Duudhaalee Keenya Gochaan Agarsiisuu

Itoophiyaatti iddoolee garaagaraatti duudhaaleen hariiroo uummattoota cimsaniifi yeroo waldhabdeen uumamu karaa nagaan akka hiikaman kan dandeessisan hedduun jiru.  kunis adda durummaan amalaafi ilaalcha gaarii horachuun jeequmsa yookiin waldhabdee ittisuudhaan aadaa namoota gidduutti waliin jiraachuu kan guddisudha.  Duudhaaleen nagaa aadaa wal danda’uu ijaaruun hariiroo jeequmsa irraa bilisa ta’e uumuudha. Duudhaaleen  kunneen, qajeelfama naamusaa hawaasni tokko fudhatuu fi akkaataa jireenya isaa ittiin qajeelchu yoo ta’u, jijjiirama hawaasummaa, dhaabbileefi aadaatiin kan uumamanidha. Duudhaaleen seera bu’uuraa jireenyaafi akkaataa jireenyaa namoota dhuunfaanis ta’e akka hawaasaatti  diigamu kan hin dandeenyeefi kan kabajamaniidha. Itoophiyaatti duudhaaleen eenyummaa kutaalee hawaasaa bu’uura godhatan hedduun jiru.

Duudhaaleen kunneen haqummaa, walqixummaa, nageenyaafi waliin jireenya uummattootaa kan mirkaneessan, akkasumas rakkooleefi waldhabdeen muudatan kan furanidha. Hangafa kabajuu, wal dhaggeeffachuu, jaarsoliif bakka guddaa kennuu, nagaa uumuu, ajajamuu, wal gargaaruufi qajeeltoowwan naamusaa kana fakkaatan, duudhaa waloo Itoophiyaanootni qabanidha. Duudhaalee waloo kanneenitti fayyadamuun rakkoolee uumaman furuufi araarsuun, kan dabe qajeelchuun,  kan miidhameef beenyaa kaffaluun dhiifamaafi jaalalaan jiraachuun akka danda’amu abbootiin keenya nutti agarsisaniiru. Haata’u malee, duudhaaleen, muuxannoo jireenyaafi falaasama abbootii keenya durii dhaloota ammaaf dabarsan kana kabajaafi gatii maluu kennuu dhabuun, biyyattiin rakkoo hedduudhaaf akka saaxilamtu taasiseera.

Bulchiinsa magaalaa kamiseetti barsiisaa amantaa Islaamaa, Sheeh Mohaammadsaanii,”duudhaan  Itoophiyaanootni ittin beekaman yeroo irraa gara yerootti  kabajamuu dhabuufi laafaa dhufuu isaatiin,  rakkoolee amma biyya keenya mudataa jiraniif sababa tokko ta’uu duubbataniiru. “Wal dhaggeeffachuufi wal kabajuun, rakkoolee keenya araaraafi mariin hiikuu dhabuun keenya gatii guddaa nu kaffalchiseera” jedhaniiru. “Dhabamuun nageenyaa uummata biyyattii miidheera; diinagdee biyyattiis gara duubatti akka hafu taasiseera.  Duudhaaleen waloo nageenyaafi tokkummaa biyyaaf oolaa turan yeroo ammaa xiqqaachaa dhufuun isaanii rakkoo guddaa dhaqqabsisaa jiru” jedhaniiru.

Biyyattii gara nageenya isheetti deebisuun yoo barbaadame duudhaalee waloo irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu himaniiru. “Biyyi keenya mana waloo keenyaati kan jennu yoo nageenyi jiraatedhas” jedhaniiru. Nageenya fiduu kan dandeenyu immoo duudhaalee waloo abbootii keenya durii irraa dhaalle kabajuufi tiksuun yoo danda’ame ta’uu himaniiru. Aadaafi Duudhaalee biyyattii keessa jiran haalaan guddisuufi fayyadamuun yoo danda’ame, rakkoon nageenya mudachaa jiru hiikamee tokkummaan biyyattii  akka cimu dubbataniiru. “Biyya afdaneessaafi sabdanneessa keenya keessatti, dhimmoota walitti nu fidaniifi tokko nu taasisan kan akka sirna araaraa dabalatee, wajjiin nyaachuu, dhuguu, keessuummaa simachuufi biyya duudhaa wal danda’uu qabduudha”  jedhaniiru.

Duudhaaleefi seenaawwan Itoophiyaanoota kan gargar baasan osoo hin taane, kan tokko  taasisan hedduun jirachuu kan kaasan sheek Mahaammadsaanii, seenessaawwan hin jirre kaasuun gochi biyya  diiguuf taasifamu sirrii akka hin taane ibsaniiru. Rakkoolee akka biyyaatti uumaman furuufis duudhaalee waloo keenyarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachisaniiru. Jiraataa magaalaa Kamiseefi barsiisaa amantaa Islaamaa inni biraan, Sheeh Yaasiin Mohaaammad,”akka Itoophiyaatti kan ittiin beekamnu duudhaalee waloo hedduu qabna, uummata eenyummaa, aadaafi amantaa adda addaa qabnudha, eenyummaa kana keessatti immoo wal kabajuun, wal gargaaruu,  rakkoo jiruu waliin qoddachuu, rakkoo waliif beekuufi duudhaalee waloo walqabatan akka hawaasaatti Itoophiyummaa keenya kan ibsaniidha” jedhaniiru. Akka yaada isaaniitti, duudhaaleen kunneen bu’uurri isaanii amantaadha.

Hawaasa keessatti, keessumaa dargaggoota biratti banaaleen waldhaggeeffachuufi wal gargaaruu  bal’inaan mullachaa jiraachuu kaasaniiru.  “Abbootiifi haadholii amma jiraniin, akkasumas abbootiin amantaa seenaa, wal dhaggeeffachuufi wal kabajuu durii qabnu itti fufsiisuun yoo hojjetamu  danda’e, eenyummaan keenya kaleessa, garaa laafummaan keenya, wal kabajuufi wal deegaruun keenya cimee,  dhiifamaafi jaalalaan waliin jiraachuu dandeenya” jedhaniiru.

Walitti qabaan dhaabbilee amantaafi hojii gaggeessaa kutaa lallaba bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Malaaka Gannat Dajan Tasfaayee, nageenyi dhala namaa qofaaf osoo hin taane, lubbuu qabeeyyii lafarra  jiran hundaaf bu’uura ta’uu dubbataniiru.  “Waan qabnu seeraan fayyadamuu dhabuufi  wal dhagahuu dhabuun, nageenya keenya dhabne jirra” jedhaniru. “Itoophiyaanootni duudhaalee nageenya  hedduu qabnus, duudhaalee kanneen kabachisuufi seeraan fayyadamuu dhabuun biyyattiin jequumsaafi tasgabbi dhabuu keessa akka galtu taasiseera” jedhaniiru. Siyaasa sabarratti hundaa’e leellisuu, walqixummaan jiraachuu dhabuu, olaantummaan seeraa kabajamuu dhabuufi itti fayyadamni haqa qabeessa ta’e jiraachuu dhabuun biyyattiin rakkoo nageenyaaf akka saaxilamtu taasisuu kaasaniiru.

Dargaggootaaf carraan hojii uumamuu dhabuunis rakkoo isa biraa ta’uu himaniiru. Baay’ina uummata biyyattiifi carraan hojii uumamu wal madaaluu dhabuun, dargaggootni bakka hin malle akka oolaniifi sammuun isaanii jallinaan akka yaadan isaan taasisa, kun immoo nageenya biyyaarratti dhiibbaa guddaa qaba jedhaniiru. Inni tokko nyaacha inni biraan immoo agabuu bulaa taanaan, inni tokko filatee uffata, inni kaan qullaa deema taanan, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa ta’e akka hin jirre agarsisa jechuun akka fakkeenyaatti duudhaaleen keenya laaffachaa akka jiru kaasaniiru.

Imaammatni barnoota biyyattiin hordofaa jirtus duudhaaleen keenya akka badaniifi kan biyyoota ormaa akka hordofnu taasisera jedhaniiru. Walumaagalatti nageenya waaraa fiduufi gara nageenya keenya duraan tureetti deebi’uuf mootummaan garaa bal’achuun, gaaffii uummatni kaasuu, bifa tasgabbaa’aa ta’een furuu akka qabu hubachiisaniiru. Fagoo osoo hin  deemin waraana kaabaarraa barachuu dadhabne malee nuuf barnoota guddaa ture jechuun himaniiru. Kanaafuu lammileen hojjetanii akka jiraataniifi bahanii akka galan gochuun dirqama mootummaati jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Dabaarqiitti barsiisaa Saayinsi siyaasaa kan ta’an Balaayinah Warquu, lammiilee hunda haala haqa qabeessummaafi walqixxummaan tajaajiluu dhabuu, duudhaaleen waldanda’uu jiraachuu dhabuu, wal kabajuu dhabuu, garaan dhiifamaaf qohii ta’e dhabuu, walgargaaruu dhabuu, waliif yaaduu dhisuu, marii iftoominaafi haqa qabeessa ta’e taasisuu dhabuun rakkoo nageenya ammaa mudateef sababa isa biroo ta’uu kaasaniiru. Rakkoolee akka biyyaatti mudatan furuuf, mari’achuufi araara gochuun murteessaa ta’uu barsiisaan Balaayinah dubbataniiru. Dhaabbilee nageenya babal’isuufi cimsuu, dhaabbilee nageenya aadaa cimsuu, haqummaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuufi haasaa jibbiinsaa ta’ochuun murteessaa akka ta’e himaniiru.

Mootummaan gaaffilee uummatni kaasaa jiruuf furmaataa waaraa ta’e kennuufi bulchiinsa haqa qabeessaan hawaasa hunda tajaajiluu qabu cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Keessattuu rakkoon nageenya nama hunda arsaafi gatii kaffalchisaa waan jiruuf, jaarsooliin biyyaafi abbootiin amantaa qaama kamiyyuu osoo hin eegin itti gaafatamummaa biyya itti fufsisuu akka qaban gorsaniiru. Mootummaanis dhimmoota furmaata siyaasaa barbaadan, furmaata siyaasaa kennuun, kanneen mariifi waligalteen furamuu danda’an immoo ta’ani mari’achuun hiikuu barbaachisaa jedhaniiru.

Alamuu Balaayiin

Oduu

AMECO Hirkoo