Galtee Qonnaa Yeroon Qonnaan Bulaa Biraan Gahuuf Hojjetamaa Jiraachuu Ibsame

 

Waqtii gannaa seenuun walqabatee qonnaan bulaan ooyiruu isaa qotee gosoota sanyii garaagaraan uuwwisuun, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jira. Naannoon Amaaraa haala mijataa hojii qonnaa gannaaf oolu hedduu kan qabudha.  Naannichi qonna Gannaa bara oomishaa 2017/18tiin lafa hektaara miliyoona 5.3 ol ta’u sanyiin uwwisuuf hojjechaa jiraachuu ragaan biiroo qonnaa naannicharraa argame ni mul’isa. Hanga ammaattis lafa hektaara miliyoona  3.6 ol ta’u qotamuu ibsameera.  Naannichatti qonnaan bulaan lafa isaa sanyiiwwan garaagaraan uwwisuun oomishaafi oomishtummaa isaa akka guddisuuf sanyii filatamaafi xaa’oo dhaqqabamaa taasisuuf hojjetamaaa jiraachuu biirichi beeksiseera. Qaamolee sanyii filatamaafi xaa’oo karaa seeraan alaa daddabarsan to’achuuf hojjechaa jiraachuus hubachiseera.

Naannoo  Amaaraatti bulchiinsi sablammii Oromoo bara oomishaa 2017/18ti lafa hektaara kuma 58 ol sanyii adda addaan uwwisuuf hojjechaa jiraachuu qajeelchi qonnaa bulchiinsa sablammichaa beeksiseera. Lafa oomishaaf karoorfame kanarratti oomisha gahaa ta’e sassaabuuf galteewwan qonnaa kanneen akka xaa’oofi sanyiin filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu qajeelchichi ibseera. Qonnaan bulaan nuti dubbisnees hir’inni roobaa bulchiinsa sablammichaatti mudachuu eeruun,  ooyiruu isaanii qotanii qopheessuun sanyiidhaan uwwisuuf rooba eeggachaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa  Indriis Hasan aanaa Dawaa Caffaatti jiraataa ganda Garbiiti. Oomishaawwan kanaan dura jallisiin misoomsaa turan sassaabuun, ooyiruu isaanii qonna gannaaf qopheessuun rooba eeggachaa jiraachuu himaniiru.

Haata’u malee bara kana hanqinni xaa’oo akka isaan mudateefi inni jirus gatiin isaa baay’ee qaala’e jechuun eeraniiru. Dhiyeessi sanyii filatamaan haala gahaa ta’een jiraatus, hanqinni  xaa’oon qormaata akka isaanitti ta’e dubbataniiru. Xaa’oon yeroodhaaf karaa waldaa hojii gamtaan raabsamaa jiraachuus, yeroon booda harka daldaltootaan seenu danda’a jechuun sodaa qaban kan ibsan qonnaan bulaa kun, kanaanis mootummaan of eeggannoo taasisuu qaba jedhaniiru.

Bulchiinsa sablammii Oromootti itti gaafatamtuun itti waamama  waajjira waldaa hojii gamtaa kan ta’an aadde  Kadijjaa Ahmad,  bara kana qonnaan bulaa fayyadamoo taasisuuf,  xaa’oon kuntaala kuma shantama bulchiinsa sablammichaaf eeyyemamuu dubbataniiru. Hanga ammaatti kuntaalaa kuma 40fi 396  bulchinsa sablammichaaf dhaqqabuu himaniiru. Xaa’oon kun qonnaan bulaaf osoo hin dhaqqabin dura, qonnaan bultootni  xaa’oo kan argachuu qaban gama waldaa hojii gamtaan qofa akka ta’eefi gabaafi qaama dhunfaa kamirraayyuu bitachuu akka hin qabne hojiin  hubannoo uumuu  gama waajjira qonnaafi ogeessoota qonnaan,  hawaasaaf kennamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan, hojii hubannoo uumuu hojjetameenis hawaasni xaa’oo waldaa hojii gamtaarra qofa fudhachaa jiraachuu dubbataniiru. Xaa’oon kanaan dura naannoo Affaariifi bakka adda addaarraa karaa seeraa alaa, gara bulchiinsa sablammii Oromootti gale,  to’annoo jalaa oolchuun danda’amuu aadde Kadijaan ibsaniiru. Qonnaan bulaa Indriis hanqinni xaa’oo jiraachuusaa gaaffii kaasanis, itti gaafatamtuun waajjira waldaa hojii gamtaa bulchiinsa sablammichaa garuu, hanqinni xaa’oo bara kanaa bara kamiyyuu caalaa, bara oomisha kanaaf  haala gaha ta’een dhiyaachuu dubbataniiru. Bara oomishaa darbeetti xaa’oo kuntaalaa kuma 31 bulchiinsa sablammichaaf dhiyaachuu kan yaadachisan aadde Kadijjaan,  bara kana  kana bara darberraa gara kuntaala kuma  19 caalmaan jiraachuu hubachisaniiru. Hanga ammaattis xaa’oon kuntaala kuma jaha ta’u qonnaan bulaaf raabsamuu dubbataniiru. Lakkofsi xaa’oo qonnaan bulaaf raabsame xiqqaachuu kan danda’efis,  bulchiinsa sablammichaatti roobni gannaa waan harkifateef ta’uu hubachisaniiru. Kanaan alatti garuu hanqinni xaa’oo kan hin jirre ta’u mirkaneessaniiru. Haata’u malee gatiin isaa kan bara darberraa xiqqoo dabaluu isaa eeraniiru. Hojii hubannoo hawaasaa bal’aaf uumameen, qonnaan bulaan gatii isaatti amanee bitaa jiraachuu eeraniiru.

‘’Raabsaa xaa’oo waliin walqabate, itti gaaftamtootni fi ogeessoota qonnaatu ooyiruu qonnaan bulaan qabu safartuun adda baasuun, xaa’oon hammana isa gaha jedhanii murteessuu’’ jechuun dubbataniiru. Ogeessootni qonnaa, lafa qonnaan bultootni qaban irratti hundaa’uun xalayaa waldaa hojii gamtaaf barreessan wabii godhachuun, qonnaan bulaan xaa’oo akka argatu ni taasifama jedhaniiru. Qonnaan bulaan Sanyiin filatamaa hanga barbaadu akka argatuufis waldaan hojii gamtaa Yuuneeni Boorkannaa waliin ta’uun dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru. Walumaa galaatti xaa’oofi sanyiin filatamaa harka daldaltootaaf akka hin geenye bulchiinsi sablammichaa hordoffiifi to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu hubachisaniiru. Dabalataanis qonnaan bulaan xaa’oo uumamaa akka qopheessuuf hojii hubannoo uumuu hojjetameen,  qonnaan bultoonni naannawa isaanirraa qopheessuun fayyadamaa jiraachuu ibsameera.

Alamuu Balaayiin

Oduu

AMECO Hirkoo