Haala qabatamaa nageenya naannoo Amaaraa ilaalchisee biiroon nageenyaafi callisaa naannichaa, hidhattoota duraanii waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasiseera. Dhuma Adoolessaa bara 2015 irraa eegalee walitti bu’iinsa uumameen naannichatti miidhaan namoomaafi mancaatiin qabeenyaa dhaqqabeera. Naannichi rakkoo mudate keessaa akka bahuuf mootummaan irra deddeebiin waamicha nageenyaa dhiheessaa tureera. Gareewwan hidhatan baay’een nageenya filannoo taasifatanii fudhataniiru.
Hidhattoota filannoo nageenyaa fudhatan keessaa Ballaxa Andaargeen isa tokkodha. Waamicha mootummaan dhiheesse hordofee gara nageenyaatti dhufuu isaati kan ibse. Gara kutaa hawaasaatti erga makamee asitti haala gaarii irratti kan argamu ta’uu isaa dubbateera.
Dargaggoon kun waggoota lamaan darbanitti walitti bu’iinsa uumameen qabeenyi naannichaa manca’uusaafi dargaggoonni humna oomishaa lubbuu isaanii dhabaniiru jedheera. Walitti bu’iinsa babal’ateen miidhaa naannicha mudachuu danda’u hambisuuf gaaffileen jiran mariin deebii akka argataniif karaa nageenyaa filachuuf dirqamuu isaa himeera. Lammiileen biroo bosonatti argaman waamicha mootummaan dhiheesse fudhachuun gaaffilee isaanii karaa nagaan dhiheessuu akka qaban gorseera.
Itti gaafatamaan biiroo nageenyaafi callisaa naannoo Amaaraa Isheetuu Yasuuf (Dr.) waggoota lamaan darbanitti gareen hidhate gocha uggurraafi saamichaa raawwachaa tureera jedhaniiru. Galteewwan qonnaa saamuun qonnaan bultoonni akka isaan hin oomishneef danqaa turuu dubbataniiru. Barattoonni akka hin baranne taasisuun banaan adeemsa baruufi barsiisuu akka mudatuuf sababa ta’uusaanii kaasaniiru. Garichi, duudha hawaasichaa cabsuun jaarsolii biyyaa irratti sarbiinsa mirga namoomaa raawwachuu itti gaafatamichii himaniiru.
Mootummaan nageenya naannichaa mirkaneessuuf gareewwan waamicha nageenyaa hin fudhannerratti bakkeewwan gareewwan kunneen keessa socho’aa turan irratti tarkaanfii seera kabachiisuu fudhatameen nagaa taasisuun gara hojii idilee isaaniitti akka deebi’an taasifameera jedhaniiru. Hawaasichi gocha garichaa hubachaa dhufuun mootummaa cinaa hiriiree qabsoo taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Humnoonni waamicha nageenyaa fudhatan ammoo gaaffii isaanii karaa nagaan akka dhiheessaniif Kaawunsiliin nageenyaa naannichaa hundaa’ee hojjechaa turuu dubbataniiru.
Hojii hojjetameen hidhattonni baay’een karaa nagaa hordofuu kaasaniiru. Ammatti hidhattota karaa nagaa filataniif leenjii kennuuf qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Itti gaafatamichi, nageenya naannichaa mirkaneessuufi bulchiinsa gaarii lafa qabsiisuuf ammas xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichi gara nageenya idilee isaa duraatti akka deebi’uuf hunduu gaheesaa akka bahatus gaafataniiru.
Guddinaa Asaffaatiin