Oomishaafi oomishitummaa qonnaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiru keessaa tokko hojii misooma jallisiiti. Ooyiruuwwan kanaan dura misooma jallisiif tajaajila kennaa hin turrellee, yeroo ammaa jallisiidhaan misoomaa jiru. Kanaanis hojiin misooma jallisii biyya keenyaa kan abdii namatti kennu ta’aa dhufeera. Kunis biyyattiin midhaan nyaataan akka of dandeessu, sirna maadddii guutuu ijaaruu, sadarkaa baadiyyaattis carraa hojii uumuudhaafi galteewwan induustrii sadarkaa amansiisaan oomishuuf gaheen inni qabu olaanaadha.Qaala’insa gatii daran dabalaa jiru tasgabbeesuufis hojii misooma jallisiidhaan oomishaafi oomishtummaa guddisuun faayidaa olaanaa qaba.
Yuunivarsiitiin Addis Ababaa, Inistitiyuutii Baayoloojii fi Qorannoo Jallisii bara 2024tti qo’annoo taasiseen, misoomni Jallisii xixiqqaan, akka waligalaatti oomishni biyya keessaa GDP qonnaa biyyattiif dhibbeentaa 4.46 fi dinagdee waliigalaa biyyattiif immoo dhibbeentaa 1.97 kan gumaachu yoo ta’u, jallisii giddu galeessaafi guddaa ammoo GDP qonnaaf dhibbeentaa 1.26 fi dinagdee biyyattiif dhibbeentaa 0.5 gumaacha akka qabu mul’iseera. Walumaagalatti misoomni jallisii qonnaaf dhibbeentaa 5.7, diinagdee waliigalaatiif ammoo dhibbeentaa 2.5 gumaacha taasisu qorannichi ni agarsisa.
Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti, misoomni jallisii, akka addunyaattis ta’e Itoophiyaatti, fedhii nyaataafi galtee industirii dhala namaa amma qabu keessaa dhibbeentaa 40 hanga 50 kan uwwisu ta’uu ibsameera. Itoophiyaatti gaheen misooma jallisii babal’achaa dhufuun biyyattiif midhaan nyaataa dhiyeessuu keessatti gaheen ishee dabalaa dhufuu agarsiisa. Keessattuu yeroo dhiyoo asitti misoomni qamadii jallisii, misooma kana keessaa qooda leencaa fudhachaa jiraachuun isaa dameen misoomaa kun sochii of danda’uu nyaataa galmaan ga’uuf taasifamu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu agarsiisa. Fedhiifi kaka’umsi qonnaan bulaa misoma jallisiif qabus dabalaa dhufuu ragaaleen ni agarsiisuu.
Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti hojii misooma jallisiif xiyyeeffannaa kennamee hojjetamaa jiruun qonnaan bultootni hedduun bu’aa argachaa jiraachuu ragaan qajelcha qonnaa bulchiinsa sablammicharraa argame ni mul’isa. Bulchinsa sablammichaatti jiraataa aanaa Jillee Dhummugaa ganda Allaalaa Kubiyaa, qonnaan bulaa Abdallaa Haajii, misooma jallisiin waggaatti yeroo lamaafi sadii oomishuun fayyadamaa ta’u dubbataniiru. Misooma jallisii marsaa duraan qamadii, qullubbii diimaa, timaatimiifi dinnicha oomishuun bu’aa gaarii argachuu kan himan qonnaan bulaan kun, misooma jallisii marsaa 2ffaanis, misoomsaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bulaan misooma jallisiirraa faayidaa baay’ee argachaa jiraachuus gatiin xaa’oof bahuufi haalli gatiin oomishinii ittin gurguramu walmadaaluu dhabuun nu miidhaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa gatiin xaa’oo kuntaala tokko birrii kuma torba ol gurguramaa jiraachuu himaniiru. Faallaa kanaan immoo gatiin oomishaawwan yeroo ammaa ittiin gurguraman gadi bu’ee jiraachuu ibsaniiru. Jiraataan gandichaa inni biroo qonnaan bulaa Huseen Ahmad, “oomisha misooma jallisii irraa argannu jireenya keenya nuuf jijjiiraa jira, nyaataan of danda’u bira darbee gabaafillee dhiyeessaa jirra” jedhaniiru.
Waajjira qonnaa Aanaa Jillee Dhummugaatti, dursaan garee kuduraafi muduraa, obbo Huseen Ahmad, misooma jallisii marsaa 1ffaa xumuruun yeroo ammaa, misooma jallisii marsaa 2ffaa eegalame jiraachuu dubbataniiru. Marsaa 2ffaa kanaan lafa heektaara 820 misoomsuuf karoorsanii gara hojiitti galuu kan ibsan obbo Huseen, yeroo ammaa, lafa heektara 650 sanyii midhaanii boqqoolloofi maashoo akkasumas kuduraafi muduraa garaagaraan uwwifamuu kaasaniiru. Misooma jallisii kanaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisuuf kutannoon hojjetamaa jiraachus himaniiru. Gandootni aanichaa hundi gara hojiitti akka galan taasisuuf hojiin hubannoon uumuu hojjetamaa turu himaniiru. Qonnaan bulaan bifa qinda’aa ta’een boqqolloofi maashoo tutteeffamaan oomishaa jiraachuu eeranii, hojii misooma jallisii kanaan qonnaan bulaan galii fooyya’aa argachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Akka aanaa isaaniitti, hojii misooma jallisiif xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetamuu isaatiin qonnaan bulaan wabii midhaan nyaataan mirkaneeffachuu bira darbee gabaa biyyattiifis dhiyeessuun qaala’insa gatii tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammii Oromootti dursaan garee jallisii, kuduraafi muduraa, Aschaalaw Taaddasaa, akka bulchiinsa sablammichaattiti lafa heektaara 5410 misoomsuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu himani, kana keessaa, heektaarri kuma afurii ol gosoota sanyii garaagaraan misoomee jiraachuu dubbataniiru. Misooma jallisii marsaa 2ffaa kanaan oomisha midhaanii kuntaalaa kuma 560,000 ol argachuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Karoora kana milkeessuudhaafis galteewwan qonnaaf barbaachisan hunda, qonnaan bulaan akka fayyadamu taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Qaala’isa gatii kanaan dura mul’ate tasgabbeessuuf hojii misooma jallisii marsaa 1ffaa hojjetameen jijjiiramni fooyya’aan dhufuu himaniiru. Kanaan dura gatiin qullubbii dimaa birrii kuma kudhan gurguramuu yaadachisanii, yeroo ammaa garuu Eelfooraatti kuntaalli tokko birrii kuma sadii qofaan gurguramaa jiraachuu himaniiru. Kanaan dura kiloon tokko birrii dhibbaan gurguramaa ture, yeroo ammaa birrii 27 hanga 30tti gabaaf dhiyaachaa jiraachuu hubachiisaniiru. Muduraafi kuduraan haala barbaadamuun gabaaf dhiyaachaa jiraachuus ibsaniiru. Qonnaan bulaan misooma jallisii fayyadamuun haala oolaanaan oomishaa waan jiruuf rakkoo dhiyeessi oomisha qonnaa hin jirus jedhaniiru.
Yeroo ammaa nageenyi fooyya’aan waan jiruuf, daandileenis kallattii afran irraa banaa waan ta’aniif oomishni gara magaalaawwan adda addaa geejjibsifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Daldaltootni hedduun gara bakka oomishaatti deemuun habaabii dabalate, timaatimiifi qullubbii diimaa gatii madaalawaan bitanii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru. “Qonnaan bulaan daran fayyadamaa ta’a jira, hawaasa biraafis rakkoo gabaa keessa jiruu furaa jira” jedhaniiru. Qonnaan bulaan waggaatti yeroo lamaafi isaa ol ooyiruu isaarratti oomishe fayyadamaa jiraachuus himaniiru. Ogeessootni qonnaas hordoffii yeroo garaagaraa taasisuun qonnaan bulaaf hubannoo kennaa akka jiran himaniiru.
Misoomni jallisii xixiqqaa fedhii kuduraafi muduraa biyyattiin qabdu, keessattu, qullubbii, timaatimii, raafuu, dinnichaafi kuduraalee biroo guutuu taasisuu keessatti gaheen isaa olaanaadha. Kana malees, misoomni jallisii xixiqqaa hawaasa baadiyyaaf, keessattuu shamarraniifi dargaggootaaf carraa hojii guddaa kan uumuudha. Dabalataanis ooyiru xiqqaa irratti jireenya isaa kan bu’uureeffate qonnaan bulaaf galii dabalata ni ta’a.