Hidhattoonni Duraanii Karaa Nagaan Dhufan Mootummaa Waliin Ta’uun Nageenya Kabachiisaa Jiru

Itoophiyaatti rakkoon nageenyaa waggoota darbaniitti, kutaalee biyyattii garaagaraatti mudate miidhaa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa  guddaa dhaqqabsiseera; qabeenya biyyattii hedduu barbadeesseera, maatii bittineseera, akkasumas buqqaatii fiduun jireenya hawaasummaa miidheera.  Diinagdee biyyaas rakkoo hamaa  keessa galchuun qaala’insi gatii guddaan akka uumamu sababa ta’e jira.

Nageenyaafi tasgabbiin akka hin jiraanne kan taasise immoo qaamolee naannoolee biyyattii adda addaa keessatti  hidhatanii  socho’aniinidha. Rakkoolee jiran waliigalteefi mariin hiikuu dhabuutiin biyyattiin rakkoo walxaxaa keessa akka galtuu taasiseera. Mootummaan rakkoon nageenyaa mudate  mariifi waliigalteen furmaataa akka argatuuf  hojiilee hedduu hojjechaa ture, hojjechaas jira. Kanaanis waraanaa kaabaa waggoota lamaaf dhumaatii lammiilee hedduuf sababa kan ta’e mariifi waliigalteen akka dhaabbatu taasifame akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Haala walfakkaatuun qaamooleen hidhatanii naannoolee garaagaraatti socho’aa jiran, hidhannoo isaanii hiikkachuun dhiifamaafi araaraan akka galan yeroo adda addaatti waamicha taasisera. Hidhattootni waamicha mootummaan taasise akka carraa gaaritti fayyadamuun, hidhannoo isaanii hiikkachuun gara hawaasa isaanii makamaa jiran  lakkoofsaan hedduudha.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa Sablammii Oromootti, miseensota Shanee carraa mootummaan dhiyeesse fayyadamuun karaa nagaan galan keessaa, Mahaammad Amaan isa tokkodha.  Mahaammad Amaan  hiriyyoota isaan gowwomfamee, gara qabsoo hidhannoon deeggarame seenuu dubbateera. Haata’u malee miidhaafi darara uummatasaa irratti sababa garichaan dhaqqabuu hubachuun waamicha mootummaan taasisee fudhachuun karaa nagaa filachuun gara hawaasaatti makamuu himeera. “Osoo hin hubatanii uummata keenyarratti miidhaa geessisaa turre, uummata miidhame kana mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya isaa mirkaneessuufi waan barbaachisaa ta’e hundaan tajaajiluuf kutannoo cimaa qabna” jedheera.

Miseensoota garichaa didanii faayidaa dhunfaa isaanii eegsisuuf bosonatti hafan qaamolee callisaa mootummaa waliin ta’uun dhabamsisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. “Kanneen wallaaluummaadhaan Oromoof qabsoofna jedhan gorsuun karaa nageenyaatiin akka galan taasisuufillee hojjechaa jirra” jedheera. “Uummata ofii ajjeesuu, saamuufi gidiirsuun faayidaa waan hin qabneef ilaafi ilaameen waliigallee tokkummaan jiraanna biyyas misoomsina”  jedheera. Mootummaan nageenyaaf harka isaa waan diriirseef carraa kana fayyadamaa jechuun jaalleewwan isaaf waamicha taasiseera.

Itti gaafatamaan waajjira dhimma nageenyaafi callisaa Aanaa Dawaa Caffaa Mahaammad Jamaal, waamicha nageenyaafi araaraa mootummaan taasise fudhachuun, aanichatti hidhattootni hedduun karaa nagaan galaa jiraachuu himaniiru. Hojii qindoomina abbootii amantaa, jaarsoolii biyyaa, kaawunsilii nageenyaafi uummata waliin hojjetameen miseensootni Shanee baay’een nagaa filachuun hidhannoo hiikkatanii gara hawaasa isaanitti makamaa jiraachuu eeraniiru.  Waamicha mootummaan taasiseen aanichatti hoggantoota Shanee dabalatee, miseensootni isaa 85 ta’an karaa nagaa filachuun galuu isaanii hubachisaniiru. Qaamoleen karaa nagaan galan kunneen, ajjeecha, saamichaafi darara uummata irratti gahaa jiru waan hubataniif  kutannoon isaan nageenyaaf qaban olaanaa ta’uu itti gaafatamtichi himaniiru. Balleessaafi gidiraa miseensoota garichaa achi keessatti raawwachaa turanis, miidiyaa hawaasummaa, waltajjiiwwaan adda addaafi carraa argatanitti fayyadamuun  qaamoleen  galan kunnee hawaasaaf hubachisaa turu  obbo Mahaammad dubbataniiru.

Qaamolee callisaa aanichaa waliin ta’uun garee hidhattoota Shanee irratti tarkaanffii fudhachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.  Badii hidhattootni raawwachaa jiran saaxiluu isaaniin, Shaneen qaamolee karaa nagaan galan akka diinaatti ilaaluufi dorsisuu irraa  kan ka’e,  qaamoleen karaa nagaan galan kunneen , qaamaa callisaa mootummaa waliin ta’uun garicha barbadeessuuf akka hojjetan sababa isa biraa ta’uu kaasaniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha nageenyaafi callisaa bulchinsa sablammii Oromoo obbo Abduu Jamaal, qabsoon hidhattootni Shanee taasisaa jiran, badiin isaan raawwachaa jiraaniifi karroorri isaan qaban,  uummata Oromoos ta’e biyyattii kan hin fayyadne ta’uu waan hubataniif miseensootni garichaa hedduun karaa nagaan  mootummaaf harka kennachuun galaa jiraachuu himaniiru.

Qaamoleen kunneen Badii raawwachaa turaniin uummata isaanii miidhaa waan turaniif, misoomaafi waan biraatiin beenyaa kaffaluuf waadaa galuu himaniiru. Shanee irratti qabsaa’uufi odeeffannoo adda addaa kennuun nageenya waaraa fiduu keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu obbo Abduun ibsaniiru. Qaamolee bosona jiran gara nageenyaatti fiduu keessattis hidhattootni karaa nagaan galan kunneen hojii  sabqunnamtii guddaa hojjechaa akka jiran eeraniiru. Haalli nageenyaa yeroo ammaa daran fooyya’aa ta’uu kan himan obbo Abduun,  qaamolee waamichaa mootummaan taasise fudhachuu didan irrattis olaantummaan seeraa irra hin deebi’amne fudhatamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachisuu hojjetameenis, uummatni bulchinsichaa boqonnaa argachuu, jireenya tasgabaa’a jiraachuu eegaluufi hojii isaa sodaa tokko malee hojjechaa jiraachuu itti gaafatamtichi addeessaniiru. Walumaagalaatti hanga ammaatti hoggantootaafi miseensota Shanee 600 ol ta’an karaa nagaan hawaasatti makamuu dubbataniiru. Sochiin gariichi bulchinsa sablammii Oromoo keessatti taasisaa jiru guutumaan guutuutti fashala’aa jiraachuu kan ibsan itti gaafatamtichi,  nageenya waaraa bulchinsa sablammichaa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Hojiin qindoominaa mootummaa naannichaa waliin hojjetamaa jiruun, rakkoo nageenyaa naannawichatti mudate ture tasgabbaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Nageenya waaressuun qaama mootummaa qofaan mirkanaa’uu osoo hin taane tumsa qaamolee hundaa waan gaafatuuf, nageenyi bu’uura kan  hundaa ta’uu hubannee waloodhaan tumsa barbaachisu gochuu qabna jedhaniiru.

‘’Nageenyi waaran jiraachuun qabeenya waloo isa guddaa akka ta’e sadarkaa hundatti hubatamuu qaba’’ kan jedhan obbo Abduun,  nageenya waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf ammoo qoodni uummataa daran murteessaa waan ta’eef uummanni qindoominaan qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran waliin ta’uun nagaaf tasgabbii naannoosaa eeggachuu qaba jechuun himaniiru. “Walii galan alaa galan” akkuma jedhamu nageenyi barbaannu mirkanaa’uu kan danda’u qaamni hundi bakka jirutti tumsa barbaachisu yoo taasise qofa akka ta’e hubatamee hunduu gahee irraa eeggamu bahachuun dirqama lammummaa isaa ba’uu qaba.

Alamuu Balaayiin

Oduu

AMECO Hirkoo