Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaanota Tokkoomse

        

Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabduun misoomuuf fedhii guddaa qabaachaa turuun ishee ifadha. Garuu, hiyyummaafi dhiibbaa alaan irratti taasifamaa ture irraa kan ka’e hawwii irra dabartee baroota dheeraaf mirga laga Abbayyaa misoomuuf qabdu gonfachuu dadhabuun barootaaf maraamartoo hiyyummaa keessa akka turtuuf dirqamteetti. Qabeenya uumamaa biyyi keenya misoomaaf itti hin fayyadamiin turte keessaa tokko qabeenya bishaanii yoo ta’u, laga guddicha Abbayyaa faayidaa misooma biyyaaf oolchuun abjuu uummata biyyattii bara dheeraa ture. Xiiqii mootummaafi dhaloota haaraa keessatti uumameen waggoota 14 har’aa kan jalqabame ijaarsa pirojaktiin hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa milkeessuuf lammiileen biyya keenyaa biyya keessaafi ala jiraatan humna, beekumsaafi qabeenya isaanii waakkii tokko malee gumaachuun yeroo ammaa kanatti hidhicha sadarkaa xumuraa irra geessisanii jiru.

Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Taraf, Jamaal Daawud ”lagni Abbayyaa biyyuma keenya keessaa osoo madduu baroota dheeraaf faayidaa barbaachisaa nuuf kennaa hin turre” jedhaniiru. Baroota dheeraa booda Itoophiyaanonni humnaafi qabeenya isaaniin garaagarummaa tokko malee sochii ijaarsa hidhichaa jalqabuu dubbataniiru. Isaanis gama isaaniin akka lammii tokkootti waan danda’an ijaarsa hidhichaaf gumaachaa turuu yaadataniiru. Tumsa lammiileen biyyattii hidha haaromsa guddichaaf taasisaniin tokkummaan uummattoota biyyattii daran ol bahee kan ittiin mul’atedha kan dubbatan. ”Ijaarsa hidha haaromsa guddichaa irratti Itoophiyaanonni kallattiilee hundaan jiran walqoodiinsa tokko malee hirmaannaan taasisan miira tokkummaa cimaa kan uumedha” kan jedhan ammoo,  jiraataan godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee, obbo Mahaammad Siraaj hidhichaaf lammiileen biyyattii galii olaanaa, giddugaleessaafi gadaanaa qaban hanga humna isaaniitti gumaacha taasisaa turuun isaanii lammiileen biyyattii kanaan dura seenaa gootummaafi injifannoo waloo tokkummaan duulanii birmadummaa biyyaa kachachiisuu irratti argatan misoomaanis kan irra deebi’an ta’uu himaniiru.

Uummattonni biyyattii eenyummaa garagaraa qabaniin osoo wal hin qoodiin miiri tokkummaa ijaarsa hidhichaa irratti agarsiisan  fuulduratti  pirojaktoota gurguddoo biroo ijaaruu akka danda’aniif agarsiistuu guddaa ta’uu obbo Mahaammad dubbataniiru. Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Seenessaa Dammisee, ”uummanni biyya tokko keessa jiraatan amantii, eenyummaa akkasumas ilaalcha adda addaa qabaachuufi yaadiddama siyaas- dinagdee garagaraa hordofuu malu” jedhaniiru. Ilaalchi siyaasaa yeroo yerootti haalotaafi baroota wajjin jijjiiramaa kan deemu ta’us biyyi kan Walooti jedhaniiru. “Wantoonni hunduu yeroo isaanii eeggatanii darbanis kan itti fufee jiraatu biyya” kan jedhan barsiisaan kun biyyiifi uummanni ammoo kan walirraa adda hin baane ta’uu hubachiisaniiru. Biyya tokko akka biyyaatti ittifufsiisuuf dantaa biyyaafi uummataa durfachuun murteessaadha jedhaniiru. Garaagarummaa kamiyyuu moggaatti dhiisuun waan waloofi biyyaalessaa irratti wal wajjin dhaabachuun biyya tikfachuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Yaadiddamni siyaasaa kan guddachuu danda’u yoo biyyi jiraattedha kan jedhan barsiisichi, seenaarraa wanti hubatamu uummanni Itoophiyaa garaagarummaa eenyummaa isaa bu’uura osoo hin godhatiin tokkummaa isaa cimsachuun birmadummaa biyyaa tikfatee har’aan gahachuu isaa himaniiru. Barsiisaan kun, ”uummanni biyyattii tokkummaan dhaabbatee biyya birmadummaa qabdu ijaarachuun isaa Afrikaa irra darbee sadarkaa idil-addunyaatti uummata fakkeenyummaa gaarii qabudha” jedhaniiru. Kanaaf, humna waan hundaan cimaa ta’e tokkummaan qolachuun injifannoon Adwaa irratti argatan agarsiistuu guddaa ta’uu eeraniiru. ”Tokkummaan ijaarsa hidha haaromsa guddichaa irratti uummanni biyyattii agarsiisan biyyattiirra darbee uummata Afrikaaf mallattoo guddaa chichoominaan waan tokko  hojjechuun kan danda’amu ta’uu isaa kan mul’isedha” jedhaniiru. Pirojaktiin Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa garaagarummaa jiru dhiphisuun walitti dhufeenya, tokkummaafi jaalala saboota, sablammootaafi uummatoota biyyattii kan jabeesse ta’uu hayyuun kun himaniiru. Hidha laga Abbayyaa irratti gaaffileefi qormaatonni garaagaraa mudachaa turuufi gara jalqabaa mootummaan Itoophiyaa qorannoo qopheessuun baankiin addunyaa hidha haaromsaa akka deggaruuf yaalii guddaa taasisee turuu yaadataniiru. Sababa qaamoleen tokko tokko ejjennoo ilaalcha siyaasaa dogoggoraa biyyattii irratti deemsisaa turaniif hidhichi qorumsaaf saaxilamaa ture jedhaniiru. Qabata kanaan baankiin addunyaafi dhaabbileen faayinaansii biroon hidhicha deggaruurraa kan qoollifatan ta’uu himaniiru.

Barsiisichi akka jedhanitti, silaa kaayyoon baankii addunyaa biyyoota guddataa jiran keessatti pirojaktoota gurguddoo akkasii hojjetaman akkasuma barnootaafi guddina dhala namaa irratti xiyyeeffachuun deggaruudha. ”Hidha annisaa qulqulluu oomishuu danda’uufi jijjiirama qilleensaa keessatti gahee guddaaa bahachuu danda’u hin deggarru jechuun isaanii shirri guddaa jiraachuu isaaf agarsiistuu guddaadha” jechuun qeeqaniiru. Ta’us, Itoophiyaanonni hiyyummaanis jiraatu harka namaa hin eegnu yoo tokkoomne hidhicha ijaaruu dandeenya amantii jedhuun chichoominaan itti seenanii tokkummaa isaanii daangaa hamma daangaatti ittiin calaqqisiisaniiru jedhaniiru. Amantiifi sabummaan osoo wal hinqoodiin hamma humna isaaniitti hirmaachuun waan Afrikaaf fakkeenya ta’uu ijaaruu danda’uu isaanii dubbataniiru. Kunis bu’aa tokkummaarraa maddedha jedhaniiru.

Pirojaktiin Afrikaarraa 1ffaa ta’eefi sadarkaa addunyaatti biyyattii beeksise hojjetamee xumuramuun isaa seenaa injifannoo Adwaatti aansuun seenaa  lammaffaa ta’uusaa kaasaniiru. Kunis, quuqama, aantummaafi jaalala birmadummaa uummatichi biyyaaf qaburraa kan burqe ta’uu isaati kan himan. Hidhichi agarsiiftuu milkaa’inaa faajjii tokkummaa uummattoota Itoophiyaa kan mirkaneessedhas jedhaniiru. ”Addunyaa nuti har’a keessa jirru qormaatilee adda addaa ofkeessaa qabdi, dhaloonni Itoophiyaa keessa jirru kana keessaa of baasuu hin dandeenyu” kan jedhan barsiisaan kun, sababoota giloobaalayizeeshiniitiin, guddina teknoloojiitiin, hubannoo nam-tocheen (AI) baay’ina uummataaf qaala’iinsa jireenyaatiin jijjiiramonni addunyaa irratti dhufaa jiran waan mul’ataa jiru waan ta’eef qormaatilee kanarra aanuuf lammiileen biyyattii tokkummaa isaanii daran cimsachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Gaafa lola Ogaadeeniifi Adwaa, uummanni Itoophiyaa tokkummaan waan falmateef birmadummaa biyyaa eeggachuu danda’e jedhaniiru. Sabummaa, siyaasaafi amantiin wal qooduun wal dadhabsiisuun biyya kan dadhabsu ta’uu eeranii, biyyaafi jaarmiyaa dadhabaa qabaatanii addunyaa wajjiin tarkaanfachuun waan hin danda’amneef tokkummaa ofii cimsachuun waan filmaataaf hin dhihaanne ta’uu akeekaniiru. Uummattoonni biyyattii hidhichi gama siyaas-dinagdeefi hawaasummaan faayidaan qabu guddaa ta’uu hubachuun milkaa’ina hojii kanaaf humna, qabeenya, beekumsaafi yeroo isaanii aarsaa gochuun yeroo ammaa gara xumuraa irra akka dhaqqabu taasisuun isaanii injifannoo guddaa ta’uusaa hubachiisaniiru. Uummanni biyyattii garaagarummaawwan xixiqqoo biroo moggaatti dhiisuun waan waloo irratti waliin dhaabachuu akka qabu barsiisichi dhaamaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo