Carraaqqii Rakkoo Kenniinsa Tajaajilaa Furuuf Taasifamaa Jiru

Rakkoon kenninsa tajaajilaa waajjiraalee mootummaa hedduu biratti kan mul’atu ta’us waajjiraalee hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay’atu biratti akka hammaatu ni ibsama. Biyya tokko keessatti Mootummaan filannoo uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta’e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti.

Hoggantootni mootummaa yeroo isaan gara angootti  dhufan hawaasa isaaniif tajaajila barbaachisu kennudhaaf waadaa ni galu. Kanaanis, hawaasni ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun waajjiraalee mootummaa sadarkaan jiran irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga isaati jedhame amanama.  Haata’u malee dhaabbilee mootummaa hedduu keessatti  rakkoon kenninsa tajaajila baay’inaan kan mul’atudha. Lammiileen dhimmoota garaagaraa raawwachiisuuf gara waajjiraalee mootummaatti yeroo isaan  deddebi’an ni mul’tu. Tajaajila saffisaafi si’aawa ta’e  dhabanii kan komii kaasanis salphaa miti.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti,   jiraata aanaa Dawwee Harawaa kan ta’an obbo Indiris Hasan                                                        dhaabbileen mootummaa tajaajila gaarii kennan akkuma jiraniitti, kanneen uummata isaanii qixa sirriin hin tajaajilles jiraachuu eraniiru. Keessumaa hojjettootni dhaabbilee tokko tokko keessatti,  yeroo hojii kabajuu dhabuu, abbaa dhimmaa hanga irraa eegamuutti tajaajiluu dhabuu, dhimma guyyaa tokkotti raawwatamu danda’uuf bellamaan deddebisuun jiraachuu dubbataniiru. Teknoloojii fayyaadamuun tajaajila saffisaa kennuu irratti hanqinni jiraachuus himaniiru.  Keessumaa dhaabbilee fayyaafi mana murtii keessatti rakkoon guddaan jiraachuu himaniiru.

Jiraataan magaalaa kamisee inni biroon Ahmad Bashiir, gamsaaniin haala kenninsa tajaajila waliin walqabatee rakkoo kan ta’e hojjetaan yeroo hojii kabajuu dhabuudha jechuun yaada obbo Indiriis kaasan qooddattu. Sababa namoota yeroo hin  kabajneen abbaan dhimmaa  yeroo rakkatu akka mul’atu dubbataniiru.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti,  kenniinsa tajaajila dhaabbiileen mootummaa kennaa jiran fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha siviilsarvisii bulchiinsa sablammii Oromootti dursaan garee bulchiinsa qabeenya namaafi yeroo,  obbo Aliyyii  Iswaalii himaniiru. Rakkoon kenniinsa tajaajila dhaabbilee garaagara keessatti darbee darbee mul’atu sirreessuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

waajjiraalee abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama waajjirichaa qabu bu’uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban hubachisaniiru. Hojiiwwan gama hundaan hojjetaman tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta’een yoo hin deeggaramiin bu’aa qabeessa ta’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.

kenniinsa tajaajila dhaabbiileen mootummaa  uummataaf kennaa jiran hordofuun gahee siivil sarviisii  isa ijoo ta’uu himanii, adeemsa kana milkeessuufis gareen rifoormii,  akka bulchiinsa sablammichaa, aanootaafi bulchiinsa magaalootaatti  hundeeffame hojjechaa  jiraachuu ibsaniiru. Gareen kunis dhaabbilee mootummaaf deeggarsaafi hordoffii taasisuu, haala kenniinsa tajaajila isaaniitiin dhaabbilee dorgomsisuun sadarkaa baasuu, rakkoolee furamaniifi hin furamne adda baasuun kallattii furmaata kan kennu ta’u dubbataniiru. Hojjetaan mootummaa tokko sa’aatii saddeet hojjechuun hawaasa isaa tajaajiluuf dirqama qaba jedhaniiru.

Gurmiin kan too’atus seektara seektaraan hundaa’uun hojjechaa akka jiru kan ibsan obbo Aliyyiin, gurmiiwwan kun bakka ramadamanitti, dhaabbilee garaagaraa keessatti sagantaa baafatani sakata’insa tasaa  taasisuuniifi daawwachuun hojjettoota hojiirra jiraniif hin jirre adda baasuun ragaa qabachuun akka ol gabaasan ni taasisu jedhaniiru.  Kanaanis rakkooleen adda addaa dhaabbiile muraasa keessatti akka jiran mirkaneessuu ibsaniiru. Hoggantootnifi ogessootni barfatanii seenuu, yeroo malee bahuun dhaabbilee muraasa keessa mul’ataniiru jechuun ibsaniiru.

‘’Ogeesootni adda addaa sababoota garaagaraa tarreessuun, osoo yeroon hin gahiin seenanii bahuun bakka tokko tokkotti mul’atera’’ kan jedhan obbo Aliyyiin,  kana immoo hojii deeggarsaafi hordoffii akka gareetti qopheessuun duub deebii kennuudhaan rakkichi akka furmaata argatu taasisuun danda’amu ibsaniiru. Ogeessootni qajeelfama siivil sarviisiin kaa’e bu’uura godhachuun sa’aatii saddeet tajaajila si’aata akka kennaniif hordooffiin cimaan taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.  Hojjetaan sababa adda addaan akka hojiirra  hin hafne,  sirna to’annoo dijitaalaa ta’e fayyadamuun yeroo seenaniifi bahan ashaaraa tuqaniin akka darban taasifamaa jiraachuu himaniiru.

“Hoggantootaafi ogeessoota kennaa tajaajila irratti rakkoo qabaniifis gorsaafi leenjii kennuun akka of sirreessan taasisa jirra” jedhaniiru. Ogeessota of hin sirreesine irrattis tarkaanffiin seeraa ni fudhatama jedhaniiru. Araada waliin wal qabatees hojiirraa irraa yeroo malee bahuun, ogeessota mursaa biratti kan mul’atu ta’uu himaniiru.

Hoggansaafi ogeessa itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa daddeebisuu, maamiltootaaf kabaja hin kennine tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa burjaajeesu irratti dambi hojjettoota labsii 253/2010 irratti hundaa’un addabbiin kan kennamu ta’u himaniiru. Kana waliin walqabatee, akka qajeelcha bulchinsa sablammii Oromootti  hojjetaan tokko tajaajilamtootarraa yeroo mallaqaa fudhatu qabamee hojiirraa ari’aamuu yaadachisaniiru. Kanaan alattis teknoloojii fayyadamuun,  tajaajila haqa qabeessaafi si’ata dijitaalaayizeshinii ta’e kennuuf jalqabbiin gaarii jiraatuus hanqina qabeenyaafi humni namaa baratee qormaata ta’uu hubachisaniiru.

Akka waliigalaatti, rakkoon kenniinsa tajaajilaa, qaama mootummaa qofaan furamuu waan hin dandeenyeef akkasumas sirni itti gaafatamummaa hojiira oolfamu bu’aa qabeessa akka ta’uuf abbootii dhimmaa dabalatee, tumsa qaama hundaa kan barbaaduu ta’uu himaniiru. Kanaaf, “hawaasni keenya yeroo tajaajila argachuuf gara waajjiraaleetti deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirga isaa kabachiisuun cinatti, qaamota haqa uummataa dabsan saaxiluun ga’ee isarraa eegamu bahuu qaba jedhaniiru. Hawaasni koomii qabu kamiyyuu galmee yaadaafi saanduqa yaadaa irratti dhiheessuu akka danda’u hubachiisaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo