Garee Biyyaalessaa Dorgomaa Uumuuf  Xiyyeeffannoon Kennamaa Jira

 

Itoophiyaan dorgommii Waancaa Afrikaa hundeessuu keessatti qooda guddaa kan gumaachite ta’uun ni yaadatama. Biyyattiin Waancaa Afrikaa yeroo sadii kan qopheessite yoo ta’u, erga bara 1976 as garuu qopheessuuf carraa hin arganne. Haata’u malee, Itoophiyaan bara 2029 tti Waancaa Afrikaa keessummeessuuf fedhiifi qophii qabaachuu ishee hoggantoota CAF’f yaa’ii taa’amerratti gaaffii dhiheessiteetti. Itoophiyaan dirree sadarkaa ‘FIFA’ guutuu waan hin qabneef tapha silaa dirree ofiirratti taphachuu qabdu biyya ormaatti deggaraa malee taphachuu ammayyu itti fuftee jirti.

Sochiin dhiheenya taasifamaa jiru rakkoo kana furuu irratti waan xiyyeeffatu fakkaata. Tibbana qaama waancaa Afrikaa 2029 keessummeessuu kan ta’e hojii garee biyyaalessaa cimaa ijaaruu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera. Kunis kan ta’e ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan ALA bara 2029 waancaa Afrikaa keessummeessuuf karoora qabaachuushee ibsuun isaaniitiin boodattidha. Kanuma hordofuun qaama dhimmi ilaaluuf ifatti gaaffii dhiyeessuun ishee ni yaadatama. Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaan saayinsii Ispoortii Damis Gaashuu (Dr.) gareen biyyaalessaa Itoophiyaa bu’uura irraa rakkoo qabaachuu isaa himaniiru.

“Leenjistoonni garee biyyaalessaa dandeettii tapha guyyaa guyyaa xiinxaluu hin qaban, ciminaafi dadhabina garee morkataa addaan hin baasan, karoora tapha adda addaa diizzaayinii taasisu irratti hanqina qabu” jedhaniiru. Taphattoota tapha sanaaf mijatan adda baasuu dhabuunis madda rakkoo injifatamuu garichaa ta’uu kaasaniiru. Doktar Damis “akkaataa federeeshiniin kubbaa miilaa biyyaalessaa leenjistoota garee biyyaalessaa itti qacaru dogoggora, kanas bu’aa gadaanaa gareen biyyaalessaa galmeesseerraa hubachuun ni danda’ama. Rakkoon leenjistoota gidduutti akka gareetti hojjechuu dhabuus rakkoo taphattoota biratti ifatti mul’atudha” jedhaniiru.Kilaboota gurguddoo keessatti leenjistoonni bu’aa gaarii hin argamsiisne leenjistoota biroon dafanii kan bakka bu’an ta’uu dubbataniiru.

Barsiisaan saayinsii ispoortii kun akka himanitti qacarriin taphattootaas ta’e leenjistootaa dandeettii taphattootaa irratti kan xiyyeeffate miti. “Kubbaan miilaa biyyattii guddisuuf dubartootaafi dargaggoota irratti hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Bu’aa yeroof barbaaduu irra ispoorteessitoota leenji’an oomishuun bu’uura kubbaa miilaa biyyattii dhagaa jabaa irratti ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee garee biyyaalessaa dorgomaa ijaaruuf gama qophiitiin wantoota hojjetamaa jiran hogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Baahiruu Xilaahun ibsaniiru. Gaaffii dhiyaate hordofuun federeeshinichi hojiilee baay’ee raawwachaa jiraachuu ibsanii, keessumaa karoora biyyattiin waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf qabdurratti hundaa’uun qophii cimaan taasifamaa jiraachuufi garee biyyaalessaa dorgomaafi bu’a qabeessa ta’e ijaaruuf xiyyeeffannaan addaa kennamee sochiitti seenamee jiraachuu eeraniiru.

Inisheetiviifi pirojektoonni haaraan keessumaa guddattootarratti xiyyeeffatan hojiirra ooluu eegalamuus ibsaniiru. Kanneen keessaas pirojaktii “Road to 2029” jedhamu guddattoota abdatamaniifi humna cimaa qaban filachuun madaalliifi leenjii akka argataniif gara kaampii biyyaalessaatti erguun jalqabamuu dubbataniiru. Hanga ammaatti guddattoonni 40 Giddugala Gahumsaa ‘CAF’ seenuun leenji’aa jiraachuu kaasanii, gara fuulduraattis guddattoonni gahumsa qaban naannolee adda addarraa filatamanii akka itti dabalaman himaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite yoo fudhatama argate kubbaa miilaa biyyattii haaressuu qofa osoo hintaane bu’uuraalee ispoortii barbaachisoo ta’an ijaaruu keessattis gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo