Akkuma beekamu qonni diinagdee Itoophiyaaf dugugguruu lafee dugdaati. Biyyattiin damee kanarraa fayyadamummaa ishee daran guddisuuf hojii hojjetteen bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuutu himama. Itoophiyaan hojiiwwan biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’an baay’ee milkeessuu irratti argamti. Milkaa’inni inni misooma qamadii, xaa’oo magariisaa, maaddii guutuu fi hojiiwwan misooma qonnaa birootiin argamaa jiru, milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma qonnaarratti argachaa jirtu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu gorsaan Ministira Qonnaa Zeenaa Habtawaldi ibsaniiru.
Itoophiyaan Sagantaa Misooma Qonnaa Afrikaa keessatti raawwii gaarii akka qabdu karoora misoomaa ishee keessatti ulaagaalee sagantichaa hojiirra oolchuun ishee bu’aa argame galmaan ga’uuf gumaacheera jedhaniiru. Milkaa’inni inni misooma qamadii, xaa’oo magariisaa, maaddii guutuufi hojiiwwan misooma qonnaa birootiin argamaa jiru biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera. Akka Qindeessaan Sagantaa Sirna Nyaataa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Sanaayit Raggaasaan jedhanitti, biyyoonni miseensa IGAD qonna haala qilleensaa dandamatu misoomsuuf hojiin hojjechaa jiran caalmaatti bu’a qabeessa akka ta’uuf deeggarsa kennaa jira.
Sagantaan kun oomishaafi oomishtummaa guddisuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, imaammata qonnaa bu’a qabeessa gochuu, sirna odeeffannoo qindaa’e bulchuu irratti gargaarsa ogummaa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Hojiin qonna ammayyeessuun teeknooloojiin deeggaruu daran cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.