Waraana Adwaa bara 1888tti adeemsifameen injifannoo Itoophiyaan gonfatte, Xaaliyaan addunyaa irratti akka isheen qaanoftu taasiseera. Xaaliyaaniin waggoota afurtamaaf qophii olaanaa taasisaa turuun yeroo lammaffaaf bara 1928tti haaloo bahuudhaaf Itoophiyaa weerarte. Mosolooniin, Itoophiyaa Afrikaa keessatti gama hundaan iddoo murteessaa qabdu weeraruun qaama gita bittaa Xaaliyaaniin taasisuuf kana malees maqaa biyya isaa haaromsuuf qophii olaanaa of eeggannoon guutame taasisaa turuu seenaan ni addeessa. Weerara Itoophiya irratti taasisuu kanaaf kan isa gargaaruu danda’u loltoota kuma 300 ol ta’an, xiyyaarota waraanaa 500 akkasumas taankota waraana 500 ta’an, jalqaba bara 1928tti Xaaliyaaniin Itoophiyaa irratti waraana akka bantuuf jechuun, karaa Mitsiwwaatiin Maarshaal De Boonoof akka ergaman taasiste turte.
Ragaaleen seenaa akka agarsiisanitti, biyya Afrikaa keessaa bilisummaa ishee gootota ilmaan isheetiin kabachiistee jiraattu, Itoophiyaa guddittii to’achuuf tattaaffii olaanaa taasisaniiru. Kanaanis waraanni Xaaliyaanii daangaa cabse seenuun kaaba Itoophiyaatti waraanaa lafoofi xiyyaaraan deggarame fulbaanaa 21 bara 1928 weerara isaa ifatti jalqabe. Goototni biyya keenyaas weerartota Xaaliyaanii deebisuuf aarsaa guddaa taasisuu yaalanis, waraanni diina humna isaa cimsatee fulbaana 26 baruma sanaa aarsaa guddaan booda, magaalaa Adwaa qabatan. Babal’achuu weerara Xaaliyaanii kan hubatan mootiin Haayila Sillaasee guutummaa biyyattitti dula hunda hammataa labsan. Kunis kan ta’e fulbaana 22 bara 1928 erga Xaaliyaan weerara eegale guyyaa tokkoon booda jechuudha.
Durumaayyuu birmadummaan biyyaa yeroo sarbamuufi xuqamuu kan lubbuu isaaf kan hin sassanne uummatni Itoophiyaa xiqqaa hanga guddaa, kallattii biyyatti hundaan gootummaan aarsaa kaffalee biyya isaa kabachiisuuf duule. Keessattuu bakkeewwan xaaliyaaniin weeraramanii turanitti, Itoophiyaanonni beekumsaafi aartiidhaan akka hin cimneef, manneen barnootaa cufuu irraa jalqabee abbootii amantaa bebbeekamoo, maanguddoota biyyaafi gootota ajjeesaa turaniiru. Kunis Itoophiyaanonni qabsoo bilisummaa isaanii cimsanii akka itti fufan isaan dirqisiisuu ni ibsama. Goototni Itoophiyaas bilisummaa isaaniif kutannoon aarsaa hedduu kaffalaniiru. Mootiin Haayila Sillaasees, waraanicha qolachuuf kan isaan dandeessisu, hoggantoota waraanaa garaagaraaf muudama kennan. Raas Mulugeetaa ajaja olaanaa waraanaa kaabaa ta’uun muudaman.
Raas Immiruu Gojjaamiifi Gondar, Raas Kaasaan Walloo, Raas Siyyuum Tigraay hogganuun biyya isaaniif akka duulan muudaman. Waraanni Kambaataa, Wallaggaa, kafaa, Kontaa Gooree gara Addis Ababaatti duuluu eegalan. Addis Ababaattis agarsiifni hiriira uummataa guddaan taasifame. “Mootichi halluun alaabaa diimaa, magariisaafi keelloon mallattoo bilisummaa keenya waan ta’eef, mallattoon bilisummaa keenya kun akka hin banne, haga dhumaatti dhiiga keenya dhangalaasne yoo duunees maqaafi seenaa keenyaaf ulfinadha” jechuun, raayyaan bilchinaan akka waraanuu, ibsuuniifi of eeggannoo dirree waraanaatti taasifamu hunda hubachiisuun injifannoon deebi’a jedhanii loltoota isaanii gaggeessaniiru. Uummannifi loltootni biyyattis aarsaa guddaa kaffalanis Loltootni xaaliyaanii humna isaanii cimsanii meeshaa waraanaa ammayyaan deggaramanii, uummata keenya irratti gidiraa sukkaneessaa raawwataniiru. Waraanni dhumaan dirree waraanaa Maayiicawu irratti bakka mootichi argamanitti A.L.I tti Bitootessa 22 bara 1928 guyyaa guutuu gaggeeffame.
Xiyyaarri waraanaa 70 ol kan irratti hirmaatan waraana sukkaneessaa ture. xiyyaarootni 36 loltoota Itoophiyaan rukutamanii akka kufan taasifameera. Xiyyaarootni kunneen irra deddeebi’uun boombii ulfaatinni isaa toonii 35 madaaluu danda’uufi Gaazii summaawaa roobsaniiru. Kanaanis Xaaliyaan Bitootessa 22 bara 1928 Itoophiyaa injifachuu ishee addunyaa hundaaf labsite. Sanaan boodas waggaa shan guutuu uummata Itoophiyaarratti gidiraa hedduu raawwachuun haaloo ba’a turteetti.
Dhumarrattis goototni Itoophiyaa Ebla 27 bara 1936 biyya isaanii weerartoota irraa bilisa baasuun mallattoo bilisummaa isaanii kan ta’ee alaabaa isaanii halluu diimaaa, magariisaafi keelloo qabu irra deebi’uun kabajaan ol baasanii fannisuu danda’aniiru. Abjuun gita bittaa Xaaliyaanii irra deebi’uun fashalaa’e. Weerartootni gootota Itoophiyaan injifatamaniifi qaana’anii deebi’u dirqamaniiru. Kanaanis guyyaan injifannoo gootota waggaa waggaadhaan ebla 27 sadarkaa biyyaalessaatti kabajama. Bara kanaas, guyyaan Injifannoo gootota Itoophiyaa durii 84ffaan Siidaa Injifannoo Araat kiloo Addis Ababaatti kabajamera. Pireezidaantii waldaa Goototaa Itoophiyaa durii Lij Daani’eel Jooteen injifannoon gootota Itoophiyaa durii seenaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qabaachuu himaniiru.
Faashistii Xaaliyaaniin lola Adwaatti mo’amuu ishee haaloo ba’uuf jecha waggoota 40 booda, Itoophiyaa weeraruuf yaaliin goote fashalaa’eera jechuun ibsaniiru. Dhaloonni ammaa hafuura sabboonummaa abbootii isaa dhaaluun Ityoophiyaa cimtuu fi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsee kennuun irraa eegamas jedhaniiru. Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen kabaja ayyanichaarratti argamuun akka jedhanitti, abbootiin keenya dhiiga isaaniin bilisummaaf qabsaa’anii biyya dhaalchisaniiru. Injifannoon argame boonsaa ta’uu himanii, gatii goototni durii kaffalaniin har’a Addabaabaayii bilisummaatti boonsaan akka deemnu nu dandeessiseera jedhaniiru.
Walabummaan keenya guutuu ta’uufi Itoophiyaan guddina hunda galeessa akka argattuuf damee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiin injifachuu qabnas jedhaniiru. Guyyaa Injifannoo kana yeroo kabajnu seenaa abbootii keenyaan boonuu qofa osoo hin taane, injifannoo bara keenya keessatti yaadatamu gonfachuuf ta’uu qaba jedhaniiru. Nagaaf dursa kennuun, guddinaafi jijjiirama biyyaaf waliin hojjechuu akka barbaachisu dhaamaniiru.
Alamuu Balaayiin