Waqtii Fayyaa Ofii Eeggachuun Itti Barbaachisu

Qonnaan bultootaafi horsiiseWaqtii Fayyaa Ofii Eeggachuun Itti Barbaachisu
Qonnaan bultootaafi horsiise bultoota biratti waqtiin gannaa waqtiilee jiran keessaa hundaa olitti waqtii filatamaa ta’uunsaa beekamaadha. Sababni isaa qonna qotuun ooyiruurratti sanyiiwwan garagaraa yeroo itti facaafatanii jreenya egeree itti abdataniifi roobni robee marga waan biqilchuuf loowwan isaanii yeroo itti marga gahaa argatan waan ta’eefidha.

Dhufaatiin waqtii gannaa dhimma ijoo olitti kaasneef barbaachisaa akkuma ta’e faallaa kanaatiin ammoo sababa rooba gannaatiin bakkaa bakkatti kuufamuu haroowwan xixiqqoofi eegamuu dhabuu qulqullina naannoo hordofee dhukkuboonni garagaraa bishaaniin walqabatanii mudatan yeroo itti baay’atan waan ta’eef of eeggannoon barbaachisaa taasifamuu yoo baate fayyaan hawaasaa waqtii itti hubamuudha. Kanaafuu, dhukkuboota bishaaniif qulqullina naannoon walqabatanii dhufan qolachuuf qaamolee dhimmichi ilaallatuufi qooda fudhattoota biroo irraa yeroo kamuu caalaa gahee guddaa bahachuun waan irraa eegamudha.

Jiraattuun aanaa Arxummaa Fursii ganda Caffaa Roobiit aadde Miskuu Umar, dhukkuboota yeroo gannaan walqabatanii dhufuu malaniin walqabatee ogeessota fayyaa irraa hubannoo of eeggannoo dursaa argachuu himaniiru. Ofiifi maatii isaanii dhukkuba busaa irraa eeguuf saaphana siree haalaan fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru. Duula bakkeewwan walhormaata bookee buusaaf mijaawoo ta’an kanneen akka haroowwan xixiqqoo maqsuufi citaa haamuu irratti hirmaachuu kaasanii, dhukkuboota bishaan irraa dhufan jalaa ooluuf mana isaanii keessatti bishaan dhugaatii keemikaalaan wallaanuufi danfisuun dhuguun baratamaa ta’uusaa eeraniiru. “Ollaa koo waliin walgargaarree naannoo keenya qulqulleessuun dhukkuboota waqtii gannaa hordofanii dhufan irraa of eegaa jirra’’ jedhaniiru.

Qulqullinni dhuunfaafi naannoo eeguun waqtii gannaa qofa osoo hin taane, barsiifata yeroo hundaafi aadeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
‘’Dhukkuboota kanneen ittisuuf balfa gubuun, mana booliitti fayyadamuuniifi naannoo qulqulleessuun dirqama ta’uu qaba’’ kan jedhan aadde Miskuun, dhibamanii mana yaalaa deemuurra dursanii of eeggachuun faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru. Waajjira Fayyaa aanaa Arxummaa Fursiitti abbaa adeemsa hojii ittisa balaa fayyaa hawaasaa Ahimad Xolahaa, hawaasni j’oota gannaa keessa rakkoolee fayyaaf kan nama saaxilan dhukkuboota daddarboo bishaaniin dhufan ofirraa ittisuuf qulqullina dhuunfaafi naannoosaa eegachuu qaba” jedhaniiru.

Waqtii gannaa dhukkuboonni daddarboo kanneen akka busaa, koleeraafi gifiraa yeroo itti mudatan ta’uu kaasaniiru. Sadarkaa aanichaatti gandoota garagaraa irraa waliigalan Qarmammeewwan Fayyaa 24 qabaachuu kan himan obbo Ahimad, ogeessonni achirra jiran dhukkuboota waqtii gannaan dhufaniin hawaasni akka hin hubamneef hubannoo uumuun cinatti hawaasicha hirmaachisuun duulli qulqullina naannoo eeguu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. ”Qulqullina dhuunfaafi naannoo eeguu, bo’ii bishaanii cufaman banuu, bakka haroowwan xixiqqoofi lolaan ciisu akka yaa’u taasisuufi qulqulleessuun dhukkuboota bishaaniin daddarban ittisuun ni danda’ama” jedhaniiru. Hojiin naannoo duulaan qulqulleessuu ganda Cirrattiifi Caffaa irratti hirmaannaa hawaasaan hojjetamuu kaasaniiru. Gandoota hafan keessattis walduraa duubaan hojiichi kan ittifufu ta’a jedhaniiru.

Akkasaan jedhanitti, hubannoo jiraattotaa guddisuun dhukkuboota daddarboo dursanii ittisuuf gandoota aanichaa 27 keessatti koreen dhimma kanaaf hundaa’e ramadamee sochii taasisaa jira. Korichi jiraattonni bishaan dhugaatii yaaluufi danfisanii dhuguu, fayyadamiinsa mana booliifi qulqullina irratti hubannoo kan kennan ta’uu abbaan adeemsaa kun hubachiisaniiru. Dabaluun dhukkuba busaa ittisuuf bakka walhormaata bookee busaaf mijaawaa ta’e dhabamsiisuufi hojiin kemikaalaa biifuu akkasuma saaphana siree sirriitti fayyadamuun walqabatee korichi hojjetaa jiraachuu himaniru.

Abbaan Adeemsaa kun hawaasni haalaan naannoosaa akka qulqulleessuuf hordoffiin taasifamaa waan jiruuf dhukkuboota waqtii gannaa qolachuuf fala sirrii ta’uusaa himaniiru. Obbo Ahimad gandoota aanichatti duraan dhukkubni busaa babal’achaa turuu eeranii, dhukkubicha qolachuuf hojii hojjetameen ammatti hir’achaa dhufuusaa himaniiru. Jiraattonni aanichaa, dhukkuboota kana ittisuuf qulqullina dhuunfaafi naannoo eeguuf yaalii taasisaa jiru aadeffatee ciminaan itti fufu akka qabu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo