Dhukkuba Onnee

Dhukkubni onnee dhukkuboota akka  addunyaatti lubbuu namaa galaafatan keessaa tokkodha. Keessumaa biyyoota guddatan keesssatti rakkoonsaa cimee mul’ata. Kunis biyyoota guddatan keessatti dukkuboonni daddarboon waan hin baay’anneef baay’inaan kan lubbuu namaa dabarsan dhukkuboota hindaddarbine (noncommunicable disease) kan jedhamanidha. Isaan keessaa kanneen ijoo ta’an dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, kalee, istirookiifi kan kana fakkaatanidha. Isaan kunneen baay’inaan kan lubbuu namaa galaafatan dhukkuba onnee namatti fiduun yookan onnee namaa dadhabsiisuuni ta’uu ogeessonni fayyaa ni himu.

Dr. Caalaa Didhaa Hakiima waliigalaafi Barsiisaa Yuunivarsiitii Salaalee irraa onneefi dhukkuba onneen walqabatee  dubbifneerra. Onneen laphee gara gadiin xiqqoo gara bitaatti siqxee kan argamtuu ta’uu himaniiru.  Kunis qaama jiraachuu ilma namaaf dirqama barbaachisan keessaa tokko taatee dhiigni qaamaaf akka raabsamu gochuun oksijiiniifi soorata tishuuf dhiheessuun, Kaarboondaaya’oksaayidii (CO2) fi xuraawaan biroo akka qaama gadi-dhiisanii bahan taasisa jedhaniiru. Biyyoota guddatan keessatti wantoota sababa du’a namoota ta’an keessaa dhibeen onneefi onnee wajjin wal qabatan sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamaniifi yeroo ammaa biyya keenyattis rakkoon kun hammaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Akka Dr. Caalaa jedhanitti, Dhibeewwaniifi rakkooleen onnee wajjiin walqabatan baayyeedha. Dhukkubni onnee erga nama qabatee booda sadarkaa garaagaraa keessa kan darbu ta’uusaa kaasaniiru. “Dhukkubni onnee yeroo nama jalqabu qorannoon alatti mallattoo baay’ee argisiisuu dhiisuu mala”  kan jedhan Dr. Caalaan, akkuma namatti cimaa dhufeen mallattoolee garaagaraa argisiisaa kan dhufu akka ta’e himaniiru. Akkasaan jedhanitti, mallattoolee kanneen keessaa inni jalqabaa dadhabbii qaamaa garmalee qabaachuudha. Kunis turtii keessa suuta suutaan kan namatti cimaa dhufuufi hojii hanga duraan hojjechuu dadhabuu, tabba deemuu dadhabuu, hojii humnaa kamiyyuu hojjechuu dadhabuufi yoo daandii deemanis kiilomeetira muraasa erga deemaniin booda giddu gidduutti taa’uuf kan nama saaxilu ta’uu eeraniiru. Dabalataan qaama guutuu dhiitessuu, kan dhiita’uu miila irraa jalqabee ol dhiitessaa deemudha jedhaniiru. “Dhukkubichi mallattoo baay’ee waan qabuuf namni mallattoo armaan olii ofi irratti arge dirqama dhukkuba onnee qaba jechuu miti; kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti arge mana yaalaa deemuun fala isaati” jedhaniiru. Qorichoota garaagaraa mana yaalaatti dhukkuba sana adda baasanii qoricha kennuu kan danda’u ogeessa fayyaa ta’uu Dr. Caalaan himaniiru.

Dhukkubsataan dhukkuba onnee sochii qaamaa yoo taasisu akkaataa ogeessi fayyaa itti himetti hojii irra oolchuu akka qabus gorsaniiru. Kunis dhukkuboota onnee garaagaraaf sadarkaan sochii qaamaa eyyemamuu adda adda waan ta’eef akka sababaatti eeraniiru.

Sababoota Dukkuba Onneef Nama Saaxilan:

*Sanyiin (gene) maatii keessaa ykn fira dhiigaa dhihoo ta’e keessaa namni dhibee kana qabu yoo jiraate

*Umriin namaa yoo dabalu carraan dhukkubichaaf saaxilamuu dabalaa deema

*Dhukkubbii qoonqoo irra deddebi’ee nama dhukkubu (Recurrent throat infection) fi kan hin yaalamne

*Ilkaan sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu

*Sochii qaamaa gochuu dhiisuu (sedentary life style)

*Tamboo aarsuu yookin nama aarsuun  walitti dhiheenya qaamaa qabaachuu (passive smokers)

*Alkoolii baay’isanii dhuguu

*Dhiphina garmaleefi hir’iba gahaa rafuu dhiisuu

*Nyaata coomaafi ‘koolestiroolii’ baay’ee of keessaa qabu yeroo dheeraaf nyaachuu

*Nyaata soogiddi itti baay’ate soorachuu

*Dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa, kalee, hir’ina dhiigaafi kanneen biroo qabaachuu

                   Fayyummaa Onnee Eeggachuun Akkamitti Danda’ma?

Fayyummaa onnee eeggachuuf sababoota dhukkubichaaf nama saaxilan sirriitti beekuun irraa of eeggachuu barbaachisa.

°Qoonqoon yoo nama dhukkube yeroon yaalamuu, keessattuu Ijoolee umrii waggaa 5 hanga 15 keessa jiran yeroon yaala argachuu

°Tamboo aarsuu dhiisuufi nama xuuxu irraa fagaachuu

°Sochii qaamaa (guyyaatti daqiqaa 30 hanga 60) torbanitti guyyoota shaniif taasisuu

° Nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisoofi murteessoo ta’an kanneen akka fuduraafi muduraa nyaachuufi nyaata  yoo baay’atan fayyaa namaa irratti dhiibbaa geessisan ( fakkeenyaaf nyaata koolestirooliin itti baay’ate) xiqqeessuu.

°Ulfaatina madaalawaa ta’e qabaachuufi ulfaatina garmalee ta’e hir’isuu

°Hirriba gahaa rafuu

°Dhiphina hamaa ta’e hir’isuu

°Hanga ashaboo (soogiddaa) guyyatti nyaatan to’achuu/ hir’isuu

°Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusachuu

°Namoonni dhibeewwan biroo kanneen akka dhiibbaa dhiigaafi dhibee sukkaaraa hr’ina dhiigaafi kkf hordoffiifi yaala akka ogeessi fayyaa ajajeen fudhachuufi yeroon of ilaalchisuu

Yaalli dhukkuba onnee mana yaalaa deemuun ogeessi fayyaa sadarkaafi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’uun qorichoota garaagaraa kennuu irraa kaasee hanga yaala baqaqsanii yaalutti gahuu akka danda’u Dr. Caalaan hubachiisaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo