaachisuu waan ta’eef, marii hammachisaa ta’e taasisuun furuun  barbaachisaadha jedhaniiru.

Mootummaanis gara uummataatti gadii bu’e, rakkoo uummata bira jiru dhaggeefachuuniifi fedhiin uummataa maal akka ta’e hubachuun, furmaata hatattamaa kennuutu isarra jiraata jedhaniiru.  Uummata hirmaachisuuniifi yaada isaanii fudhachuun rakkoolee jiran hiikuun murteessaa ta’uu himaniiru. Sammuun hojii dhabe waan qajeela hin yaadu waan ta’eef dargaggootaafis carraa hojii uumuun tooftaa walitti bu’insa hir’isuun danda’amu keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Olaantummaa seeraafi itti gaafatamuummaa mirkaneessuunis furmaata biraa ta’uu ibsaniiru. Qaamni badii raawwate seeraan akka gaafatamuu gochuuniifi itti gaafatamummaa barsisaa ta’e mirkaneessuun furmaata fiduun akka danda’amu gorsaniiru.

Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbada, rakkoon nageenyaa hojii bulchiinsa gaariifi misooma uummataa irratti dhiibbaa geessisaa jiru kaasanii naannicha gara nageenya isaa duraan tureetti deebisuuf hojiileen hedduu hojjetamaa jiraachuu Mana maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 9ffaa bara hojii 4ffaa marsaa 6ffaa gaggeesse irratti dubbataniiru. Nageenya naannichaa mirkaneessuuf, uummata abbaantummaa nageenya taasisuun, marii irra deddeebin akka adeemsifaman taasisuun, humnootni hidhatanii socho’aniis filannoo karaa nagaa taasisuun, gaaffiin isaanii karaa nagaan akka hiikamu yaaduun,  gara mariitti akka dhufan taasisuuf  mootummaan xiyyeeffannaan hojjecha jiraachuu hubachisaniiru.

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo