Guddinaafi misooma biyya tokkootiif nageenyi waan hunda caalaa murteessaadha. Bilisummaan bahanii galuuf, bakka barbaadan jiraachuufi hojjetanii jijjiiramuuf gatiin nageenya maalumaanuu hin shallagamu; sadarkaafi safartuus hin qabu. Guddina nama dhuunfaarraa eegalee hanga misooma biyyaatti abdiifi mul’anni kamuu nageenya malee tasumaa milkaa’uu hin danda’u. Hojjetanii of danda’uufi imala guddinaa biyyattiin eegalte fixaan baasuufis nageenya ajandaa godhanii hojjechuun qaama hundarra kan eegamudha.
Qonnaan bulaan guutummaan guutuutti gara misooma isaa akka fula isaa fulleeffatu, barttootni barnoota isaanii bifa addaan hin cinneen itti fufsisuufi dhaabbiileen garaagaraas hojii isaanii haalaan akka raawwatan gochuuf nageenya irratti hojjechuun dhimma filannoof hin dhiyaannedha. Kanaafidha nageenyi bu’uura waan hundaati kan jedhamu. Rakkooleen nageenya baroottan darban naannoolee garaagaraatti mudatan akka biyyaa gatii guddaa nu kaffalchisa jiru.
Fullee gaarii biyyattiin sadarkaa addunyaafi Afrikaatti qabduus rakkoon nageenyaa kun akka jijjiramu kan taasisuudha. Keessumaa rakkooleen nageenya naannoolee Amaaraafi Oromiyaatti mudatan miidhaa namoomaa, dinagdeefi hawaasummaa dhaqqabsisaniiru. Ka’umsa rakkoolee hundeerraan adda baasuun saffisaan furmaata kennuu dhabuuniifi kutannoo qabaachuu dhabuun immoo rakkicha hammaataa taasisuu ni himama.
Naannoo Amaaraa rakkoo nageenya mudate keessaa baasuun, hojiilee misoomaa, hawaasummaafi hojiilee bulchiinsa gaarii sadarkaa guutuun hojiirrra oolchuuf mariin dhimma nageenyarratti xiyyeeffate yeroo adda addaatti taasifameera. Kanaanis qaamoleen hidhatanii socho’an hedduun karaa nagaan galaa jiru. Kanneen waamicha mootummaan taasise fudhachuu didan irrattis mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuu fudhachuun naannicha keessatti nageenya mirkaneessuuf hojjechuurratti argama. Kanaanis naannicha keessatti nageenyi fooyya’aan argamuu jiraattootni bulchinsaa sablammii oromoo aanaa jillee dhummugaa mirkaneessaniiru.
Nageenyi uummata hirmaachise, itti fufiinsa kan qabuufi abdachiisaadha. Hawaasni tokko qaama mootummaa nageenya egsisu waliin qindominaan kan hojjetu yoo ta’e qaamoleen farra nageenyaa ta’an iddoon itti seenan hin jiru. Kanaaf yoomiyyuu taanaan nageenya waaraa fiduuf hawaasicha hirmaachisuun furtuudha.
Obbo Mohaammad Arbiyyeen jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jillee Dhummugaati. Haalli nageenya aanicha keessa jiru yeroo ammaa daran fooyya’aa ta’uu dubbataniiru. Rakkoo nageenya naannawichatti yeroo mudatu, abbootii amantaa, jaarsoolii biyyaa, abbootii gadaafi qaama mootummaa waliin mari’achuun yeroo gabaabaa keessatti akka furmaata argatan gochuu keessatti muxannoo gaariin jiraachuu dubbataniiru.
Sababa rakkoo nageenyaan miidhaan hawaasarra gahaa waan tureef, yeroo ammaa hawaasni aanichaa tokkummaa isaa cimsee nageenya isaa miraneessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaan dura qonnaan bulaan rakkoo nageenyaa mudateen misoomarraa fagaatee ture kan jedhan obbo Mohaammad, yeroo ammaa nageenya fooyya’aa argame fayyadamuun, lafa isaa qotuun oomishaawwan adda addaan uwwisaa jiraachuu himaniiru. Lafti waggoottan darban sababa rakkoo nageenyaatiin hin qotamiin turees yeroo ammaa misoomaa jiraachuu himaniiru. Daandileen kanaan dura sababa garaagaraan yeroo tokko tokko cufamaa turanis yeroo ammaa tajaajilaa guutuu ta’e kennaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Yeroo ammaa qonnaan bulaan bifa tasgabba’aa ta’een hojii isaa irratti xiyyeeffate hojjechaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru. Nageenya amma argatan waaressuufis qaamolee nageenyaa waliin akka hojjetan jiraataan kun ibsaniiru.
Bulchaan olaanaa aanaa Jillee Dhummugaa, obbo Alii Sayid, hojii ijaarsa nageenya uummataa hirmaachisuun hojjetameen aanichatti nageenyi foyya’aan yeroo kamiyyuu caalaa argamu dubbataniiru. Nageenya keessoo alseerummaa waliin kan walqabatuu, sochii hidhattootni Shanee taasisaa jiraniifi nageenya ollaa naannawa daangaa jiru irratti qorannoo taasisuun hojii gadi fageenyaan uummata hirmaachisuun hojjatameen nageenyi fooyya’aan dhufuu danda’era jedhaniiru.
‘’Hojiin alseerummaa gama adda addaan hojjeetamu yeroo hammaataa deemu tajaajilamtootni mufachuun gara finxaaleessummaatti akka deeman karaa bana’’ kan jedhan bulchaa olaanaan kun, gochi akkanaa akka hin taaneef immoo qaamolee hojii seeraan alaa irratti bobba’an, hordoffiifi tarkaanfiin barbaachisu fudhachuun sirreessaa jiraachuu dubbataniiru. Aanaan isaanii Affaariifi Shawaa Kaabaa waliin kan wal daangeessuu ta’uun wal qabatee sochii finxaaleeyyiif saaxilamaa ta’u kan himan obbo Aliin, qaamoleen callisaafi uummatni akka waltumsani hojjetan taasisuun qolachuun danda’amuu hubachisaniiru.
Hidhattootni seeraan alaa gandoota aanichaa shan keessatti sochii taasisaa turanis, hawaasni dammaquun tokko ta’ee humnoota badii kana ofiirraa saaxiluun qolchuu danda’era jedhaniiru. Hidhattootni kun gidaaraa uummata ofiirratti akka raawwachaa turan uummatni hundi waan beekuuf, gurmiin hawaasaa, abbootiin amantaa, jaarsooliin biyyaafi gurmiin abbaa dhiiraa kan aadaa aanicha keessatti beekamu, kan dhiira yookiin hidhattoota kan bobbaasuufi caasaan nageenyaa waliin qindoomuun hojii boonsaa hojjetaniin gandoota shanan irraa bilisa baasuu danda’amuu dubbataniiru.
Hojii sabqunnamtii hawaasa bal’aa hirmaachisuun hojjetameen qaamoleen hidhatanii karaa seeraan alaa socho’aa turan lakkoofsaan 100 ol ta’an waamicha taasifameen karaa nagaan seenuu isaanii himaniiru. Hawaasa dadammaqsuun halkaniifi guyyaa sodaa tokko malee hidhattoota shanee irratti tarkaanffi fudhachuun garee badii kana aanicha keessaa qululleessuu dandeenyeera” jedhaniiru. Kanaanis loote seentootaan alaatti aanichatti humnoota hidhatanii socho’an guutummaan guutuutti qulqulleessuu ibsaniiru. “Yeroo ammaas aanicha keessatti nageenyi amansisaan bu’uu qorannoo keenyaan mirkaneessineera” jedhaniiru.
Godinoota ollaa waliin baroottan shanan darban walitti bu’insi darbee darbee mudataa turuu kan kaasan obbo Aliin, bara kana garuu marii bal’aa uummattoota lamaan walitti fiduuf hojjetameen naannawichatti walitti bu’insa uumamuu danda’u hambisuun danda’amuu himaniiru. Kanaan dura maqaa adda addaa waliif baasuun kan walitti bu’aa turan, yeroo ammaa sun hafe obbolummaa gaariin uumamuu ibsaniiru. Kanaanis jijjiramni guddaan argamuu himaniiru.
Lafti sababa walitti bu’insaan misoomaa hin turre, yeroo ammaa misoomaa jiraachuu himaniiru. Qonnaan bulaan diinagdee sababa adda addaan kufe kaasuuf nageenya argame kana fayyadamee xiqiin hojjechaa jiraachuu bulchaan olaanaa aanichaa hubachiisaniiru. Nageenya argame kana waareessuufis hoggansi sadarkaan jiru of eeggannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Taateewwan kanaan dura darban kaasuu dhiisani waliin hojjechuu, waliin guddachuu, waliin jiraachuufi misoomuurratti xiyyeeffannoo taasisanii hojjechuutu barbaachisa jechuun hubachisaniiru. Qaamolee walitti bu’insa sabaa fiduuf hojjetan jiraachuu kan kaasan obbo Aliin, qaamolee kanneen irratti hojiin olaantummaa seeraa kabchisu mirkaneessuufi tokko ta’anii firummaa cimsuun qolachuun barbaachisaa ta’u gorsaniiru.