Torban tokko keessa sa’aatii baay’eetu jiru. Garuu, sa’aatiin lama jireenya namaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa akka qabu himu qorattoonni. Namoonni baay’een torbanitti sochii qaamaa hamma gorfamu raawwachuuf rakkatu. Garuu, sochiin qaamaa hammi xiqqaallee fayyaa namaaf bu’aa cimaa qaba. Sochii qaamaa onneef gaarii ta’uun isaa gaaffii hin qabu. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun dhiibbaa dhiigaafi kolestroolii gadi buusuun carraa dhukkuba onnee (dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu) hir’isa.
Garuu, yeroo tokko tokko kaka’umsa sochii qaamaa hojjachuu dhabuu dandeenya ta’a. Garuu, hubannoon faayidaa sochiin xiqqoollee hangam fayyaa namaaf akka murteessa ta’e argannuu hima kanaaf xiyyeeffannoo akka kenninu taasisuu danda’a. Hanguma xiyyeeffannoon dhimma kanaaf kenninu gadi bu’u haalli fayyaa keenyaas xiqqaataa deema. Sochiin qaamaa taasifamu kun dirqama gosoota ispoortii ciccimaafi humna guddaa baasuu barbaadu ta’uu dhiisuu mala.
Sochii qaamaa xiqqaanillee balaa onnee namaarra ga’u hir’isuu ga’aa ta’uu himu ogeeyyiin. Sochiin qaamaa akka miilaa deemuu, biskileetii oofuufi ispoortii sasalphaa biroo torban keessatti sa’aatii tokkoo hanaga lamaa hojjatamu carraa dhukkuba onneefi ujummoolee dhiigaatiin dhufan hanga dhibbantaa 20 hir’isu. Akkasumas hanguma sochiin qaama taasifamu dabalaa deemuun bu’aan fayyaa onneefi ujummoolee dhiigaa mul’achuun dhukkuboota umurii namaa gabaabsaniif saaxilamuu namaa ni xiqqaata.
Qorannoon tokko akka mul’isuutti namoota torban guutuu sochii malee dabarsan kan warra sochii qaamaa xixiqqaa taasisan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaa guddaa qaba. Kanneen ispoortii gaariifi shaakala fiigichaa akka maraatoonii leenji’an ammoo yeroo gabaabaa keessatti sirna hargansuufi caasaa onnee isaanii irratti jijjiirama mul’atu akka argan ibseera.Haa ta’uu malee sa’aatiin sochii qaamaa dabalataa gama balaa dhukkuba onneefi ujummoolee dhiigaa hir’isuun faayidaa dabalataa kan hin kennine ta’us, jijjiiramni caasaa onnee kun fooyya’iinsa dandeettii qaamaa namaa agarsiisa. Jijjiiramni caasaa onnee namaa kanaan dura atileetota muraasa qofa irratti akka mul’atuutti yaadamaa ture, garuu qorannoon kun warri xiyyeeffatanii yeroo yeroon sochii qaamaa taasisan jijjirama kana arguu danda’u. Kanaaf namni dhimmi fayyaa isaaf jecha yeroofi kaka’umsa dhabuun ofirratti murteessu caalaa, sochiin qaamaa hangam jireenya namaa akka jijjiiru hubatanii dafqa buusu qabu.
Sochiin qaamaa xiqqaan hanga daqiiqaa 20 yoo ta’u, sochii qaamaa cimaadha jedhamu ammoo daqiiqaa 30 hanga 60tti kan turuufi gidduu gidduutti boqonnaa gabaabaa kan of keessaa qabudha. Sochii qaamaa kun hammam gabaabaa ta’us, fayidaan fayyaa namaa waliigalaa irratti qabu guddaadha. Qorannoon namoota 37,000 ol irratti gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, namoonni sochii qaamaa xiqqoollee torban keessatti taasisan carraan fayyummaa isaanii kan warra homaa hin taasifne caalaa guddaa ta’uu mul’isu.