Itoophiyaanotni akka qaroo ija isaaniitti kan ilaalan hidhi haaromsa guddichaa ijaarsi isaa waggaa 14’n booda xumuramee eebbifameera. Miliyoonota dukkanarraa gara ifaatti, hiyyummaarraa gara guddinaatti ni ceesisa jedhamee abdii guddaan kan irraa eegamu hidhi haaromsaa kun qormaatilee hedduu keessa darbuun milkaa’ina kanaaf dhaqqabeera. Dhiibbaan dippiloomaasiifi rakkoon nageenya keessoo hidicha xumuruuf gufuu ta’aa turuus, rakkoo kana hunda dandamachuun milkaa’uu danda’eera. Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisuutti Itoophiyaan baay’ina uummata qabdu keessaa, uummatni miliyoona 60 ol ta’u annisaa elektrikii kan fayyadamu miti.
Ragaan ministeera bishaaniifi inarjii Itoophiyaas kana kan mirkaneessu yoo ta’u dhibbeentaan 46 uummatni Itoophiyaa fedhii annisaa elektiriikaa qabu milkeessuuf xumuramuu hidha haaromsaa si’oomina guddaan eegaa tureera. Kanaafis fakkaataa dhakaan bu’uuraa hidhichaa yeroo ka’aame irraa kaasee, Itoophiyaanotni hundi waan qaban irraa hir’isanii, amantaa, sanyii saala, umurii, eenyummaafi sabummaan osoo addaan wal hin qoodiin, hidha haaromsaaf gumaacha olaanaa taasisaa turaniiru. Uummanni ijaarsi hidhichaa milkeessuuf humna, qabeenyaafi beekumsa isaatiin tumsa walirraa hin cinne taasisaa tureera. Kanaafis hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa ashaaraa uummattoota Itoophiyaa hundaafi siidaa injifannoo, tokkummaa sabaafi sablammootaa uummattoota Itoophiyaa hunda ta’uu kan mirkaneessedha.
Bu’aan hidhi haaromsa guddichi uummata Itoophiyaaf gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan qabu guddaa ta’uu hubachuun uummatni biyyattii deggarsa hunda galeessa taasisuun, hidhichi ijaarsi isaa xumuramee akka eebbifamuuf gumaacha olaanaa taasisaa tureera. Eebbifamuu hidhichaa hordofee uummatni gammachuu isaa hiriira deggarsaa bahuun dhaadannoowwan garaagaraa dhaggeessisuun ibsachaa tureera. ‘’Waloon dandenyeerra, hidhi keenya humna ofiin kan ijaarre, utubaa waliin jireenyaafi tokkummaa keenyadha, hidhi keenya mallattoo bilisummaa keenyaati’’ kan jedhan dhaadannoowwan muraasa hiriirtootni qabatani bahaniidha.
Jiraataan magaalaa Baahir Daar Geetaachaw Ayyanaw, “hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa, maallaqaafi beekumsa keenyaan ijaarre xumuruun keenya hedduu na gammachiseera,” jedheera. Hidhichi kan milkaa’e tumsaafi tattaaffii Itoophiyaanota hundaan akka ta’e himuun gara fuula duraatti uummatni tokkummaan yoo dhaabbate pirojaktiiwwan biyyattiin ijaaruuf karoorsite milkeessuun akka danda’amus ibseera. Hidhi haaromsaa guddichi humna ofiin jalqabanii xumuruun akka danda’amuuf agarsistuu guddaa ta’uus himeera.
Jiraataan magaalaa Shaggar Masfin Dhugaasaa, Itoophiyaan qormaata hedduu keessa dabartee hidha haaromsa guddicha milkaa’inaan xumuruusheetti gammaduu ibsaniiru. Milkaa’ina boonsaa kana pirojektoota misoomaa birootiin dabaluuf hirmaannaa isaanii akka cimsan beeksisaniiru. Injifannoo Adwaatti aanee sadarkaa Idil Addunyaatti mataa keenya akka ol qabannu kan nu taasise hidha haaromsa guddicha Itoophiyaati jedhaniiru.
Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, hidhi haaromsa guddicha Itoophiyaa dhugaafi seenessa waloo dhaloota kanaa ta’u dhubbataniiru. Hidhichi biyya keenyaaf agarsiistuu jalqabbii bayyanachuu, dhaloota bara kanaaf immoo seenessa waloofi dhugaa waloo ta’uu kan himan obbo Araggaan, hidhichi tokkummaa, waloomaafi waliin jireenya Itoophiyaanotaa kan mirkaneessedhas jedhaniiru. “Hidha haaromsa guddichaa, Itoophiyaanota tokko gochuun kan walitti hidhe seenaa waloofi qabeenya waloo keenyaati,” jedhaniiru. “Qormaatilee mudatan obsaan darbuun injifannoofi milkaa’ina kanaan geenye jirra, tokko taane, gaabbii bara dheeraaf ture, ifaajiifi tattaaffii keenyaan gara ifaa qabatamaatti ce’uu dandeenyeerra,” jechuun himaniiru. Fedhiin Itoophiyaanotaa, misoomuufi jijjiiramuu, guddachuufi badhaadhuu ta’uu kan kaasan obbo Araggaan, hidhi haaromsa guddicha Itoophiyaas guddinaafi badhaadhina biyyaa milkeessuuf agarsiistuu guddaa ta’uu himaniiru.
Itoophiyaafi Itoophiyaanootni yeroo hunda mallattoofi fakkeenya injifannooti, har’as akkuma kaleessaa kabaja biyyaafi nageenya biyyaaf waloon dhaabbachuun injifannoo biraaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. ‘’Hidhi haaromsa guddichaa, wabii waliin jireenya keenyaa, xumura gaabbii keenyaafi ifa abdii Itoophiyaa boruuti,” jedhaniiru. Hidhichi tokkummaa keessoo kan cimse, seenessa waloo kan ijaareefi faayidaa biyyaalessaa kan mirkaneesse ta’uu hubachisaniiru.
Ministirri muummee Abiy Ahmad (Dr) hidhi haaromsa guddicha Itoophiyaa, Itoophiyaanota qofaaf osoo hin taane, uummata gurraachotaa hundaaf seenaa ta’ee kan jiraatu, injifannoo guddaa ta’u isaa dubbataniiru. Hidhichi bara kadhaafi hirkattummaa biyyattii kan hambisu ta’uus himaniiru. Itoophiyaan hidha haaromsaa kan ijaarte, misoomuu, badhaadhuu, naannawichaa ibsaan guutuufi seenaa uummattoota gurraachaa jijjiiruuf malee biyyoota biraa miidhuuf akka hin taanes ibsaniiru. Biyyattiin waggoottan itti aananitti doolaara biliyoona 30 oliin pirojaktoota gurguddoo hedduu ijaaruuf hojjechaa jiraachuus himaniiru. Alamuu Balaayiin