Magaalaan Kamisee akkuma magaalota biyyattii kanneen biroo yeroodhaa yerootti saffisaan babal’achuutti argamti. Babal’inni magaalattiif uwwisni bu’uuraalee misoomaa ishee walgituu dhabuun akka muka Qilxuu dhagaa irratti biqilee hamma guddachuu qabdu akka hin guddanneef danqaa itti ta’aa turuu keessa beektonni waa’ee magaalattii beekaan qeeqa akkasii dhiheessu. Haata’u malee, baroota dhihoo asitti hawwattummaa magaalattii daran dabaluuf carraaqqiin guddaa taasifamaa jiru seenaa fuullee magaalattii jijjiiraa jira. Gaaffiilee jiraattonni magaalattii yeroo dheeraaf bu’uuraalee misoomaan walqabsiisanii kaasaa turan keessaa daandiin keessoo keessoo ganda Laaftoo (01)fi ganda Mata-horoo (02) isaan muraasaa yoo ta’an, bara baajataa kanatti ijaaramanii xumuramuun gaaffii jiraattootaa yeroo dheeraa keessaa turan gariin deebi’aa jiraachuu mirkaneeffanneerra.
Jiraataan magaalaa Kamisee, obbo Ahimad Bashir, Kamiseen wiirtuu bulchiinsichaa taatus guddinniifi hawwattummaan ishee garuu madaalawaa ta’uu dhabuu himaniiru. Haata’u malee, hojiin waggoota lamaa asitti qulqullinaafi hawwattummaa magaalattii dabaluuf hojjetamaa jiran kan baroota darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu fooyyee qabaachuu dubbataniiru. Magaalattiitti, daandiin ganda Laaftoofi Mata-Horoo baay’ee rakkisaa ta’uu isaan walqabatee daandiin keessoo keessoo akka barbaachisu gaafachaa turuu eeranii, yeroo ammaa gandoota lamaan keessatti haala gaarii ta’een hojjetamee jiraachuu himaniiru. Daandiiwwan keessoo keessoo dabalatee bakkeewwan magariisaa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran sadarkaa gaarii irratti argamu kan jedhan jiraataan kun, hojiin bu’uuraalee misoomaa garagaraa hawwattummaa fuullee magaalattii kan dabalan ta’uu dubbataniiru. ‘’Magaalaa ofii kan bareechatu jiraataadhuma magaalattii malee qaamni biroon hinjiru’’ kan jedhan obbo Ahmad, gama isaaniin hojiilee misoomaa magaalaa Kamisee keessatti taasifamaa jiranirratti dammaqinaan hirmaachaa turuufi jiraachuu addeessaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Bulchiinsa magaalaa Kamisee, Ismaa’il Naasir, miidhaginaafi qulqullina guddina magaalaa Kamisee dabaluuf sochii guddaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Barana daandiiwwan keessoo keessoo magaalattii dabalatee hojiin waliigalaa bu’uraalee misoomaa dameewwan garagaraatiin jiran birrii miliyoona 174 oliin magaalattii keessatti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Daandiiwwan keessoo keessoo bareechuun walqabatee hanqinni guddaan kan ture ta’uu kaasanii, kanneen xiyyeeffannaa addaa barbaadaniif dursa kennuun bara baraan hojjetanii jiraachuu eeraniiru. Gaaffiiwwan daandii magaalattii keessoo suphuu, bal’isuufi bareechuun jiraattotarraa ka’aa turan dhawaataan deebisaa akka jiranis kaasaniiru. Magaalattii keessatti yeroo bonaa dhukkeen ganna immoo dhoqqeefi lolaa hamaatiin jiraattota rakkkisaa kan ture daandiin ganda Laaftoo(01) fi ganda Mata-horoo (02) daandiin keessoo keessoo dhagaa bareedinaan hojjetamuun xumuramanii jiraachuu eeraniiru.
”Barana ganda Laaftootti daandii keessoo keessoo meetira 400 dhagaa bareedinaan akkasuma riqaalee ce’isaa lamaafi bo’oo lolaa qarqara daandii meetira 400 hojjenneerra” jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, ganda Mata-horoo keessatti daandiin keessoo keessoo meetirri 390 ta’uufi riqaaleen ce’isaa sadii ijaaramaniiru. Daandiiwwan gandoota lamaan keessatti hojjetaman baajata mootummaa birrii miliyoona 20 oliin kan ijaaraman ta’uusaanii himaniiru. Daandiin amma hojjetame gaaffii baroota dheeraa jiraattotaa ta’uu eeranii, sochi waqtiilee bonaafi gannaa dhukkeefi lolaan walqabatee yaaddoon jiraattonni kaasaa turan furamee jiraachuu dubbataniiru.
Dabaluun, ”magaalaa jiraattotaaf mijattuufi hawwattuu taate uumuuf misooma koriidarii marsaa duraan daandii kilomeetira tokko tuqaa tokko daandii bitaafi mirgaan jiru, ‘teeraazooniin’ haguugamaa jira” jedhaniiru. Obbo Ismaa’il, koriidarichi daandii biskilitaafi lafoo, ibsaawwan galgala ifaniifi iddoo magariisaa aara-galfiif oolu danda’u teessoowwan 20 kan qabu ofkeessatti hammatee jiraachuu eeraniiru. Itti gaafatamichi, hojii Teeraazooniin haguuguu irratti dargaggonni magaalattii hoji-maleeyyii ta’an 48 hirmaatanii jiraachuu eeranii, kanaanis carraa hojii ittiin argachuu bira darbanii muuxannoo hojii horachuu danda’uu isaanii dubbataniiru. Miidhagina magaalattii daraan dabaluuf dirree ispoortii dheerina meetira 48 fi roga cinaatiin meetira 28 bal’atu irratti dirreen ispoortii guyyaas ta’e galgala tajaajiluu danda’u ijaaramaa akka jiru himaniiru. Akka isaan jedhanitti, hojii misooma koriidariifi dirree ispoortii kanatti birriin miliyoona 25 baasii ta’eera.
Haaluma kanaan, barjaa(Tappellaa) seensa magaalattii sadarkaa isaa eeggate kan ”Baga Nagaan Gara magaalaa Kamiseetti Dhuftan” jedhu muuxannoo magaalota Oromiyaa irraa argataniin haala miidhagaa ta’een hojjetanii seensa magaalattii irra dhaabuuf hojiitti jiraachuu tuqaniiru. ‘’Magaalattiin magaalaa giggu-galeettidha’’ kan jedhan itti gaafatamichi, hawwattummaashee gara sadarkaa olaanaatti tarkaanfachisuuf yeroo kamuu caalaa qooda fudhattoota biroo waliin qindaa’uun ciminaan kan hojjetan ta’uu hubachiisaniiru.