Hulaan Hormuz Yoo Cufame Addunyaarratti Dhiibbaa Akkamiitu Uumamuu Danda’a?

 

Waraanni Israa’eliifi Iraan giddutti baname addunyaa keenya sodaa keessa galcheera. Hulaan Hormuz hulaa Iraaniifi Omaan gidduu jirudha. Seensaafi bahuun isaa naannoo kiilomeetira 50 kan bal’atu yoo ta’u, gidduu keessaan ammoo gara kilomeetira 40 kan ta’udha. Haata’u malee, hulaan kun gadi fageenya kan qabu yoo ta’u, dooniiwwan gurguddoo darbuu kan danda’an kutaasaa giddugaleessa keessaan qofadha. Wal haleellaan misaa’elaa tibbana Israa’eliifi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru yaaddoo tarii hulaa murteessaa ittiin boba’aan darbu Hulaa Hormuz cufuu dandeessi jedhu kaaseera. Boba’aa addunyaa harka shan keessaa harka tokko kan ta’u karaa hulaa qarqara galaanaa dhiphoo bal’ina kilomeetira 40 qabuu kana keessaan darba. Iraan hulaa kana cufuuf yaaduu dandeessi jedhan ajajaan humna galaanaa biyyatti. Akkasumas itti gaafatamaan dhaabbata basaasaa UK duraanii, Sar Aleeks Yaangar akka himanitti, haalli hamaan yoo dhufe chaanaaliichi cufamuu danda’a.

“Dhiibbaa cufamuun hulaa kanaan gatii boba’aa irratti qabu yoo ilaalle, hulicha cufuun rakkoo dinagdee hamaa ta’uun isaa ifaadha.” jedhaniiru. Bulchiinsi Odeeffannoo Annisaa Ameerikaa walakkeessaa jalqabaa bara 2023tti, guyyaatti boba’aan barmeela miliyoona 20 akka darbe tilmaamama. Kunis, waggaatti daldalli boba’aa gara doolaara biliyoona 600 ta’u hulaa galaanaa Hormuz kanarra kan darbu ta’uusaati. Rakkoon hulaa galaanaa kanarratti mudatu sadarkaa addunyaatti dhiheessii boba’aa irratti harkifannaa olaanaa hordofsiisuu danda’a.

Haata’u malee, xinxaltoonni yoo walitti bu’iinsi Israa’eliifi Iraan gidduu jiru kan itti cimaa adeemu ta’e, rakkoo cimaa qabaachu akka danda’u akeekkachiisu. Taankaroonni gara Galoo Galaana Pershiyaatti yeroo darban, karaa odola Tundii kan naannoo Iraaniifi biyyoota Arabaa gidduutti wal falmisiisaa ta’etti dhiheenyaan darbu. Qaamni dooniiwwan daldalaa karaa hulaa kanaatiin darban rakkoo itti uumuu yoo jiraatee tarkaanfiin waraanaa tilmaama keessa akka galuu dubbatu ogeessonni. Taateen akkasii kunis yeroo waraana Iraaniifi Iraaq kan bara akka lakkoofsa Awuroppaa bara 1980 hanga 1988 tti umamee ture. Iraan haala kamiin hulaa galaanaa cufuu malti?

 

Tajaajilli qorannoo kongirasii Ameerikaa bara 2012tti qorannoo taasiseen, Iraan hulaa kana cufuuf adeemsa harkifataa hordofuu dandeessi jedhe. Tibbana  waraana Iraaniifi Iraaqiitti Iraan dooniiwwan boba’aa fe’an irratti misaa’eloota fayyadamaa kan turte yoo ta’u, Galoo Galaanaa keessa ammoo fanjiiwwan kiyyeesite akka turte ni yaadatama. Fanjiiwwan sana keessaa tokko doonii ‘USS Samuel B Roberts’ jedhamu rukutee, waraanni Ameerikaa akka haaloo bahu taasiseera. Iraan guutummaatti cufuu kan dadhabde yoo ta’u, ta’us kaffaltii inshuraansii doonii haalaan ol kaaseera.

Ogeeyyiin akka tilmaamanitti, daandiiwwan Iraan bu’aa qabeessoon ittiin dooniiwwan 3,000 fi sanaan ol ta’an kanneen ji’a ji’aan daandii bishaanii kanarra imalan dhaabuuf dandeessisan keessaa tokko bidiruu haleellaa saffisaafi doonii bishaan jalaa fayyadamuun fanjiiwwan kaa’uu akka ta’u tilmaamaniiru. Humni galaanaa idilee Iraaniifi humni galaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) dooniiwwan waraanaa biyya alaafi dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa banuu danda’a. Haata’u malee, dooniiwwan waraanaa gurguddoon deebii kanaatiif haleellaa Ameerikaafi Israa’eliin xiyyeeffannaa ta’uu malu.

Chaayinaan biyyoota boba’aa hulaa Hormuz keessa darbu fayyadamtu keessaa tokkodha. Boba’aa kana keessaa harki guddaan Iraaniin gatii gabaa addunyaatiin gadi ta’een gurgurama. Innis sarara jireenyaa dinagdee murteessaa ta’eefi qoqqobbii Ameerikaa akka dandamtu Teehraan kan gargaarudha.  Beejiing gatiin boba’aa dabaluu ykn daandii doonii irratti addaan cituu umamuu kamiyyuu simachuun ishee hin oolu. Chaayinaan ulfaatina dippilomaasii ishee guutuutti fayyadamuudhaan daandii anniisaa barbaachisaa ta’e kana akka hin cufamneef gochuuf yaaduu dandeessi. Egaa akka ardii Afrikaatti yoo ilaalle, boba’aa  ofiin oomishuun balaa umamuu danda’urraa akka nama hanbisu hayyuleen yaada isaanii ni kaasu, oomishaan of danda’uun balaarraa qofa osoo hin taane hirkattummaarraas kan nama baraaru ta’uu isaati hayyuleen kunneen kan dubbatan.

Oduu

AMECO Hirkoo