Sababa Dhabamuu Nageenyaan Rakkoo Wal-xaxaa Dubartoota Irratti Dhaqqabaa Jiru

Rakkoon nageenya biyya keenya keessatti mudate dhaabbilee hedduu irratti miidhaa kan dhaqqabsisee ta’us keessattuu damee barnootaa irratti dhiibbaan inni  geessise hammaataadha. Barattootni miiliyoonaan lakkaa’aman barnootaan ala akka ta’an taasiseera. Kunis banaan dhaloota akka uumamu, hanqinni humna namaa baratee biyyattiin akka dhabdu kan taasisudha. Misooma humna nama barateefi guddina hunda-galeessa biyyattii irrattis banaa guddaa kan uumudha. Dhabamuun nageenyaa miidhaan biyyaafi dhaloota irratti dhaqqabsiisu jechaan kan ibsamu miti.

Naannoo Amaaraatti waggoottan lamaan darbanitti rakkoon nageenyaa uumameen barattootni hedduun dirree barnootaan ala ta’aniiru. Sababa dhabamuu nageenyaatiin barattootni barnootaan ala ta’an immoo rakkoolee garaagaraaf akka saaxilaman taasiseera. Keessattuu barattootni dubaraa  dhiibbaa hunda galeessaaf akka saaxilaman taasiseera. Umurii malee heerumuu, godaansa seeraan alaaf saaxilamuu, mana namaa galanii maallaqa argachuuf jecha qisaasama humnaaf saaxilamuun dhiibbaa dubartootaa irratti dhaqqaban keessaa isaan muraasadha.

Aminaat Ahmad Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qawat ganda Addis Ambaatti dhalatte guddatte. Barnoota ishee sadarkaa 1ffaas bakka dhalattee guddattetti jalqabuun barachaa turuu ibsteetti. Aminaat akka jettetti, barnoota ishee haala gaariin  barattee xumuruun, iddoo guddaa gahuun ofiifi maatii ishee gargaaruuf mul’ataafi hawwii guddaa qabdii turte. Mul’ataafi hawwii ishee galmaan gahuufis barnoota ishee sadarkaa 1ffaa mana barumsaa abbaa Harrayyuutti jalqabdee  hanga kutaa saddeetiitti barachaa turuu himteetti. Haata’u malee waggaa lamaan dura barnoota ishee kutaa saddeettaffaa kan hordofaa turte Aminaat, sababa rakkoo nageenyaatiin abdii gara fuula duraa isheefi maatii ishee hawwite kanneen galmaan gahuuf imala barnootaa eegalte addaan kutuu himteetti.

Rakkoo nageenyaa naannawichaatti mudate, isheefi barattoota akka ishee irratti barnoota isaanii akka addaan kutaniif sababa ta’uu dubbatteetti. “Kaayyoon koo baradhee, mataakoo, maatiifi biyyakoo gargaaruuf ture, haata’u malee rakkoo waggoottan lamaan duraa mudateen barnoota akka addaan kutu na dirqisiise” jechuun dubbatteetti. Hawwiin ishee barattee iddoo guddaa gahuuf ta’us, Aminaat barnoota ishee waan addaan kutteef umurii kichuu waggaa 14’tti  heerumaaf akka dirqamte ibsiteetti.  Kanaanis,”abjuufi mul’anni  ani qabu osoo hin milkaa’iin karaatti akka hafuu ta’eera’’ jechuun miira gaddaan ibsiteetti.  Akka hiriyyoota koo fiigee osoo hin quufiin heerumuu kootti baay’een gaddeera jechuun  waa’ee egeree ishee yaaduun miira gaabbiin kaasteetti

Aminaat  yeroo ammaa uffata miicuufi buddeena mana namaa deemte tolchuun jireenya ishee geggeeffachaa jiraachuufi rakkoo hedduuf saaxilamuu dubbatteetti. Dhabamuun nageenyaa barattoota dubara akka Aminaat ta’an hedduun barnoota isaanii addaan kutuun rakkoo garaagaraaf akka saaxilaman taasisuu, Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Naannoo Amaaraatti, Daayrektaarri Adeemsa Kabachiisa Mirga Daa’immanii,  Ashaagree Zawudee himaniiru. Naannichatti waggoottan lamaan darbanitti sababa rakkoo nageenyaan ijoolleen miliyoona afurii ol ta’an barnootaan ala turuu obbo Ashaagireen ibsaniiru.

Keessumaa cufamuun manneen barnootaa dhiibbaa inni barattoota dubaraa irratti dhaqqabsise daran olaanaa ta’uu kaasaniiru. Miidhaa saalaa, umurii malee heerumuufi dhiibbaan xin-sammuu barattoota dubaraa irra geessisu salphaa akka hin taane hubachisaniiru. Ragaa sirrii ta’e bakka hunda deemuun walitti qabuun rakkisaa ta’us naannichatti bara baajataa 2017’tti heerumni umurii malee 669 raawwatamu gabaasichi ni agarsisaa jedhaniiru. Ragaaleen sirrii yoo walitti qabaman,  lakkofsichi kanaa ol ta’uu akka danda’uus eeraniiru. Barattootni dubaraa barnootaan ala ta’uun isaanii dhiibbaa hawaasummaa garaagaraaf akka saaxilaman  taasisuu kan himan obbo Ashaagreen, miidhaa barattoota dubaraa irratti dhaqqabu hambisuuf dhaabbilee barnootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Barattootni dubaraa gara barnoota isaaniitti akka deebi’an hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiras jedhaniiru. Hojii tola ooltummaa gannaatiin barattoota dubaraa barnootaan ala turan deeggarsa xin-sammuu akka argataniifi maatiin isaaniis deggarsa hawaasummaa akka argatan gochuuf karoorfamee hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu eeraniiru.  Dubartoota qofa osoo hin taane daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe gara barnootaatti akka deebi’an  gochuuf warraaqsa barnoota qopheessuun hawaasa hundaaf hubannoo uumuun danda’ameera jedhaniiru.

Sababa meeshaalee barnootaatiin dubartoota dabalatee daa’imman barnootaan ala akka hin taane deggarsi meeshaalee barnootaa barbaachisu hunda kanneen deggarsa barbaadaniif, dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun deggaruun danda’amuus  dubbataniiru. Ilaalcha dogoggooraa hawaasaa, dubartoota waliin walqabatee  jiru sirreessuufis hojiin guddaa gama biirichaan hojjetamuu isaafi hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dubartootni sababa rakkoo nageenyaatiin barnoota addaan kutanii turan gara dirree barnootaa isaaniitti akka deebi’aniif yeroo ammaa bakka nageenyi fooyya’aan jirutti qaamolee garaagaraa waliin qindoomuun mana manarra deemuun hojiin dadammaqsuu hojjetamuu ibsaniiru.

Daa’imman dhaloota boru biyya bakka bu’an waan ta’aniif barnoota isaanii haalaan  akka baratan gochuuf qaamni hunduu gahe isaa bahachuu akka qabu waamicha taasisaniiru. Kutaaleen hawaasaa naannichatti argamu hundi, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaan, qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hundi daa’imman gara mana barnoota deemanii akka baratan gochuufi carraan Aminaat mudate warra kaan irras akka hin geenye gochuuf xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechuu akka qabanis amaanaa jedhaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo