Jijiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf ka’umsi ijoon mancaatii bosonaati. Maddi rakkichaa biyyoota indaastiriin guddatan ta’us garuu, irrajireessaan rakkichaaf saaxilamoon biyyoota guddataa jiranidha. Addunyaan rakkoo kana qolachuuf wantoota akka falaatti keessee keessaa tokko misooma magariisaa cimsuudha.
Itoophiyaan gamasheen rakkoo kana furuuf waggaa waggaan biqiltoota biliyoonaan lakkaawaman dhaabuurratti argamti. Sagantaa ashaaraa magariisaa eegalteen dinqisiifannaa guddaas sadarkaa idil-addunyaatti argatteetti. Rakkoo jijjiiramaafi faalama qilleensaa addunyaa yaaddesse magariisummaa uumamaa deebisuun furmaata waaraa ta’uusaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaan mirkaneessaa jirti. Bara kanas haaluma baratameen ittifufuuf bakkeewwan garagaraatti haaldureewwan barbaachisaa taasisaa jirti.
Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Burraaqsaa obbo Ahimad Mahaammad, baroota darbanitti dhaabbii biqiltuu irratti haalaan hirmaachuu yaadataniiru. ‘’Biqiltuun ilmoodha; kanaaf sirnaan hordofuun kunuunsanii guddisuun barbaachisaadha” kan jedhan obbo Ahimad, biqiltuuwwan duraan dhaabamanii misooman qilleensa naannoo fooyyessuu bira darbanii maddeen gogan deebisuufi tulluuwwan duraan adii turan magariisa akka uffatan taasisuu eeraniiru. Bakkeewwan ashaaraa magariisaan haguugaman dargaggootaaf naannawaa horsiisaa kanniisaafi beeyladaa ta’uu danda’uu himaniiru. Gamasaaniin, ”duula ashaaraa magariisaa baranaarratti hirmaachuuf qophiidha” jedhaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Dawwee Harawaa, obbo Sa’id Indiris, sadarkaa aanichaatti, biqiltuu duulaan dhaabuun bara 2012 irraa kan jalqabe ta’uusaa himani biqiltuuwwan bara baraan dhaabamaa turan haala qilleensa naannoo fooyyessuun cinatti faayidaa garagaraa argamsiiseera jedhaniiru.
Aanichatti, bara 2016 biqiltuuwwan duulaan dhaabaman sakatta’iinsaafi qorannoo marsaa jalqabaa taasifameen dhibbantaan 85 marguu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa biyyeefi bishaanii biqiltuu dhaabuu dursee hojjetamaa ture marguu biqiltuuwwan kanaaf bu’aa olaanaa gumaachuu hubachiisaniiru.
Obbo Sa’id, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf qophiin dursaa taasisuutti kan jiramuufi jiraattota gandoota aanichaa dhaabbii biqiltuurratti hirmaachisuuf hojii hubannoo uumuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Barana gandoota aanichaa sagal keessatti biqiltuuwwan gosa garagaraa miliyoona tokkoof kuma 200 ol dhaabuuf karoorsuu kan himan obbo Sa’id, ”kanneen keessaa biqiltuuwwan kuma 91 guyyaa tokkotti kan dhaabamanidha” jedhaniiru.Aanichatti, dhaabbiin biqiltuu bara kanaa kan gaggeeffamu marsaa lamaan kan raawwatamu ta’uu himaniiru. Hojii kana milkeessuuf hubannoon dhimmicharratti gandoota aanichaa hundattuu hawaasaaf kennamuu eeraniiru.
Itti gaafatamichi, bakkeewwan biqiltuuwwan irra dhaabaman adda baafamanii jiraachuu eeranii, biqiltuuwwan haala qilleensa naannawichaan walsimatu buufataalee biqiltuu moodelaa sadiif akkasuma kan waldaalee sadii waliigalaan buufataalee biqiltuu jaha irratti biqiltuuwwan dhaabbiif oolan kunuunfamaa akka jiran addeessaniiru. Obbo Sa’id, biqiltuuwwan buufataalee irratti misoomaa jiran biqiltuuwwan bosonaa dabalatee warreen firiin isaanii madda nyaataaf oolan kanneen akka Maangoo, Paappayyaa, Avokaadoofi Dhugoo (loomii) fa’i jechuun eeraniiru. Biqiltuuwwan soorataaf oolan dhaabuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun cinatti, faalama qilleensa naannoo to’achuu keessatti shoora olaanaa qabaachuus ibsaniiru.
Qajeelcha qonnaa bulchiinsichaatti Ogeessi Kunuunsa qabeenya uumamaa obbo Mangistuu Birihaanuu, balaawwan lolaa, gubachuun bosonaafi ho’iinsi garmalee addunyaarratti mul’ataa jiru agarsiistuu jijjiirama qilleensaati jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, biqiltuuwwan misoomsuun bakka jireenya hawwataa uumuufi rooba harkisuun hongee hir’isanii madaala uumamaa to’achuuf gargaaru. Bosonni dhala namaa dabalatee beeyladootaafi bineeldota bosonaaf bakka jireenyaafi madda soorataaf kan oolu ta’uusaa himaniiru. Itoophiyaan bara 2011’tti sulullan misoomsuun uwwisa bosonaa guddisuuf duula ashaaraa magariisaa eegaluushee yaadatani, biqiltuuwwan dhaabamaa turaniin lageeniifi haroowwan sababa hongeen gogan deebi’anii mirgisuun faayidaa dhala namaafi lubbuu qabeeyyii biroof kennuu jalqabuu kaasaniiru.
Biqiltuu dhaabuun jijjiirama qilleensa baramaa ittisuuf gaarii ta’us garuu muka iddoo isaaf hin malle dhaabuun miidhaa qaba jedhaniiru. Duulli ashaaraa magariisaa ogeeyyii kunuunsa naannoofi saayinsii bosonaan deggaramuu akka qabu hubachiisaniiru. Boolli biqiltuuwwan itti dhaabaman ulaagaa saayinsiin ajajuun qophaa’uun lakkoofsi biqiltuuwwan qabatanii akka dabalu taasisa jedhaniiru. Qaamni biqiltuu dhaabuu, akkamitti akka dhaabamuu qabu hubannoo osoo hin qabaatiin kan dhaabuufi kunuunsa biqiltuun sun barbaadu kan hin beekne yoo ta’e faayidaa isaarra miidhaansaa akka caalu dubbataniiru. ”Bakka biqiltuuwwan dhabamuu qaban sirnaan filachuun murteessaadha; lafa caffa’aa bosonaan haguuguu irra bakkeewwan duraan bosona qabaniifi bosonni irraa manca’e dhabuutu barbaachisa” jechuun gorsaniiru.
Sanyii mukeen uumamaa naannootti marganiin waliin makanii dhaabuu, kanneen naannichatti baay’inaan hin argamneefi bu’aa dinagdeef dhaabaman itti dabaluun dhaabuun gaarii ta’uusaanii hubachiisaniiru. Dhaabbiin taasifamu haala qabatamaa qilleensa naannawaa biqiltuuwwan dhaabbatan bu’uura godhachuun qophiin biqiltuun taasifamee carraan marguu biqiltuuwwanii guddisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru.
Biqiltuun amma dhaabamu, bu’aa barbaadamu yoo fiduu baate, ”egereef hojii kana ittifufsiisuuf ni ulfaata” kan jedhan ogeessichi, kanaafuu gamasaaniin dhaabbii biqiltuun kan walqabatu deggarsa ogummaa taasisuuf boodatti kan hin jenne ta’u ibsaniiru. Rakkoo mancaatii bosonaan walqabatee dhufu, hojii ashaaraa magariisaan furuuf jijjiirama qilleensaa addunyaaf qormaata ta’e qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu isaatiis hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin