Bosona Uumamaa Garfaa

Uumamni dachee kana irratti argaman hundi waldanda’anii akka jiraataniif seera uumaafi uumamaan hogganamu. Seerri kunis uumama gidduutti madaalliin akka jiraatu ajaja. Hariiroon uumama gidduu jiru yommuu dabu madaallii uumamaatu daba. Danasaa gadhiisee miidhagina ganamaan qabutu irraa godaana. Uumama walmadaalee jiraatu irrattis miidhaatu qaqqaba. Uumama hunda keessaa aangoon uumamoota biroo bulchuu, seeraan itti fayyadamuufi kunuunsuu dhala namaa qofaaf kenname. Ilmi namaa kaleessa jireenya isaa fooyyeffachuuf jecha qabeenya uumamaa irratti miidhaa dhaqqabsiisaa tureera, dhaqqabsiisaa jiras.

Dhuma jaarraa 19 ffaa qabeenyi bosonaa Itoophiyaan qabdu dhibbantaa 30 akka ture maddeen ni eeru. Qabeenyi bosonaa lafa qonnaa babal’ifachuuf, cilee gubuufi qoraaniif jecha seeraan ala cirameefi gubamee dhumee gara dhibbantaa afuritti gadi buhee ture. Haata’u malee biyya keenyatti tattaaffii waggoota muraasaa as lafa bosonni irraa bade deebisanii misoomsuuf taasifamaa jiruun jijjiiramni gaariin mul’achaa jira.

Kunuunsaafi eegumsa taasifameen qabeenyi bosonaa biyyattii yeroo ammaa gara dhibbantaa15 ‘tti ol guddachuutu himama. Bakeewwan qabeenya uumamaa itti mancaafaman akkuma jiran, kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti baroota dheeraa irraa kaasee bakkeewwan ganamumarraa kaasee qabeenya uumamaa kunuunsuu itti aadeffamuun dhaloota har’aaf darban baay’een ni jiru. Sadarkaa biyyaatti beekamtii addaa argachuu baatus aanaa Baateetti kan argamu bosona Garfaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Bosonni kun, bara mootii Hayilesillaasee irraa kaasee kunuunfamuu kan eegale ta’uutu dubbatama.

Aanaa Baateetti, jiraataan ganda Grfaa, obbo Adam Yusuf ”bosona kana ergan dhaladhee bosonoomeema jiraachuusaan arge, abbootii keenyaan kunuunfamee kan nu bira gahedha” jedhaniiru. Mukkeen bosonicha keessatti argaman harka namaan kan hin dhaabamne ta’uu hangafoota isaanii irraa odeeffachuu himaniiru. Addatti bara mootummaa Dargii xiyyeeffannoo kunuunsa qabeenyaa uumamaaf kennameen eegdonni dhaabbataan bosona kanaaf qacaramanii eegumsi addaa akka taasifamuu murtaa’uu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, haala qabatamaa amma jiruun eegumsa jiraattonni gandichaa taasisaniif cinatti waaridiyyoonni torba bosonichaaf eegumsa taasisaa jiru.

Bosonni kun madaala uumamaa eeguun cinatti jiraattonni gandichaa oomisha dammaan fayyadamoo akka ta’aniif haala kan mijeesseefi mukkeen achi keessatti argaman baay’een dawaa aadaaf oolaa jiraachuu himaniiru. Oomishni qamadii qilleensa jiidhaa waan barbaaduuf bosonni kun jiraachuun qonnaan bultoonni gandichaa oomisha qamadiin fayyadamoo ta’uu danda’uu ibsaniiru.

Qabeenya uumamaa kunuunfamee har’aan gahamee kana daran bosonoomsuuf biqiltuuwwan dabalataa dhaabuun dhaloota aanuuf ceesisuuf karoora qabaachuu himaniiru. Jiraataan gandichaa inni biroo Sheeh Yimaam yuusuf waa’ee kunuunsa bosonaa irratti yaada yoo kennan ”muka muruun gama amantaan ni dhorkama; qaamni muka mure maaliif gaaddisa murte jedhamee bu’uura seera naannawichaan gaafatamuun adabama” jedhaniiru. Qaamni kan raawwatee argame adabbiin xiqqaan re’ee tokko ta’uu himanii, yeroo biroo badii walfakkaataa raawwatee yoo argame gara qaama seeratti kan dhihaatu akka ta’e himaniiru. Yeroo ammaa jiraattonni gandichaa gooxiiwwan 15 keessa jiran barbaachisummaa bosonaa hubatanii kunuunsaa jiraachuu ibsaniiru. Bosonni kun aanaa keenyarra darbee biyyaafis faayidaa guddaa argamsiisaa jira jennee yaanna jedhaniiru.

Ittigaaftamtuun Waajjira Kunuunsa naannoofi Eegumsa Bosonaa aanaa Baatee aadde Zahaaraa Saanii gandoota aanichaa 26 jiran keessaa bosonni guddaan kan jiru ganda Garfaa Uranee keessa ta’uu himaniiru. Akkasaan jedhanitti, bosonichi waggoota 50 oliif jiraattotaan kan kunuunfamamedha. Kanaan dura qamni bosonicha seenee muka mure to’atamuun hanga birrii kuma 15’tti  adabamuusaa yaadataniiru. Gama waajjirasaaniin sadarkaa gandichaatti namoonni 21 ”Koree Waloo Bosonaa” jedhamuun hundeeffamanii eegumsaafi kunuunsa bosonichaarratti  hojjetaa jiraachuu aadde Zahaaraan himaniiru.

Jiraachuu bosonichaa hordofee haalli qilleensa gandichaa gandoota biroorraa baay’ee mijaawaa ta’uu dubbataniiru. Ittigaafamtuun kun uummanni gandichaa bosona kunuunsuun walqabatee seera ittiin bulteefi aadaa gaarii qabaachuu kaasaniiru. Bosonicha keessatti gosonni mukkeen garaagaraa 99 oliifi bineensonni baay’ee keessatti kan argaman ta’uu eeraniiru. Gama kanaan osoo irratti hojjetamee madda hawwata turiziimii ta’uun biyyaaf galii guddaa argamsiisuu danda’a jedhaniiru. Aadde Zahaaraan ‘’mukkeen bosona kana keessatti argaman dulloomaa waan deemaniif dachaan bakka buusnee dhaaloota aanuuf dabarsuuf karoora qabannee hojjechaa jirra” jedhaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo