Beellada Kunuunsuun Diinagdee Utubuudha

Dameen beelladaa guddina biyyaa utubuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Itoophiyaan qabeenya beelladootaan ardii Afrikaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti kan argamtu ta’uu qorannooleen damichaan taasifaman ni argisiisu. Ta’us, faayidaan damicha irraa argataa turte baay’ina beelladootaa qabduun kan wal madaalu hin turre. Kanaaf dhimmoonni akka sababaatti eeraman hanqina nyaataa, hoj-maataa horsiisa boodatti hafaa hordofuufi tatamsa’ina dhukkuboota beelladootaa fa’i. Dhiheenya damichi xiyyeeffannaa mootummaa argatee biyya keessaafi alarraa galii maddisiisuun diinagdee biyyaa utubuurratti hojii gaariin hojjetamaa jira. Kanaafis, biyyattiin hojii gama kanaan jalqabdeen biyyoota baha giddu-galeessaa tokko tokkoof bu’aalee beelladaa kanneen akka aannaniifi foonii dhiheessaa jiraachuun agarsiistuu tokkodha.

Uummata biyyattii irrajireessaan horsiisaafi qonna irratti hundaa’e jiraatu damicharraa daran fayyadamoo taasisuuf hojiin hubannoo qabsiisuu hojjetame rakkoolee duraan mul’achaa turan tokko tokko hiikuun amma barbaadame ta’uu baatus gama fayyadamummaa damichaa mirkaneessuun jijjiiramoonni dhufan laayyoo miti. Keessumaa bu’uura jiraachuu beelladaa kan ta’e dhukkuboota garaagaraa fayyaa beelladoota hubaa turan dursanii to’achuun wal qabatee hojiin bal’aa hojjetamaa jira. Dhukkuboota kanneen qolachuu keessatti gaheen buufataaleen eegumsa fayyaa beelladootaa sadarkaa gandaatti jiran bahatan olaanaadha. Obbo Mahaammad Indiris jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbiiti. Jiruufi jireenyi isaanii horsiisa beelladaafi qonna irratti kan hunda’e ta’uus dubbataniiru. Buufanni fayyaa beelladaa gandichatti ijaaramee tajaajila fayyaa beelladootaa kennuu osoo hin jalqabiin duratti dhukkuboota garaagaraa bifa weeraraanis ta’u weeraraan alatti ka’aniin, beelladoonni isaanii jalaa hubamaa turuu yaadataniiru.

Haata’u malee, erga buufanni fayyaa beelladootaa gara ganda keenyaatti gadi bu’ee hojii eegalee talaalliin tatamsa’ina dhukkuba beelladootaa dursee to’achuu danda’u waan kennamuuf, dhukkuba beelladootaa hir’iseera jedhaniiru. Ogeessa fayyaa beelladaa gandichaa irraa haalota fayyaafi kunuunsa beelladootaaf taasifamuu qabaniin kan walqabate gorsa gahaa argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa horii gaanfaafi bushaayee qaban irraa bu’aawwan garaagaraa argachaa jiraachuu himanii, fuulduratti hoj-maata horsiisa beelladaa ammayyaa hordofuuf karoora qabaachuu kaasaniiru. Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii aanaa Dawaa Caffaatti, abbaa adeemsaa Fayyaa Beelladaa obbo Warqinah Naggasaa, omishtummaa beelladaa guddisuuf fayyaa isaanii irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Aanichatti dhukkubni beelladootaa miidhaa diinagdeefi hawaasummaa osoo hin geessisiin ittisuufi to’achuuf tattaaffiin taasifamaa turuus himaniiru. “Aanaan keenya haala qilleensaa horsiisa beelladootaaf mijattuu taatedha” kan jedhan obbo Warqinah, kanaan walqabatee, aanichatti horsiisa beelladaa fooyyessuu, furdisuufi gahumsa horsiise bultootaa guddisuuf jalqabbiin gaariin jiraachuu eeraniiru. Talaallii dabalatee ulaagaaleen horsiisa beelladootaaf barbaachisan amma danda’ametti raawwatamaa turuufi jiraachuus hubachiisaniiru. Akka obbo Warqinah jedhanitti, aanicha keessa buufataaleen eegumsa fayyaa beelladootaa irratti hojjetan 13 ni jiru. Kunneen beelladoota dhukkuboota garaagaraa irraa eeguun oomishtummaa horsiise bultootaafi qonnaan bultootaa  guddisuuf kan gargaaran ta’uu himaniiru. Buufataaleen kunneen gara gandootaatti babal’achuun duratti dhukkuboonni beelladoota huban kanneen akka:  Abbaa Sangaa, Abbaa Gorbaa, Gororsaafi kan kana fakkaataniif beelladoonni saaxilamaa turuu yaadataniiru. Kunimmoo bu’aa damicharraa argamuu danda’u kan gadi buusaa ture ta’uusaati abbaan adeemsa hojii kun kan himan. Aanichatti bara kana dhukkuboota beelladoota hubuu malu jedhamanii yaadaman dursanii to’achuuf beelladoota garaagaraa kuma 267 oliif talaalliin dhukkuboota kanneen dursee ittisuuf gargaaru kennamuu obbo Warqinah eeraniiru. Kun akkuma jirutti ta’ee naannoo murtaa’e tokkotti dhukkubni beelladaa ”abbaa gorbaa” jedhamu ka’uusaa qorannoon mirkaneeffachuun beelladoota kuma lamaafi 500 oliif yaala fayyaa barbaachisaa kennuun, dhukkubichi akka gandoota ollaatti hin babal’anneef hatattamaan to’atanii jiraachuu himaniiru.

Akkasaan jedhanitti, buufataaleen fayyaa beelladootaa gandoota aanichaa kudha sadeenuu hojiirra jiru. Duraan horsiise bultoonni horii yaalchisuu irratti hubannoo gahaa hin qaban kan jedhan obbo Warqinah amma garuu hojii hubannoo dhimma kanarratti qaama dhimmi ilaaluun taasifameen beelladoota gurguddoo irraa hanga xixiqqaatti yaalchisaa jiraachuu himaniiru. Nyaataa barbaachisaa beelladootaaf dhiheessuus ta’e sanyiin beelladaa hagamu fooyyeffame fayyaa beelladaa yoo hin eegne bu’aan damicha irraa argamu quubsaa kan hin taane ta’uu hubachiisaniiru.  “Qabeenya beelladootaa irraa dursa kan fayyadamuu horsiisee bulaadha” kan jedhan obbo Warqinah, horsiise bulaan erga fayyadamee booda biyyis waan irraa fayyadamtuuf damichi diinagdee biyyaa utubuudhaaf shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Kanaafuu, bu’aa beelladaarraa argamu dachaan argachuuf horsiise bultoonniifi qonnaan bultoonni dursa fayyaa beelladootaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban abbaan adeemsaa kun gorsaniiru.

Gamasaaniin fuulduratti, fayyadamummaa horsiise bultootaa daran guddisuuf sanyiiwwan beelladaa ammayyaa baay’isuun horsiise bulaa biraan ga’uu dabalatee nyaataafi eegumsa fayyaa beelladootaa irratti cimsanii kan hojjetan ta’uu himaniiru. Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii aanaa Dawaa Caffaatti ogeessi bu’aa beelladaa obbo Tashoomee Qalbeessaa sadarkaa aanichaatti oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonniifi horsiise bultoonni oomishaalee bu’aa beelladaa kanneen akka: aannan, foon, lukkuu, hanqaaquu, dammaafi kkf haalaan oomishuun ofirra darbanii gabaaf dhiheessuun diinagdee isaanii akka guddifataniif gama waajjirichaan hubannoon kennamaa turuu himaniiru. Akkasaan jedhanitti hubannoon gama kanaan kennamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiiseera. Keessuma aanichatti gama oomisha aannaniin waldaaleen sadii tumsa Pirojaktii Baankii Addunyaan taasifameen gurmaa’uun fayyadamaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Isaan keessaa barana ganda Shakilaatti Waldaan Oomisha Aannanii Borkannaa, miseensota 133 kan of keessaa qabu hundaa’uu ogeessichi himaniiru.

Waldichi sa’awwan 266 kan qabu yoo ta’u kanneen keessaa jabbiilee kan of jalaa qabuufi aannan irraa argamaa jiru muraasa ta’uu kaasaniiru. Akkasuma ganda Garbii keessatti ‘Waldaan oomisha Aannanii Tokkummaa’ jedhamu kan miseensota 99 of keessatti hammate guyyaatti aannan liitira 65 ol gabaaf dhiheessaa akka jiran eeraniiru. Dabalataan ogeessichi, ganda Taraf keessatti namoonni 136 bakka tokkotti walitti dhufuun oomisha aannanii irratti gurmaa’uun oomisha isaanii waldaa tokkummaaf dhiheessaa jiraachuu himaniiru. Miseensonni waldaa oomisha aannanii keessatti argaman hundi tuuta qonnaan bultootaafi dargaggoota hojii dhabeeyyii irraa walitti dhufan ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Bu’aa beelladaa gama aannaniin argamaa jiru kana furdisa looniin hojjechuuf karoorfamuu himaniiru. Muuxannoo biyyoota biroo gama damee  kanaan jiru yoo kaasan, ”biyyoonni baay’een qabeenya beelladaan hamma Itoophiyaa hin geenye beellada muraasa qabanitti sirnaan fayyadamuun faayidaa olaanaa argachaa jiru” jedhaniiru. Kanneen irraa muuxannoo qoodachuun damicharratti tumsaan yoo hojjetame diinagdee guddina biyyaaf tumsa olaanaa qabaachuu akeekaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo