Piroojaktii Abdii Biyyattii Hundi Tumsaan Eeguu Qaba

 

 

Yeroo dhihootti piroojaktiin imimmaan uummata baay’ee haquu danda’u hidhni Haromsaa Guddicha Itoophiyaani eebbifama. Addunyaa keenyarratti  lageen biyya tokko irraa gara biyya biraatti daangaa qaxxaamuruun ce’an hedduun jiru. Biyyootni Addunyaa hedduunis  lageen daangaa ce’aa ta’an kanneen, geejjibaaf,humna maddisiisuu, misooma jallisii, dhiyeessi bishaan dhugaatii magaalootaafi dhimmoota biraaf yeroo isaan fayyadaman ni mul’atu.

Itoophiyaan qabeenya uumamaan badhaate osoo jirtu sirnaan fayyadamuu dhabuun, lammiileen ishee hiyyummaa keessa akka jiraatan taasiseera. Hiyyuummaa balleessuufi guddina diinagdee fooyya’aa ta’e fiduuf biyyattiin hidha haaromsa guddicha dabalatee piroojektoota gurguddoo ijaaraa jirti. Hidhaa haaromsa guddichaa laga Abbayyaa irratti hojjetamaa jiru,  Itoophiyaanootni garaagarummaan osoo isaan hin daangeessin maallaqa ofiin piroojeektii ijaaraa jiraniidha. Ijaarsi hidhichaa akka hin milkoofne dhiibbaan hedduu  biyyoota guddinaafi misoomuu Itoophiyaa hin jaallanneen taasifamaa turus, yeroo ammaa dhiibbaa biyyootni taasisan dandamachuun ijaarsi isaa sadarkaa xumurarraa gahee jira. Piroojeektiin guddaan biyyattiin qabdu keessa hidhni haaromsa guddichaa tokkoofi isa hangafaati.

Piroojektiin kun humna uummataan, gargaarsa tokko malee ijaaramuun isaa pirojeektoota gurgguddoo addunyarraa ijaaramaa jiran irra adda isa taasisa. Hidhni guddaan biyyattiin ijaaraa jirtu kun yeroo xumuramu,  uummatni miliyoonaan lakka’aamu ifaafi annisaa elektiriikaa haala gahaa ta’een akka argatus ni taasisa. Itoophiyaa dabalatee, biyyootni  ollaa humna elektiriikaa lammiilee isaaniif dhaqqabamaa taasisuu hin dandeenye, hidhichi tajaajila guddaa kan kennu ta’uun isaatiis himameera. Adeemsa kana keessatti biyyootni Bahaa Afrikaa tumsa isaanii cimsuufi akka wal deeggaran taasisuu keessattis, hidhichi humna guddaa kan ta’uudha. Hidha haaromsa guddaa biyyattiin ijaaraa jirtu kun, annisaa maddisiisuun alatti, gidduu galaa dinagdeefi bashannanaa ta’uun, galii biyyatti daran akka dabalu kan taasisuudha.Hidhni haaromsaan kun yeroo xumuramu lammiileen hedduu hiyyuummaa keessaa kan itti bahanidha.

Waan kana ta’eef ammas taanaan Itoophiyaanoonni yeroo hunda ijaarsi isaa erga xumurameen boodas ta’u nageenya hidhichaa eeguu qabu. Gama hundaan dhimma hidhichaan walqabate mootummaa maddii ta’uun uummanni waan irraa eegamu hunda taasisuu qaba. Walumaagalatti hanga hidhicharraa faayidaa olaanaa eegnuutti fayyaalessa isaatiif hundi tumsaan eeguu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’ati.

Oduu

AMECO Hirkoo