Bara sirni barreeffamaa hin jirre, hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti itti dhimmi bahaa kan turedha; har’as hawaasa keessatti itti gargaaramuu irratti kan argamu yoo ta’u, faayidaan inni qabus hedduu ta’uutu dubbatama. Afoolli dhimmoota hedduu of keessatti hammachuun ergaa dabarsuu kan danda’uufi dhimma jabaadha. Maalummaa afoolaafi faayidaa isaan wal qabatees kitaaba Afaan Oromoo, ‘SEMMOO’ jedhamu barreessaa Addunyaa Barkeessaatiin katabame irratti akkasi jechuun ibsameera, Afoolli ogummaa (Wisdom) labata tokkoo kan biraatti afaaniin darbudha. Fayyadama afaanii kan ilmi namaa uumaa, uumama, beekumsa natoofi baranee ittiin hubatuufi ibsu jechuunis ni danda’ama. Kana malees, sochii miiraafi sammuu isaa keessatti lubbuu godhate miidhagina uffachiisee bifa qindaa’ina qabuun kan dhiyeessu, sammuu kan dammaqsu, miira kakaasee kan sissi’eessu, hojii uumee ta’uun isaas ifaadha jedha, barruun kitaabicharraa arganne.
Kanaafuu afoolli aadaa, seenaa sadarkaa guddinni hawaasichaa irra jiruufi irra ture mul’isuuf jechootaafi ibsitoota dhaga’uufi dubbachuuf tolaniin kunuunsee dhiyeessa jechuun ibsa. Dabalataanis hawaasni Oromoo bakkaafi yeroo adda addaatti dhimmi adda addaatiif afoolatti gargaaramee ergaa isaa dabarfataa ture, dabarfachaas jira. Afoolli isaa kunis seetoo isaa waan ta’eef, isaan gorfata, semmoo diinagdee, aadaafi eenyummaa isaa waan ta’eef isa ilaalee quufa. Natoon of jajjabeessee har’umeetti quba qaba. Afoolli, daawwitii jireenya isaa waan ta’eefis, kaleessa mil’atee har’a jiraata, har’a ciniinnatee boriifis suuqqata. Isatu jireenya; jireenyatu isa.
Kanaafuu, dubbatamee hin dhumu jechuun maalummaa afoolaafi gahee inni hawaasa keessatti taphachuu danda’u kiitaaba kana keessatti katabameera. Akka barreeffamootni adda addaa mullisanitti afoolatti gargaaramuun waan hunda gochuun akka danda’amudha. Kan dadhabe jabeessuuf, goota leellisuuf, lugna gootomsuuf, aadaa hojii cimsuuf kan abdii kutate calancala abdii itti mullisuuf, tokkummaafi walooma hawaasaa ibsuufi dhimmootni biroo hedduun kan walooma hawaasaa ibsuufi dhimmootni biroo hedduun kan ittiin ibsaman gosootuma afoolaa kanatti gargaaramuuni. Barattuu muummee Afaanii, ogbarruufi Quunnamtii yuunivarsitii Baahir Daar kan taate Fariyaa Daafis, “afoolli abbummaan isaa kan hawaasaati” jechuun dubbatteetti.
Gosoota afoolaa keessaa mammaaksatti dhimma bahuunis nama daandiin jireenyaa harkaa badeefi abdii kutate jajjabeessuun ni danda’amas jetteetti. Fakkeenyaaf, “harka xuriifi akka duriitti hin hafan, Ifaajan ifa argan, kaatan kutaa uffatan” kanneen jedhaman mammaaksota abdii namatti horan isaan muraasa jechuun yaada ishee nuuf qooddeetti. Jireenya bu’aa ba’ii addunyaa keenyaa har’a keessatti wantootni hedduun nama mudachuu maluu, kanneen keessatti miira namaa jabeessuufi seexessuuf hawaasni bifa adda addaan afoolatti gargaarama, jedhee kan dubbate ammoo Barataa Yuunnivarsitii Baahir Daaritti Muummee Afaanii, Ogbarruufi Quunnamtii Cimdeessaa Abaataati. “Eelan Eelee dhaabbatan Karaa fagoo tarkaanfii tokkorraa eegalu” kanneen jedhamaniifi bifa sirbaafi geerarsaanis abdii kan kutate seexessuun ni danda’ama jedha, jiruuf jireenya hawaasaa keessatti yeroo rakkoon mudatu bifa araaraan furuuf jechoota gabaabaatti gargaaramuun rakkoo guddaa furuun akka danda’amus Barattuu Fariyaan ni dubatti.
Wayita hawaasa gidduutti wal dhabdeen uumamuu hunduu gamaa gamanaa yaadota faallaa danuu kaasan abbootiin keenya “Dubbiin baayyateef harreetti hin fe’an” jechuun namoota kanneen gara araaraatti haala salphaafi jecha muraasaan fidu jechuun himti. Tokkummaa hawaasa biyya keenyaa jabeessuun har’a akka gahu taasisuuf shoorri afoolaa olaanaadha. Sababni isaas bifa geerarsaa, mammaaksa, sheekoo /oduu durii, walaloo, sirbaafi dhimmoota birootti gargaaramuun hawaasni biyya keenyaa hariiroo hawaasummaa isaa cimsachuu danda’eera.
Gosa afoolaa keessaa, mammaaksi dubbii fixa dubbiis fida kan jedhu Barataa Yuunivarsitii Baahir Daar Muummee Afaanii, Birraa Yohaannis, “Waliin ta’an waliif ta’an’’ addunyaa dhalli namaa keessa jiraatu keessatti: namni nama malee jiraachu akka hin dandeenyeefi yoo waliin ta’an,waan hunda gochuu akka danda’an ibsuufi. ‘’Qunceen wal gargaartee Arba Hiiti” mammaaksi jedhummoo qalbii namaa keessatti guddina qaamaa bineensa Arbaafi hangam qal’oofi daftee cituu kan dandeessu Quncee kan wal dorgomsiisudha, garuu qallinaafi humna dhabuu quncee osoo hin taane walitti dabalamuun yoo waliin taate Arba cimaadha jedhamee yaadamu illee qabdee hidhuu akka dandeessuufi tokkummaan ilma namaaf hangam dhimma barbaachisaafi faayidaa guddaa fiduu danda’u tokkummaafi walooma ibsuuf fakkeenya guddaa ta’uu danda’aniidha jedhuun nuuf eereera.
“Akka yaada kiyyaatti tokkummaa cimsuufi jaalala leellisuu keessatti shoorri afoolaa daran guddaadha” jechuun yaada isaa kan nuuf qoode ammoo Barataa Hawweeraa Dinqisiisaatti “Tokko Dhiisu gabaan wal nagaddi mammaaksi jedhu,walooma cimsuu keessatti qaamni yaada garagaraafi fedhiin isaanii adda adda tahewaliin jireenya isaanii cimsuuf jecha yeroo isaan dantaa dhuunfaa isaanii dhiisanii waloomaaf dursa kennu kan argisiisudha. ‘’walii galan alaa galan” yaadni jedhus keessumatti dhimmoota yeroo har’a biyya keenya keessatti rakkoo ta’aa jiraniif furmaata fiduu mammaaksa danda’udha jedha barataan kun.
Dabalataanis conceen walitti dhuftee Garba taati, mammaaksonni jedhaman miira tokkummaan waan hin danda’amne, gara ni danda’amaatti fiduun akka danda’amu dhimmoota haala salphaan afoola hawaasaan darbaa nurra ga’an kanneen tokkummaa leellisanidha jedha barataa Hawweeraan. Akka yaada barattoota kanaattis, yeroo har’aa kana sababoota adda addaan afoola kanatti gargaaramuun hafaa jiraachuu nuuf eeraniiru. Yeroo duriifi dhaloota amma jiran gidduuttis itti fayyadamni afoolota kanneeni haalaan gadi bu’aa ta’uufi keessumaa maatiin ijoollee irraa eegaluun hanga mana barnootaa sadarkaa olaanootti fuulleeffachuun hojjetamuu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru. Dhugumaatti, afoolli afaaniin daddarbaa, faayidaa guddaa buusaa har’a nu bira kan gahe, afoola hawaasaa kana irratti qaamni hundi irratti hojjechuu qabaanis dhaamsa Barruu keenya har’aati.
Surraa Iddoosaatiin